Haati Baaleetti gareen gudeedaman dhukkubaaf saaxilamuufi gaa'illi isaanii diigamuu himan

Madda suuraa, Getty Images
Akeekkachiisa: Qabiyyeen odeessa kanaa miira keessan jeequu mala.
Baaleetti harmeen yakki gudeeddii gareedhaan irratti raawwatame dhibeef saaxilamuufi maatiinsaanii diigamuu himan.
"Yakka baay'ee suukkanneessaafi gara jabinaan raawwatamedha" kan jedhan ammoo Abbaa Alangaa dha.
Miidhamtun dhuunfaa nageenyasaaniif jecha maqaansaanii hin eeramne Fulbaana 7, 2017 dhimma dhuunfaaf Godina Baalee aanaa Goobbaatii gara aanaa biraatti imala eegalan.
Haa ta'u malee imalarra osoo jiranuu yakki maatiisaanii diigamaaf, isaaniis dhibeefi dhukkuba qaamaaf saaxile irratti raawwatame. Yakki kunis yakka gudeeddii gareedhaan raawwatamedha.
Abbaa Alangaa Abdulwaahid Abduraahmaan Hogganaa Waajjira Abbaa Alangaa Godina Baalee yemmuu ta'an, "yakkichi tilmaamaan guyyaa keessaa sa'aatii 3-4 yeroo ta'utti raawwatame" jedhan.
Namoonni gochaa kana duuba jiranis namoota shan yemmuu ta'an, yakkichas itti yaadaniifi qophaa'anii raawwachuusaanii galmeen himataa Abbaa Alangaa hima.
"Itti qophaa'amee, itti yaadamee, karaarraa harkisanii bosona keessa galchuudhaan iddoo namni hinjirretti yakki kun kan irratti raawwatame" jedhan Abbaan Alangaa.
Akkaataa raawwii yakkichaa BBC'tti kan himan Abbaan Alangaa, "Jalqaba shakkamtoonni namni lama bosona keessa seensisuun tokko yeroo gudeedu tokko nama irraa ilaalaa gudeedan" jedhan.
Himatamtoonni sadafaffaa fi afraffaanis bifa walfakkaatuun yakkicha irratti raawwachuu kan himan Abbaan Alangaa, "namni shanaffaas yakka gudeeddii irratti raawwate" jedhan.
Miidhamtuun gama isaaniitiin kaleefi qaamni hormaata isaanii dhibeef saaxilamuu kan himan yemmuu ta'u, "miillis na dhukkuba, harkis kan jarri naqabde hanga ammaattuu nadhukkuba" jedhan.
Kana malees sababa yakka irratti raawwatame kanaan abbaa warraa isaaniifi ijoollee isaaniin gargar bahuusaaniifi hojiis hojjetachuu waan hindandeenyeef fira biratti hirkatanii jiraachaa akka jiranis himaiiru.
"Yakka miira bineensummaatiin raawwatamedha"
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Yakki miidhamtuurratti raawwatame gara jabinaafi gidirsuun raawwatame kan jedhan Abbaa Alangaa Abdulwaahid Abduraahmaan, "karaa namooma hinqabneen, akka namaatti osoo hintaanee miira bineensummaatiin yakki irratti raawwatame" jedhan.
"Gudeeddiin mataa isaatiin yakka mirga namoomaarratti raawwatamudha. Kunimmoo fedhiidhaan ala raawwachuu qofa osoo hintaanee gamtaadhaan yakka baay'ee suukkanneessaafi gara jabinaan raawwatamedha" jedhan.
Yakkichi erga raawwatamee booda miidhamtuun dhimmicha maatiisaanitti himan, eeruunis waajjira poolisiif dhiyaate. Qorannaan ragaa naannoo, ragaa kallattiifi alkallattii, ragaa ogummaafi ragaa yaalaa sassaabame.
Itti aansuunis Abbaan Alangaa, Mana Murtii Olaanaa Godina Baaleetti himata hundeesse.
"Yakka gosa akkanaatiif adabbiin seerarra taa'ee jiru hidhaa waggaa 5-20'ti" kan jedhan Abbaan Alangaa, namoonni yakkicha raawwatan umriinsaanii waggaa 17-20 gidduu ta'uunsaa, yakkicha raawwachuu amanuunsaaniifi kanaan dura kuusaa yakkaa kan hinqabne ta'uunsaanii ilaalcha keessa galchuun murteen kennamuu himan.
Haaluma kanaan Manni Murtii Olaanaa Godina Baalee dhaddacha ALI Hagayya 12, 2017 ooleen himatamtoota 1ffa hanga 3ffa jiran tokkon tokkonsaaniirratti hidhaa cimaa waggaa 10, himatamtoota 4ffaa fi 5ffaa irrattimmoo tokkon tokkonsaaniirratti hidhaa cimaa waggaa 12 murteessera.












