Sababoota shan Yaman keessatti koronaavaayirasii hammeessan

Madda suuraa, AFP
Yaman keessatti kornaavaayirasiin biyya addunyaa kamuu caalaa akka tatamsa'uu fi heddummaatu Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii akeekkachiise.
Wantoonni shanan kanaaf sababa ta'an kanneen armaan gadiiti.
1. Yaman biyya waraana keessa jirtuudha
Yaman erga bara 2015 as waraana keessa jirti. Biyyattiin waraana yeroo dheeraan barbadoofteetti. Kunimmoo lammiileen biyyattii miiliyoonaan lakkaa'aman tajaajila eegumsa fayyaa akka dhaban godheera.
Hanqinni meeshaalee eegumsa fayyaa, bishaanii fi tajaajiloota biroo ammoo tatamsa'ina koronaavaayirasiif daandii saaqa.
Qaamoleen mootummaa waliin qindaa'anii garee mootummaadhaan mormu 'Houthi' waraanan kanneen Sa'uudii Arabiyaadhaan hoogganaman gargaarsi midhaan nyaataa fi meeshaalee wal'aansa fayyaa biyyattiif akka hin seenne daandii cufu.
Warri 'Houthi' gamasaaniin deggersi akka hin uummataaf hin qoodamne danqaa ta'u.
Kanarratti dabalataan biyyattii mootummaa giddu galeessarraa ishee hoogganu hin qabdu.
Kun hunduu biyyattiin vaayirasicha akka isheen ofirraa qolachuu hin dandeenye godheera.
2. Duraanuu biyyattii rakkoo hawaasummaa hamaatu harkaa qaba
Haalli hawaasummaa, siyaasaa fi diinagdee Yaman keessa jiru durumaanuu dhibeewwan daddarboo ta'aniif ishee saaxileera.
Osoo weerarri koronaavaayirasii hin mudatin waggaa sadi dura biyyattiin deggersa namoomaa jalatti kuftee akka jirtu UN ibsee ture.
Uummanni miiliyoona 24, uummata biyyattii keessaa %80, deggersa alaa argamuun jiraatu, kanneen miiliyoona hedduu ta'an ammoo deggersa dhabanii beela'aa jiru.

Daa'imman miiliyoona lamatti tilmaaman hanqina nyaataaf saaxilamaniiru, kanarraa kan ka'e biyyattii dhibeewwan akka busaa, koleeraa fi garaa kaasaatiin wal'aansoo keessa jirti.
Uumanni haala kanaan durumaanuu laafee jiru koronaavaayirasiif daran saaxilamaadha, yoo qabames carraan irraa hafuusaa baay'ee xiqqoodha.
3. Sirni fayyaa Yaman diigameera
Waraana waggoota shanan darbaniin sirni fayyaashee kan diigame Yaman weerara koronaavaayirasii ofirraa qolachuuf humna ishee dandeessisu hin qabdu.

Iddoowwan tajaajila eegumsa fayyaa biyyattii ta'an 3,500 keesaa hedduunsaanii haleellaa qilleensarraan barbadaa'aniiru, kanneen amma tajaajilarra jiran walakkaa gadi jedhama.
Uummannii miiliyoonaatti lakkaa'amu kilinika muraasa keessatti walitti heddummaatee tajaajila fayyaa eeggata, sanuu meeshaalee fayyaa guutuu kan hin qabne.
Kunis biyyattii weerara koronaavaayirasiif baay'ee saaxila.
4. Namoonni koronaavaayirasiin qabaman sirriitti addaan hin baafamne
Eenyu akka qabame osoo addaan hin baasin, weerara koronaavaayirasii ofirraa ittisuurratti hojjechuun hin danda'amu.
Yaman keessatti eenyu akka qabamee fi eenyu akka shakkame, eenyu akka fayyaa qabu addaan baasuunuu rakkisaadha.
Sababni isaammoo caasaan fayyaa hojii kanaaf biyyattii gargaaru waan hin jirreefi.
Caamsaa darbe namoonni iddoo to'annoo mootummaa jala jiru keessaa Covid-19 qabamuun erga gabaafamee as lakkoofsa sirrii Yaman baruun hin danda'amne.
Mootummaan Yaman namoonni 900 qabamuu ibse, hidhattoonni ammoo iddoo to'annoosaaniitii namoota afur qofarratti vaayirasicha arguu dubbatu.
UN lakkoofsi namoota qabamanii hedduu ta'uu shakka.
5. Ogeeyyiin Fayyaa mataansaanii saaxilamoodha
Rakkoo waraanaa, caasaan fayyaa dhibuu fi hanqina meeshaalee wal'aansa fayyaarratti dabalataan hanqinni meeshaalee of eeggannoo yaaddoo biraadha.
Ogeeyyiin fayyaa meeshaalee of eeggannoo fayyaa kanneen akka maaskii, gaawonii fi gilaavii hin qaban.
Wayita dhukkubsattoota hedduu yaalan of eeggannoo malee waan hojjetaniif ofiisaaniiyyuu daran saaxilamoodha jedha UN.
Biyyattii keessatti iddoowwan mootummaa fi hidhattootaan qabatamanii jiran hedduu keessatti hojjettoonni fayyaa akka du'antu himama.

Yaman keessatti dhibeewwan daddarboo irratti hojjechuun kan beekamu Yaasin Abdul Wareth Ji'a kana keessa koronaavaayirasiidhaan du'e.
Ergasii dameen fayyaa biyyattii garmalee laaffateera.












