'Rakkoo baqattoota Yamaniifi manneen hidhaa Sa'uudii furuuf ni hojjenna'

Lammiileen Itoophiyaa Beerutiitti argaman keessaa 180 gara biyyaatti akka deebii’aniif sanadni qophaa’uu isaafi lammiileen kunneenis yeroo dhiyootti gara biyyaa akka deebii’an hojjatamaa jiraachu Ambaasaadar Diinaa Muftii himaniiru.
Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa kan ta'an Ambaasaaddar Diinaa Muftii harra dhimma lammiilee Itoophiyaa biyyaalee baha giddugaleessaa jiranii, waa’ee hidha haaromsaafi dhimmoota waqtaawoo biroo irratti miidiyaaleef ibsa kennaniiru.
Haaluma kanaanis lammiileen Itoophiyaa Beerut jiraatan 180 gara biyyaatti akka deebii’aniif sanadni qophaa’uu isaafi lammiileen kunneenis yeroo dhiyootti gara biyyaa akka deebii’an himaniiru.
Lammiilee Itophiyaa Yaman jiran
Gama biraatiin sababa hookkara biyya Yaman keessa jiruun lammiilee Itoophiyaa iddoo tokkotti haala tasgabbaa’aa ta’een argachuun rakkisaadha kan jedhan Ambaasaaddar Diinaa Muftii, haa ta’u malee bakka bu’oota Gamtaa Awuroopaa walin ta’uun lammiilee 1,200 ta’aniif dookumantii imalaa qopheessuuf haalli mijataa jira jedhan.
Akkasumas mootummaa Sa’uudii Arabiyaa waliin walitti dhufeenyaa fi wal hubannoo gaarii qabna kan jedhan Ambaasaaddar Diinaan, “lammiilee Yaman keessa qaxxaamuruun Sa’uudii seenaniif haala mootummaan biyyattii kunuunsa itti taasisu irratti waligalteen ni jira” jedhan.
Lammiilee Itoophiyaa mana hidhaa Sa'uudii
Dhimma lammiilee Itoophiyaa manneen hidhaa Sa’uudii keessatti haala hammaataa keessa jiraniifi gabaasa dhaabbatni ‘Human Rights Watch’ tibbana baase kan gaafataman ambaasaadar Diinaan, “Rakkoon kun hinjiru jechuun baay’ee ulfaata. Haata’u malee namootni kun imbaasii fi qoontsilaa bira deemanii haalli deeggarsa itti gaafatan jiraachuunsaa ni beekkama,’’ jedhan.
‘’Yeroo tokko tokko ammoo haalli daandiirratti rakkoo keessa seenan ni jira. Nuyi garuu akka Ministeera Dhimma Alaatti imbaasiifi qoonsilaan achi jiran ambaasaadaraa hanga diploomaatota sadarkaa gadiitti dhimma lammiilee adda durummaan akka hordofan qajeelfama cimaa kennineerra” jedhan.
Dhimma Hidha Haaromsaa guddichaaa
Dhimma marii Hidha Haaromsaa Guddichaa Itoophiyaa ilaalchisee mariin biyyaalee yaa’a gadii sadan walin taasifamu itti fufee akka jiru himan.
“Nuyi fedhiidhaan, amantaafi onnee guutuun mari’achaa jirra. Yeroon bu’aa isaa itti himnus fagoo hin ta’u” jedhan.
Gama biraatiin walgahiin ambasaadaroota Itoophiyaa biyyaalee garaagaraa jiran waggaa waggaan adeemsifamu Wiixata ittaanu akka eegalu himaniiru.
Walgahii kanaan imaammatawwan garaagaraa irratti ambaasaaddarootaaf leenjin akka kennamuufi raawwiin hojii misiyoonootaa akka qoratamus dubbatan.
Dhimma gaazexeessaa biyya Keeniyaa Finfinneetti hidhamee ture, Yaasin Juumaa, kan gaafataman ambaasadar Diinaa Muftii “Namni kun asitti akka hidhame, erga hidhamee booda gama mootummaa Keeniyaatiin yaaddoon akka jiru gama imbaasiiwwan keenyaatiin kan nuuf ergameen alatti wanti mirkanaa nuti beeknu hin jiru jedhan.
Dhimmichis dhaabbata biraan qabamee jira. Imbaasiin keenyaa waa’ee yaaddoo mootummaa Keeniyaa kan nuuf ibse malee kanaan ala odeeffannoo hin qabnu” jechuun deebisaniiru.












