Godaansa seeraan alaa: Dargaggoon godaantota qarqara Jabutiitti dhuman keessaa hafe godaannisa godaansaa dubbata

Dargaggoo Galgaloo Hajii

Madda suuraa, IOM

Dargaggoon ganna 19 Galgaloo Hajii, Yamanirraa gara Jabuuttiitti bidiruu namoota 34 feeteen wayita deebi’utti galaanarratti faddaaltota meeshaa waraanaa hidhataniin ajjeefamuurraa lubbuun oole.

Guyyootaan dura qarqara galaanaa Jabuutiitti yoo xiqqaate godaantonni saddeet du'anii, 12 ammoo eessa buuteen isaanii dhabamuu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Ejensiin Dhimma Baqattootaa beeksisuu gabaasnee turre.

Dargaggoo Galgaloon Dilbata darbe haleellaa hidhattoonni kun namoota saddeet ajjeesanii, namoota hedduu madeessaan jalaa akkatti lubbuun hafe dubbateera.

Gabaasa marsariitii medium jedhamuun dhaabbata Godaantota Addunyaa -IOM'n maxxanfameen , dargaggoo Galgaloo Hajii waan mudate dubbata.

‘’Faddaaltonni uleefi sibilaa feerroon nu tumu turan. Maanguddoon tokko 'yoo na ajjeesuu barbaaddan na ajjeesaa jedhanii iyyu turan.'

Isaan garuu deddebi’anii dhaanu. Ani sana booda sa’aatii tokkoo hanga lamaatiif bishaan daakuuttin ka’e, daakeen bishaan keessaa gara qarqara lafaatti bahe,'' jedhe.

Lubbuun hafuukoo malee, maanguddoon sun du’uuf jiraachuusaanii hin beeku.

Reeffiin namoota ajjeefaman muraasaa garuu boodarra qarqara bishaanitti baheera jedhe.

‘’Sa’aatii sadiif ergan deemee booda dhaabbata godaansa idil- addunyaatu (IOM) na simate,’’ jedhe Galgaloon.

Godaannisa godaansaa-waan Galgaloo mudate

Naannoo magaalaa Adaamaarraa hojiin argadha jedhee abdiin kan manaa bahee biyya Arabaatti qajeele Galgaloon ‘’beela’aa, dheebochaa guyyaa 15 deeme keessatti godaantota karaarratti du’an fa’an arge,'' jedhe.

Hojii barbaadaaf wayita jalqaba biyyaa bahus, guyyoota muraasa keessatti Sa’ud Arabiyaatti akka qaqqabu fadaltoonni natti himani, anis amane dhugaa se’eeni jedhe.

Godaantonni 14,500 kanneen irra caalaan isaanii lammiilee Itoophiyaa ta'aniifi Yaman keessatti danqamanii jiran lubbuusaaniif sodaa akka qaban Dhaabbanni Baqattootaa Idil-addunyaa IOM ibseera.

Erga dhorkaan sababa Covid-19tiin taasifamee baatiin Guraandhalaa hanga Waxabajjii gidduutti, godaantonni Yaman keessa qaxxaamuran dhibbentaa 90n hir'atus, yoo xiqqaate lammiilee Itoophiyaa kuma hedduun lakkaa'amaniifi Yaman qaxxaamuraa turan kutaalee bulchiinsa biyyattii gara garaa keessatti danqamanii jiru IOM ibsee ture.

Godaantota Yamaniifi Sa’udiitti yaaddoo keessa jiran

Godaantonni Yaman keessa qaxxamuruun gara biyya Arabaatti ce'uuf yaalan kanneen 14,500 ta'an kunneen rakkoo hamaa isaan mudatu yeroodhaa gara yerootti dabalaa dhufeeras jedhe.

Baayyinni lakkoofsa baqattoota Yeman bulchiinsoota Adan, Maarib, Laahii fi Sa'aadaa keessatti danqamanii argaman kunneenis kana caaluu akka danda'ullee dhaabbatichi dabalee himaas ture.

Kun kanaan otoo jiruu, lammileen Itoophiyaa kumatamaan lakka’aman manneen hidhaa biyya Sa’uudii Arabiyaattillee haala yaaddeessa keessa jiraachuu isaanii jarmiyaan mirga namoomaaf falmu Aminastii Intarnaashinaal ibsuun, akka gadhiifaman waamicha dhiyeesseera.

Mootummaan Itoophiyaas daa’immaaniifi dubartootaaf dursa kennuun lammilee dhibbaan lakka’aman Sa’ud Arabiyaarraa gara biyyaatti deebisuu eegaleera.