Kitaabni Ministira Muummee Abiy Ahimad, 'Ida'amuu' maal hammate?

Kitaaba Ministira Muummee Abiy Ahimad

Madda suuraa, PMO

Ibsa waa'ee suuraa, Osoo aangootti hin bahin dura MM Abiy Ahimad maqaa dhoksaan kitaaba barreessanii turan

Kitaabni Ministira Muummee Abiy Ahimad barreessaniifi mata duree 'Ida'amuu' jedhu qabu guyyaa har'aa Finfinnee Galma Barkumee fi magaalotaa 20 ol Itoophiyaa keessatti eebbifamera.

Sirna Eebbaa Galma Barkumeetti gaggeefame kanarratti Pireezidantii duraanii Itoophiyaa Mulaatuu Tashoomaa(PhD), Giifti duree Adde Zinaash Taayyaachoo, Kantiibaa Itti aanaa Magaalaa Finfinnee Injinar Taakkalaa Uumaa dabalatee aanga'oonni olaanoon argamaniiru.

Ministirri Muummee Abiy erga gara aangootti dhufani kitaaba yeroo eebbisiisan kun isa duraati. Kan dura Satatee fi Irkaabinnaa Mambar kan jedhaman dabalatee kitaabota afur maqaa dhoksaatin gabaarra oolchuu isaanii himaniiru.

Maqaaan kitaabni kuni ittiin waamamu jecha Ministirri Muummee Abiy erga gara aangootti dhufanii biyya keessas ta'e biyya alaa yeroo hedduu dubbatanidha.

Qabiyyeen kitaaba kanaa kallattii siyaasaa, diinagdee akkasumas hariiroo dhimma alaa itoophiyaa kan akeeku akka ta'e Waajjirri Ministira Muummee beeksiseera.

Dabalataanis, walgahii Koree Giddugaleessaa booda ibsa dhaabni isaanii ODP baaseen ilaalcha ''Warraaqsa Dimookiraasii'' biyyattiin waggoota 20 olif ittiin bultu 'Ida'amuu'n bakka buusuuf mari'atamaa akka jiru ibseera.

Kitaabni kuni Afaan Oromoo, Afaan Amaaraa akkasumas Afaan ingiliziin akka barraa'e kan ibsame yoo ta'u baay'inni isaas miiliyoona 1 ta'un gabaafameera.

Gatiin kitaaba tokko birrii 300 yoo ta'u qarshii gurgurtaa kitaabichaa irraa argames manneen barnootaa ijaaruuf akka oolu miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru.

Eebba Kitaabaa

Eebbi guyyaa har'aa bakka Ministirri Muummee Abiy argamanitti Magaalaa Finfinnee Galma Barkumeetti taasifamaa jira.

Sagantaa kana irratti haati warraa isaanii Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachaw, Kantiibaa Itti - aanaa Finfinnee Taakkalaa Uumaa, Pirezidantii duraanii Itoophiyaa Mulaatuu Tashoomaa (PhD), ministiroonni, hoggantoonnii, namoota aartiifi kaan argamaniiru.

Sagantaa har'aa Kantiibaan Itti -aanaan Finfinnee Taakkalaa Uumaan (Injiinara) kitaabicha keessaa Afaan Oromoofi Afaan Amaaraan dubbisuun eegalaniiru.

Gameessi nama siyaasaa Obbo Leencoo Baatii sagantaa kana irratti waa'ee kitaabichaa xiinxala dhiheessaniiru.

Akka Obbo Leencoon jedhanitti kitaabni kun boqonnaa ijoo afur qaba. Fedhiin dhala namaa maal akka ta'e, ilaalcha siyaasa namootaa, diinagdee akkasumas inni afuraffaa hariiroo biyya alaa akka ta'e eeran.

Kitaabni kuni akka ummataafi biyyaa akkamin itti fufuun danda'ama waan jedhuf furmaata kennuuf yaala kan jedhan Obbo Leencoon, bareessaan kitaabichaa rakkoon ijoo Itoophiyaa qofummaa akka ta'e eera jedhan.

Qofummaan namooni waliitti dhufun rakkoo isaanii akka hin furre humna nu fuudheera jechuun barbaachisummaa 'Ida'amuu' dubbata jedhan.

Morkiifi wal gargaaruun madaallii isaanii akka hin eegne kitaaba keessatti ibsameera kan jedhan Obbo Leencoon, walumaa galatti humna, qabeenya walitti qabuufi kuusuun humna horachuun bu'aatti qajeeluu qabna ilaalcha jedhu qaba jedhan.

Kitaabni 'Ida'amuu' Maal Of Keessaa Qaba?

Wantoota hunda akka haaraatti eegaluurra waan gaarii dura ture irratti kuusuu irratti kan xiyyeeffatu 'Ida'amuun' qofa qofaatti ifaajuurra gara tokkotti walitti dhufuu /sassaabamuu/ jajjabeessa.

Dabalataan yaadawwan, qabeenya, beekumsafi humna jiru walitti qabuunis faayidaa qabeessa ta'uu hima.

Kaayyoowwan ijoo yaada Ida'amuu Itoophiyaa keessatti injifannoowwan siyaasaa fi diinagdee gaggaarii babal'isuu, dogongoroota raawwataman sirreessuu fi faayidaa fi fedhii dhaloota itti aanu milkeessuu dha kitaabni Ministirri Mummee Abiy Ahimad barreessan.

Yoo kaayyoowwan kunneen milkaa'anis badhaadhinni biyyaa ni argama jedha.

Haaluma kanaan galmootni yaada 'Ida'amuu' tokkummaa sab-daneessa uumuu, kabaja lammiilee fi badhaadhina fiduu dha.

Ida'amuun mala jijjiiramni biyyattii keessa jiru ittin hoogganamudhas jedhama.

Ka'umsa fi bu'uurawwan Ida'amu

"Namni uummama hawaasummaa kophaasaa jiraachuu hin dandeenyeedha" kan jedhu yaadni 'Ida'amuu' dhalli namaa deeggarsa nama biraa akka fedhu hima.

Kana malees dhimmootni siyaasaa, hawaasummaa fi diinagdees walin-hidhata kan qaban ta'uu fi 'Ida'amuun' midhaagina wal hubachuu irraa uummamu ta'uusaas eera.

Dhimmootni kunneenis namootni akka 'Ida'aman' yookin wal deeggarsaan akka hojjetanif sababadha jedha.

Yaadni Ida'amuu akka milkaa'uf immoo dhimmi biyyaa na ilaallata jechuu fi kakka'umsa agarsiisuu, wal morkii fi wal deeggarsa madaalawaa uumuu akkasumas galma waliinii qabaachuu fi dhimmoota waloo irratti xiyyeeffatanii hojjechuun barbaachisaa ta'uu kitaabichi hima.

Ida'amuu fi Siyaasa

Ilaalchi siyaasaa 'Ida'amuu' haala qabatamaa Itoophiyaa keessa jiru fi muuxxannoowwan idil-addunyaa ilaalcha keessa galchuun kan bocame ta'uu isaa kitaabni Ministira Mummee Abiy Ahimad hima.

Haaluma kanaan tarsiimoon siyaasaa 'Ida'amuu' kutaalee hawaasaa hunda-galeessa kan ta'e, injifannoowwan kan babal'isu, dogongoroota Ikan sirreessu fi badhaadhina dameelee heddu fiduu irratti kan xiyyeefate dha jedha.

Itoophiyaan falaasamawwan siyaasaa biyyaalee garaagaraa irraa fudhataman hojiirra oolachaa akka turte kan himu kitaabichi ilaalchi siyaasaa 'Ida'amuu' immoo falaasamawwan siyaasaa gabaa bilisaa fi soshaalizimii irraa duudhaalee kan fudhatu akkasumas qabeenya raabsurra omishtummaa guddisuu bu'uura kan godhate akka ta'e hima.

Gama biraatin "cunqursa kallattiis ta'e cunqursa gama caasaatin raawwatamu dhabamsiisuuf dimokiraasitu fala" kan jedhu Ida'amuun yeroo gabaabaa fi giddugaleessaa keessatti dimokiraasii waligaltee bu'uura godhate ijaaruun kaayyoo isaati.

Ida'amuu fi Diinagdee

Rakkooleen diinagdee Itoophiyaa heddu kan jedhu kitaabni Ida'amuu qoodinsi fi fayyadamummaan qabeenyaa haqa qabeessa ta'e dhabamuu, hanni baay'achuu, idaan (liqaa) biyyattiirra jiru guddachuu, qaala'iinsa gatii fi jireenyaa, dameen dhuunfaa dadhabaa ta'uu fi hanqinna bajataa isaan muraasa akka ta'an hima.

Gama biraatin Itoophiyaa keessatti waggaa waggaan lammiileen miiliyoona lamaa humna namaa hojiif gahaa ta'etti ni makkamu.

Haa ta'u malee yeroo ammaatti diinagdeen biyyattii waggaatti lammiilee miiliyoona tokko ta'an qofaaf carraa hojii uumaa jira.

Kun immoo lakkoofsi lammiilee hoji dhabdootaa miiliyoona 10 hanga 14 akka ta'u taasiseera.

Dabalataan mootummaan baasii ofii uwwisuu dadhabuun alatti liqaan waliigalaa biyyattiirra jiru doollaara biiliyoona 50 gaheera.

Kanaafis carraan hojii bal'aa akka uummamu, diinagdeen beekumsa irratti hundaa'e akka ijaarramu fi uummatni galii giddugaleessaa qabu akka heddummatu gochuun mul'atawwan yaada Ida'amuu keessaa muraasa.

Kanaafuu cabiinsa diinagdee kana fayyisuuf "mootummaan sochii diinagdeef haala mijataa uumuu, fayyadamummaa haqa qabeessaa mirkaneessuu akkasumas dorgomtummaa fi wal tumsuun akka jiraatuf hojjechuu qaba" jedha.

Dabalataan diinagdee dameelee heddu bu'ureeffate ijaaruu (qonna ammayyaa, tuurizimii, albuuda…), biyyaalee biroo walin hidhata diinagdee fi inestimantii uumuu akkasumas alergii guddisuu fi omishaalee biyyaalee biroorraa bitaman kan biyya keessatti omishamaniin bakka buusuun dhimmoota xiyyeeffanoon irratti hojjetamu ta'uus hima.

Gufuuwwan

Dhimmoota diinagdee, hawwaasummaa, siyaasa fi hariiroo biyyaalee biroo irratti kan xiyyeefatu Ida'amuun gufuuwwan galma gahiinsa isaa danqan akka jiranis hima.

Gufuuwwan kunneen immoo harka caalmaan ilaalcha yookin yaada bu'uura kan godhatani dha.

Akka fakkeenyaatis yaada ana qofatu sirriidha jedhu, morkataa walin walitti dhiyaatanii hojjechuuf fedhii dhabuu, haala qabatamaa jiru walin imaluurra yaada dursanii qabatan qofa hordofuu, walitti hidhamiinsa dameelee garaagaraa haalaan hubachuu dadhabuu, faayyidaa yerootif jecha yaada osoo hin madaalin fudhachuu fi kunneen birooti.