Paartileen mormituu Eertiraa dubbii MM Abiyyiitti mufanne jechuun xalayaa barreessan

Madda suuraa, PMO
Haasaa MM Abiy Ahimad eebba Paarkii Tokkummaa Masaraa Biyyaalessaa keessatti ijaarame irratti dubbataniin paartileen mormituu Eertiraa mufanne jedhan.
Paarkiin tokkummaa kuni torban darbe Kamisa A.L.I Fulbaana 29, 2012 bakka hoggantoonni biyyoota Baha Afrikaa argamanitti eebbifamuunsaa ni yaadatama.
Sagantaa kana irratti Pirezidantiin Eertiraa Isaayyaas Afawarqii kan hin argamne ta'us, Ministirri Mummee Itoophiyaa Abiy Ahimad 'Eertiraan ana bakka buufatteetti' jechuun qoosaa fakkeessanii isa dubbatanitu nu mufachise jechuun kan dubbatan.
Kanaanis, paartileen mormituu Eertiraa afur dubbichi walabummaa biyya keenyaa sarba jechuun MM Abiy Ahimadiif xalayaa barreessuu isaanii ibsaniiru.
Paartilee afur xalayaa waloo barreessan keessaa paartiin Kaawunsilii biyyaalessaa Eertiraa Dimookiraasiifi Jijjiiramaaf jedhu tokkodha.
Dura taa'aan paartii kanaa Obbo Nagaash Usmaan '' Ertiraan biyya walaba taatedha. Qaamni kamiyyuu dhimma keessoo ishee irratti dubbachuu akka hin dandeenye ibsina,'' jedhan.

Madda suuraa, PMO
''Itoophiyaan akkuma kanaan dura nu bitaa turteetti ibsa akkasii yoo kennitu waan yaaddessudha,'' jechuun xalayaa kana akka barreessan ibsan.
Dabalataanis, bulchiinsa mootummaa Ertiraatinis akka mufatan himan.
''Nama bakka buusan irratti qabsaa'aa jirra. Ofii isaaniyyuu qaama seera qabeessa qaban miti. Karaa dimookiraatawaan kan gara aangootti dhufan miti,'' jedhan.
''Garuu akka biyya ollaa tokkootti gaggeessitoonni biyyoota ollaa bakka jiranitti akkas jedhanii dubbachuun fudhatama hin qabu. Karaa seera qabeessaafi dimookiraatawaa ta'en biyya bulchaa kan jiran MM Abiy akkas jedhanii dubbachuun waan isaanirraa eegamu miti,'' jechuun BBC'tti dubbatan.
Kanaafis, mormii qabna jedhan ummata Itoophiyaa, MM Abiyyiifi addunyaatif ibsuufi beeksisuu waan barbaanneefidha kan xalayicha barreessine jechuun ibsaniiru.
Itoophiyaafi Ertiraan waldhabdee waggoota 20 booda waliigaltee araaraa mallatteessuun araaraa buusuun isaanii ni yaadatama.















