Namoonni ajjeechaafi gudeeddii waraana Sudaanirraa hafan maal jedhu?

Haadha hanqina nyaataan miidhame baattee jirtu

Madda suuraa, Dany Abi Khalil / BBC

Namoonni nagaa waraana waliinii Sudaan keessatti danqaman gudeeddii, haleellaa saba bu'uureffachuun taasifamuufi ajjeechaa daandiirratti adeemsifamu irratti BBCtti dubbataniiru.

Gaazexeessitoonni keenya dirree waraanni adeemsifamu dhihoo magaalaa guddoo Sudaan Kaartuumiitti argamaniiru.

Qondaalonni olaanoo UN lolli kuni biyyattii ''rakkoo namoomaa seenaa dhihoo keessatti isa hamaa jedhamuuf saaxileera,'' jedhan. Kunis rakkoo beelaa addunyaa isa guddaa fiduu mala.

Kana malees lixa biyyattii Daarfuritti haalli UN waggaa 20 dura duguuggaa sanyii ittiin jedhe deebi'ee jalqabu mala sodaan jedhu jira.

Akeekkachiis: Qabiyyeen kuni dhuga-bahumsa haleellaa saalaafi qaamaa qaba.

Dhohinsi achii dhufteen isaa hin beekamne daandii Omdurmaan raase. Namoonni kallattii hundumaan iyyu: ''Deebi'aa, deebi'aa gara duubaatti, dhukaasni biraas jira.''

Aarri waan hundumaa naannicha jiru uwwise.

Taatee kanaan dura namoonni suuqii daandiirra jirurraa ruuzii, daabboo fi kuduraa fudhachaa turan, tajaajilli kunis addaan citee turee dhihootti deebi'a.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Guraandhala walakeessa darberraa qabee waraanni Sudaan iddoo bal'aa Kaartuum Laga Naayil irra jiru deebisanii to'ataniiru.

Namoonni nagaa deebi'uu jalqabanillee meeshaaleen waraanaa walakkaa daandiirraa jiran garuu ammallee iddoo isaaniif malutti hin deebine.

Miidiyaaleen idila addunyaa waraana Ebla bara darbe jalqabe gabaasuuf rakkisaa itti tahullee BBC'n dhihoo dirree waraanaarraa waan tahu gabaasuu danda'eera.

Qabsoon aangoo balaafamaa waraana biyyattiifi michuu duraanii garee Humna Addaa Rapid Support Forces (RSF) gidduu jiru yoo xiqqate ajjeechaa namoota 14,000f sababa taheera.

Waggaa tokkoof waraanni biyyattiifi RSF Kaartuumiifi magaalawwan dhihoo jiran keesstti wal-lolaa turan.

Humni Addaa RSF iddoowwan kibba magaala guddoo biyyatti jiraniifi bakka bal'aa Daarfuur yeroo dheeraaf hokkoraan raafamaa ture to'ateera.

Dubartoonni Daarfuur irraa Chaaditti miliqan milishootaan irra deddeebiin gudeedamuu himaniiru. Dhiiroti kaampii keessatti argine daandii irratti ajjeefamuufi butamuu akka baqatan dubbatu.

Waraanni biyyattii sochiisaarratti odeeffannoon akka hin baaneef sodaa qaba.

Ogeessi kaameeraa BBC iddoo dhukaasni ture boodarra dhaqee yeroo waraabu namoonni hidhatan garummoo uffata danbii hin keewwanne qawwee mataasaatti qabanii turan.

Boodarra basaastota waraanaa tahuun beekame tahus kuni mallattoo muddamaa tahuu agarsiisa.

Waraanni biyyatti Omdurmaan to'atullee ammas darbee darbee walitti dhukaasuun ni dhagahama

Konkolaattota waraanaa daandii Omdurmaan irra

Madda suuraa, Dany Abi Khalil / BBC

Yeroo ammaa naannoo laga Naayil Kaartuumiin kara bahaa, Omdurmaan irraa adda baasu, gama lixa lagichaatti dha lolli kuni kan adeemsifamaa jiru.

Waraanni biyyattii meeshaaleen waraanaa RSF gamoowwan lagichaan gama jiranitti buufataniiru jechuun dubbatu.

Gabaan Omdurmaan waggaa dheeraa lakkoofsise duraan daawwattootaafi daldaltootaan ko'ommatu, amma jijjigaatti hafeera, suuqiiwwan saamamanii qullaatti hafaniiru. Konkolaatonni baay'inaan karaarra jiran kan waraanaati.

Baatii 11 darbe keessatti namoonni miiliyoona sadii tahan Bulchiinsa Kaartuum irraa baqataniiru. Kaan garuu Omdurmaan hin gadhiisnu jedhanii hafaniiru, baayyeen nuti dubbisne ammoo maguddoota.

Muktaar al-Badriin ulee qabatanii lafa dhukaasni turerraa fageenya kiloomeetira tokko hin guunetti naannoo gamoo Masjiidaa irra keessi isaa rukutameti tirachaa adeemu.

''As namoonni 150 tahan jiru. Baayyee isaanii nan beeka ture, Mohaammad, Abdullaa, Jalaal,'' jedha. Haaragalfannaa dheeraa booda, maqaa Dr Yooseef al-Haabir jedhu kan ogabarruu Arabaa keessattii maqaa qabu dhahan.

''Ana qofaatu hafe,'' jedhan.

Waraanni Sudaan lafa namoonni nagaan jiraatanitti haleellaa jajjabaa raawwachuun qeeqama. ''Namoota nagaa tiksuudhaaf of eeggannoo baraachisu taasiseera,'' jedha. Gareen RSF iddoowwan kanatti dahaatu jedheetu haleellaa raawwata.

Namoonni naannoo kana jiraatan manca'insa raawwateef qaamonni lameen gaafatamoo dha jedhu.

Tahus kaan immoo RSF yeroo naannicha to'atee ture saamichaaf haleellaa raawwachaa ture jechuun himatu.

''Konkolaataa, TV hataa, manguddootaafi dubartoota dhaanaa turan,'' jedha jiraataan Muhaammad Abdel Mutaaliib jedhamu.

''Namoonni beelaan mana keessatti waan du'aa turaniif reeffi isaanii achitti akka hin tortorreef baasaa ture,'' jechuunis dubbata.

''Dubartoonni sakatta'insi taasifamutti gudeedamuun isaanii beekamaa dha,'' jedha.

Afaaf Muhaammad Saaleem nama ganna 50 keessa jirtu yoo tahu yeroo waraanni jalqabe Kaartuum keessa obboleessashee wajjin jiraachaa turte.

Erga loltoonni RSF haleellaa irratti raawwachuun mana isaanii saamuun, obboleessashee miilarra itti dhukaasan booda Omdurmaan akka deeman himti.

''Dubartootaafi manguddoota reebaa akkasumas shamarraniin doorsisaa turan,'' jetti.

Waa'ee haleellaa saalaa haasa'uun Sudaanitti safuu waan taheef, birumaqabaan haasa'ama.

Meeshaa haaloo ba'umsaa

Amiinaa dubartii milishaan gudeedamte

Madda suuraa, Marek Polaszewski / BBC

Dubartoota gudeedaman maatiifi hawaasni ni loogu, moggaatti baasu, ni qollifatu. Namoonni Omdurmaan baayyeen dhimma kanarraa haasa'uu hin fedhan.

Kaampii daangaa Chaad irra jiru keessa baqattoonni jiran haleellaa saalaa irra gahe dubbachuuf as bahaa jiru. Amiinaan(kan maqaa nageenyasheef geeddarame) gara kiliinika tola oolaa Médecins Sans Frontières, dhufuun ulfa baasuuf gaafatti. Ija keessa otoo nun ilaaliin nu dubbiste.

Shamarreen ganna 19 Daarfuur irraa baqatte, ulfa tahuushee kan barte hospitaal dhufuun guyyaa tokko dura. Maatiinshee kana tasumaa akka baran hin feetu.

''Ani hin heerumne, durban ture,'' jetti Amiinaan.

Sadaasa darbe adaadaafi durbiiwwan ishee wajjin bakka dhalootasaanii Ardaamataa irraa otoo baqatanii milishoonni isaan qabachuu himti.

''Warri kaan baqatan anaan garuu guuyyaa guutuuf achi na tursan. Lama turan, baqachuu koon dura inni tokko irra deddeebiin na gudeede,'' jetti.

Seenaan Amiinaa haleellaa namoota nagaa baayyee irratti raawwate keessa tokko. Kunis yeroo RDF fi michoonnisaa Ardaamaataa lafa waraanni Sudaan jiru to'atan raawwate.

Ebla waggaa darbeerraa qabee naannichatti namoonni 10,000 tahan ajjeefamaniiru jedha UN.

Dhaabbatichi miidhaa saalaa yeroo waraanaa uumame 120 galmeessuu himuun kunis waan bal'inaan tahaa jiruuf agarsiistuu mitii jedha.

Haleellaa saalaa naannichatti uumameef harka 80 kan gaafatamu namoota hidhatan kan uffata danbii RSF keewwatan yoo tahu, waraanni Sudaanillee akkasuma himannaan irratti ka'a.

'Yoo saba Masaaltii taate si ajjeesu'

Kaampii biraa keessatti Ahmat harki hollachaa viidiyoo hidhattoonni shan Sadaasa darbe Ardaamaataatti yeroo dhukaasa itti banan agarsiisu ilaala.

Viidiyoo sanarraa namn hidhate tokko iyyaa, ''nan isaan fixa,'' jedha.

Ahimatis yeroo sana itti dhukaafamee ture durbiisaa Amiriifi hiryyaansaa Abbaas baattaluma du'an, isaaffi namoonni lama irraa hafuu dubbata. Viidiyoo suni namootuma hidhatan sanaan kan waraabame yoo tahu Ahimat garuu reef arga.

Dhiiroti biroo lama ammoo akkasuma namoota hidhatan kan miseensota RSF dha jedhaniin Ardaamataatti butamuun midhaan irra gahuu dubbatu.

Yoosuuf Abdallaa nama ganna 55 yoo tahu hidhattoota isa butanirraa miliquu hima. Haadha daa'ima wajjin yeroo ajjeesan arguu dubbata.

''Hawaasa Maasaaliit irraa tahuu keenya gaafatu, yoo taateef battaluma si ajjeesu,'' jedha.

Unicef biyyattitti hawaasni gariin beela hamaaf saaxilamuuf fixeerra jira jedha.

Daa'imni ganna sadii Maanaaseek daa'imman dhibbaan lakkaa'aman kan haqina nyaataa jabaan rakkatan keessaaati. Adeemuufi mataa ol qabachuu hin dandeessu.

Bakka dhaabonni deeggarsaa baayyeen jiran hospitaal Unicef magaalaa Poort Sudaan keessa jiru keessa baqattoonni Kaartumirraa baqatan baayyeen jiru. Haati daa'ima kanaa Ikraamis mucaashee achumatti rafisti.

Rakkoon daa'imashee maal akka tahe hin beektu, yaalsisuuf qarshii hin qabdu.

''Jireenya keenya dhabne, hojii keenya dhabne, abbaan warraa koo hojii barbaacha iddo biraa deeme,' jetti.

Ameerikaan qaamoti wal lollan lameen yakka waraanaa raawwataniiru jetti. Milishootaafi gareen RSF yakka namoomaa fi saba dhabamsiisuu raawwataniru jedha.

Qaamoti lamaan himannaa irratti ka'u ni haalu.

Waraanni kuni erga eegalee baatiin 11 darbus gamni lamaanuu lola dhaabuuf waan barbaadan hin fakkaatu.

Beela, lolaafi dhukkubni hammaannaan kanneen danda'an biyyaa baqataniiru - warri hafan injifannoo labsuu maaltu hafe jedhu.