Waraana Yaman: Finciltoonni Huuttii Yaman, loltoota Saa'udii 'baayyee' booji'uu dubbatan

Finciltoota Yaman, Huuttii

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Finciltooti Yaman kutaa biyyattii Kaabaa qabatanii jiru

Finciltoonni Yaman kan ta'an warri Huuttiin daangaa biyyoota lamaaniitti haleellaa gaggeessaniin loltoota Saa'udii 'baayyee' qabachuu himan.

Dubbii himaan finciltoota Huuttii birgeedii waraanaa Saa'udii sadii naannoo magaalaa Najaraan jedhamutti booji'uu isaanii BBCtti himaniiru.

Loltoonnii kumaatamaan lakkaa'aman qabamuu fi kaan immoo ajjeefamuu himaniiru. Saa'udiin garuu kana hin mirkaneessine.

Dubbii himaan finciltootaa, wal-dhabdeen erga uumamee haleellaan kun isa guddaa dha jedheera.

Koloneel Yaahiyaa Saare'aa humnooti Saa'udii ''meeshaa waraanaafi lubbuu baayyee dhaban'' jedheera.

Warri qabaman hundi akka qorataman gareen finciltootaa kuni ibseera.

Warri Huuttii Fulbaana 14 kuusaa boba'aa Saa'udii akka haleelan himanii turan. Kunimmoo gabaa addunyaa irratti dhiibbaa qaqqabsiisee ture.

Haa tahu malee Saa'udiin haleellaa kana kan raawwate Iraan dha jetteetti. Iraanimmoo gama isheen haaltee jrti.

Yaman bara 2015 erga pireezidaantiin biyyattii yeroosii Abdurraabaah Mansuur Haadiifi kabinooti isaanii humnoota fincilaa Huuttiin magaala guddoo biyyattii Sana'aa akka gadhiisan ta'een booda biyyattiin waraanarra jirti.

Mootummooti Gamtoomanii bara 2016 irraa kaasee waraana kanaan namooti 70,000 ajjeefamaniiru jedha.