'Reeffa haadhakoo waliin gammoojjii keessatti na dhiisanii deeman'-Saalaamaa

Mudannoo amma dubbisuuf jirtan kan lammiilee Sudaan qofaa miti. Lammileen Itoophiyaa kallattii garaa garaatiin namoota seeraan ala namoota daddabarsan waliin imalan mudannoo sukkaneessaa keessa darbu himaniti.
Lammileen Sudaan waraana biyyattii keessatti ka'e baqachaa turan gara Masriitti osoo imalanu duuti gara biraa daandiitti isaan mudateefi attamiin gudduuffaa saanii gaafa rakkoo akka saamaman BBCtti himan. Dhiyaadhaa.
Saalaamaan (kan maqaanshee jijjirame) shamarree waggaa 25ti. Isheenis, ‘‘reeffa haadhakoo waliin gammoojjii keessatti nagatanii deeman’’ jetti, yoo taatee imala Adooleessa darbe maatiishee waliin taasifteen mudate yoo yaadattu.
Saalaamaan haadhashee kan wagga 65 fi firootashee afur gara biraa waliin konkolaataa dadabartitootaa gubbaatti fe’amanii ilamaa turan yoo balaan isaan mudateetti. Balaa sanaanis haatiishee konkolaataarraa kufan.
Balaan sun qaqabuun duras erga sa’aatii saddeettiif imalanii booda irribaaf halkan dhaabbatanii ture.
‘‘Konkolaachisaan akka suuta oofuuf itti himaa turre’’ jetti Saalaamaan. Haata’u malee isaan dhagahuu diduun ariitiin waan osoo fiiguu balaan mudatee mataan hadhashee rukutamuun jalaa du’an.
Haata’u malee, konkolaachisaan balaan sana booda reeffa haadhashee, maatii kaaniifi meeshaa qabatan waliin fe’u akka didee ammalleen bohaa dubbatti.
Saalaamaan waraanni biyyattii keessatti gaggeeffamu gara magaala isheen keessa jiraattu, kan Laga Abbaan gama Omduurmaaniitti dhiyaachaa ture, maatii waliin baqachuuf murteessan.
Isheenis maatiishee gara magaalaa kaabaatti argamu, Gaangaabaa bakka dallaaloonni keessa socha’aniitti dabarsite. Bakkichi sababii namoonni karaa sana baqataniif maqaa masoo ‘‘buufata xiyyaaraa Gaabgaabaa’’ jedhamun waamama.
Waraanni aangoo garee waraanaa biyyattiifi garee humnoota addaa Sudaan (RSF) jidduutti Ebla keessa eegale.
Waraanichis ummanni miiliyoona 10 ol manasaanitii kan buqqaasee yoo ta’u, kanneen kuma 450 ta’an Masriitti baqachuutu tilmaamama.
Saalaamaa dubartii abbaa manaa irra du’ee fi haadha ijoollee lamaa taate, ollaasaaniitti yeroo hunda dhukaasa qawwee akka dhagahan dubbatti.
‘‘Lubbuun keenya balaarra waan turef achii gadhiisu qabna turre’’ jetti.

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Sababii karaa seeraatiin Masrii seenuuf vizaa argachuun rakkisaa ta’ef, osoo haadhashee waliin hin ka’iin duras ijoolleen ishee karaa namoota daddabarsaniitiin daangaa akka qaxxaamuran firoota kaan waliin haala mijjeessite turte.
Dubartoonniifi ijoolleen viizaa malee Masrii seenu ni danda’u ture, garuu sababii waraanichaatiin amma dhorkaan haaraan dhufe.
Namoonni seeraan ala nama dadabarsaniis yeroo baayyee dhiiroota naannichatti hojii warqee qotuurratti hirmaatan waan ta’aniif, daandii daangaa gammoojjii rakkisaa km 1,200 waan beekaniifi konkolaataa fe’umsaa argachu ni danda’u.
Isaanis daangaa ceesiisuuf nama tokkotti doolaara 300 kaffalte. Maallaqichis wayita gammoojjii keessatti gatanii bira darbaniitti hin deebiifamneef.
Isheenis reeffa haadhashee fi bishaaniifi nyaata qabatte muraasa waliin erga sa’aatiiwwaniif qarqara daandiirra turteen booda, konkolaachisaa midhaaniifi meeshaalee elektirikii fe’ee gara Sudaaniitti imalaa ture ishee arge.
Innis maatii kana gara magaala Kaaba Sudaan kan taate Abuu Haamaad bakka haadhashee itti awwaalteetti isaan deebiise.
Namoonni baayyeen waan isaan mudate ifatti dubbachu baatan illeen mudannoon Saalaamaa baayyee cimaa ture.
Kanneen BBCtti dubattan akka mirkanneessaniitti, konkolaachiftoonni karaa seeraan alaatiin namoota dadabarsanii eegumsa cabsanii darbuuf jecha saffiisa oolfaniif balaan konkolaataa baramaa ta’u himu.
Ibraahiim hojjataan mootummaa fi jiraataan Kaartuum Adooleessa darbe Masrii deemuu BBCtti hima. Konkolaataan ittiin imalaa ture dhakaatti bu’ee namni isa waliin ture murmiisaa miidhamuu akka du’e dubbata.
Namoonni nama dadabarsanis reeffa namtichaa gammoojji keessatti akka awwalamu dhiibbaa gochu hima.
"Hundumti ni nahan. Bakka awaalaa mallattoo tokko hin qabnetti awwaaluun bira tarree deemne. Dubartoonniifi daa’imman konkolaaticha keessa turan ni bohu turan’’ jedha Ibraahim.
Saamichisa baramaadha. Haalimaan ammo mudannoo sodaachisaa Muddee keessa osoo konkolaataan ittiin imalaa ture daangaa hin qaqabiin isaan mudate yaadatti.
‘‘Konkolaataan keenya wayita rakkoo ummaateetti dhiiroota fuulasaanii haguggatan afuuriin haleellaan nurratti arawwatame. Isaanis samiitti ol dhukaasaa turan. Intalakoo kabaluudhaan kan qabnu hunda fudhatan’’ jedhtti maanguddoon ganna 60 manashee bulchiinsa Geeziraa irraa baqatte.
Shaamtoonnis konkolaataan gara biraa yoo dhufu waan sodaataniis, akka carraa ta’e konkolaachiisaan gara biraa gargaaruun hanga daangaatti isaan geesse.
Haalimaanis intalliishee kan wagga 25, kann saayikolojistii turte, balaa sanaan waan baayyee miidhamteef erga Masrii gahaniin guyyaa tokkoon booda du’u himti.
‘‘Afuura baafachu dadhabe. Yeroon deeggarsa wallaansaa argachu waan dadhabneef dute jetti.
Namoonni BBC dubbis kunneenis erga waraanni biyyattii keessatti egalee qabee, garii namoota karaa seeraatiin ala nama dadabarsanii %200 dabalu himu.
Warri namoota daddabarsan baayyeenis kanfaltiin karaa appii baankiitiin akka raawwatamuuf gaafatu.
Namoonni baayyeen kanfalticha raawwachuuf qusannaa saanii fayyadamu ykn maatii biyya alaatti argaman irraa liqeeffatu.
BBCn mootummaan Masrii dadabarsitoota seeraan ala kanneen dhaabuudhaaf maal gochaa akka jiru gaafachuuf yaalurreen garuu ammatti deebii hin arganne.
Qontsolaan Sudaan kan Kibba Masrii Aswaaniitti argamu ammoo, balaa dadabarsitoota seeraan alaatiin wal qabatu irratti akeekkachiisuuf duula eegalu hime.
‘‘Adeemsa viisaa saffisiisuuf, namoota iyyatan baayyeen akka ayyama argatan dabalu gargaaruufi Sudaanooti baayyeen karaa seeraan biyyattii akka seena gochuuf mootummaa Masrii waliin hojjataa jirra’’ jedhan qondaalli Sudaan Aswaan keessaa, Abdal Qaadar Abdullaah BBCn.
Ummanni Sudaan bakka lamatti viizaa Masriitiif iyyachu danda’u. Innis Kaaba keessa Waadi Haalfaa fi Bahatti ammoo Buufata Sudaan irratti.

Haata’u malee sababii Waadi Haalfaan karaa ce’umsa daangaa lafaatti dhiyaatuuf baayyeen karaa sanaatti qajeelu. Kanaanis galmaa’uuf namoonni sa’aatiiwwaniif hiriirra irra dhaabbatu.
Erga viizaaf iyyataniin booda deebii argachuuf baatiiwwan fudhata. Maallaqa xiqqoon kanneen buqaa’an kunneenis bakkuma argame, manneen barnootaa dhiyoo ykn daandiirra buluun eeggatu.
Saalaamaanis erga yaaliin taasifte milkaa‘ufii didee booda ture karaa Buufata Sudaaniin karaa seeraan yaaluuf murteessite.
Haata’u malee baatii lamaaf eegaa turtulleen Qontsilaa Masrii irraa waa’ee gaaffii vizaa isheetiif deebii hin arganne. Kanaaf ture kan namoota seeraan ala nama dadabarsan yaaluuf gara magaalaa Kaaba biyyattii Atbaaraatti qajeelte Onkololeessa keessa.
‘‘Tibbanna imalichaaf qophoofnee turre’’ jetti haalaa itti qophaa’an yoo ibsitu.
Osoo daangaa kibba Masrii hin galiin duras "Gamoojji keessa gara guyyaa jahaa dabarsine’’ jetti.
Garuu Masrii galtus dararri baqattoota Sudaan hin dhaabbatu. Yoo hayyama baqattummaa hin qabne ta’e ykn isaaf iyyachuuf beellama qabachuu kan hin dandeenye ta’e, deebiifamanii ari’atamu danda’u.
Beellama qabachuuf ammo Aleeksaandariyaa ykn Kaayiroo dhaqu qabaatu.
Wiirtuu Komishinii Olaanaa Baqattoota UN (UNHCR) Kaayiroo keessaatti, maqaasaanii galmeessanii, kaardii haalluu waan jedhamu argachuuf kumaatamni hiriira qabatanii eeggatu.
‘‘Walgahii baatii afuriin boodaatiif beelama qabaachuuf qofaa qorra keessa sa’aattiiwwnaiif dhaabbata’’ jetti haaliimaan.
"Kaardii keelloo tokkicha yeroo baqattoota UN’tti galmooftu argachuun, seeraan hojii argachuufi UN irraa ji’aan deeggarsa argachu si dandeessisa’’ jetti. Eblatti kan biraa argachu yoo dandeesse akka deebiituuf itti himamu kaafti.
"Kan baqattummaan galmoofte Ibtesaan BBCtti akka himteetti, erga Waxabajjii keessa achi qaqabdeen booda UN irraa gargaarsa wayitu hin arganne.
‘‘Abbaan manaakoo du’eera. Baatii hunda kiraa manaafi barnoota ijoolleef kanfaluun qaba. Kan na gargaaru omtu hin jiru.’’
Hojjataan UNHCR Kiristiyaan Beshaay komiin kun dhagaa ta’u amanuun, garuu dhaabbatichi hanqina maallaqaa mudachu kaasa.
‘‘Dandeettii keenya %900n bal’ifne. Knaafuu dursa kan kenenamuuf adda baasuufi yaadu qabna. ‘Eenyuutu dursa deeggarsa barbaada? Kan jedhu yaadu qabna,’’ jedhan Dubbi himaan dhaabbaticha.
Saalaamaan ijoolleeshee kan Kaayirootti maatii waliin appaartimantii xiqqoo keessa jiraataniin wal argteetti.
Sadarkaan baqattummaa kan kennameef yoo ta’u, isheenis mana mataashii qabaachuun bahuu barbaaddi. Garuu ammo maallaqa ykn deeggarsa xiqqaan kun kan danda’amu miti.
Ammaan tanatti bakka nagaa jiraachuu danda’usheetti baayyee gammaddi, ta’us dadabarsitoota seeraan alaa du’a haadhasheetiif madda ta’aniif kanfaluuf dirqamuusheetti baayyee aaraa jirti.












