'Qoonqoon nutti hammaatte': Magaalaa Jibuutii godaantonni Itoophiyaa kadhaan dhiphisan

Godaantota Itoophiyaa magaalaa Obook keessatti
Ibsa waa'ee suuraa, Godaantota Itoophiyaa magaalaa Obook keessatti
    • Barreessaa, Ammayyuu Ittaanaa
    • Gahee, BBC Afaan Oromoo, Obook, Kaaba Jibuutii

‘’Akkam jirtu?’’

Godaantota na bira darbaa turanitti kanuman dubbadhe.

Qalbii dararaan miidheefi waan nyaatanii bulan yaaddoo itti ta’ef abdii horuus baatu fuula isaaniirra gammachuun arge. Sagalee tokkoon nagaa na fuudhan.

Biyyaa fagaatanii nama afaan isaanii dubbatu tarii isaan hin eegne ta’a. Isallee dargaggeessa hammanaa biyya ormaatti nan arga jedhee anuu yaadasaa hinqabu.

Obookiin jira - magaalaa xiqqoo, qarqara Galaana Diimaa argamtuun jira. Ulaa godaantonni Yamanitti ce’uf yaada qaban kan keessa qaxxaamuranidha.

Magaalaa manneen halluu adii dibaman itti baay’atan kana keessa kan bakka bultii hinqabne godaantota Itoophiyaa qofa.

Gammoojjii ciw jedhu kana keessa oliifi gadi yoo deeman kan agartan isaani. Warri lafaa aduu kana baqataniiru, manatti ol galaniiru. Irrattimmoo galaanni ni calaqqisa.

Obook kana jiraattoti, godaantoti Itoophiyaas Hayyuu jedhun. Kanneen Yamanitti ce’uf ka’aniifi kan Yamanii ijibbaatanii deebi’an asitti wal gahu.

Lammiileen Itoophiyaa kuni maatii isaan guddise caalaa dallaalaa amananii, biyya hin beekne hawwanii qe’eetii bahani.

Reefuu ol adeemoodha. Kanneen dubbise garri caalu gandoota baadiyyaa irraa akka dhufan natti himan.

Biyya ormaa adeemuu miti qe’eema dhalataniiyyuu waan fagaatanii beekan hin fakkaatan.

Tokkoon isaaniiyyuu qophee sirnaa hin qaban. Uffati irratti bututee, kopheen irratti dhumee magaalaa nami guute keessa namarraa fo’amanii jiraatu. Qollifatamaniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

‘’Yaa biyya ofii?’’ waan jedhan fakkaatu. Eega biyyaa bahaan reefu ji’oota muraasa. Hidhaa yookaan siyaasaaf hin baane.

Itoophiyaa biyya waraanni hube, walitti bu’iinsi caamuu dide keessa hojii dhabanii bahuu dubbatu.

‘’Dalagannee jiraachuuf baane,’’ jedhu. Galmi isaaniimmoo biyya boba’aan badhaateefi maqaan beekan, Sa’udiidha - Sa’udii Arabiyaa.

Kanneen arge garri caalu Harargee, Jimma, Arsii, Walloo… irraa dhufuu natti himan.

Fuula isaanii dura doonii hojii dhaabe afaaniin gaggaralee baay’e. Isaan shan ta’anii duuba mana qarqara Galaana Diimaa ijaarame jala afaa dulloomerra ta’anii haasawu.

Michummaa rakkoon walitti fide. Tokko keessaa yeroo nagaa gaafadhes hin dammaqne. Yookiin dubbachuuf hin feenes ta’a.

Qarqara isaanii dhagaa jirurrammoo kudhan ol kan ta’an bira jiru. Godaantota Itoophiyaa akka ta’an baruun na hin rakkisne.

‘’Namni kumaatamaan dhufee kaan hin du’a, kaan bishaantu nyaata, kaan qoonqoodhaa jedhee du’a.

‘‘Asitti dhumuuf jirra. Mootummaa keenyatti nu iyyadhaa,‘‘ Jibril* osoo imimmaan isa hudhuu na gaafate.

Reefuu dargaggeessa sarbaa micciirratedha. Osoo qe’ee warrasaa jiraate maatii ofiif gaachana nama ta’u. Ammoo abdii dhabeera. Biyyaa fagaatee, afaanis wallaalee, humni isaaf laafeera.

Godaantota Naannoo Oromiyaarraa dhufanii Yamanitti ce'uf kaaba Jibuutiitti dallaalaa eegaa jiran

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Godaantota Naannoo Oromiyaarraa dhufanii Yamanitti ce'uf kaaba Jibuutiitti dallaalaa eegaa jiran

Kaan kuma birrii 25,000 kaan hanga 50,000 dallaalaa ‘’Sa’udii isin geessina’’ isaan jedheef kanfalanii biyyaa bahan.

Garuu, lafa yaadan hin geenye, gidduutti hanqatani. ‘‘Galaanni baasutti hinjiru,‘‘ jedhamanii jennaan as turuuf akka dirqaman himu. Ofirra deebi’uunis rakkoo itti taate.

'Qoonqoo hin jabaata'

Magaalli kuni waggoota muraasa darbaniif ol adeemtota biyya hin beekne abdatanii biyyaa bahan simataa jirti. Ammoo waan ijibbaataa jirtu fakkaatti.

Dargaggoonni jiruu abdatanii bahan hireen isaanii gammoojjii hin beekne, rakkina arganii hin beekne gidduu jiraachuu ta’ees waan kana hubatan fakkaatu.

Maatii isaaniif ba’aa ta’u dhabuuf qe’eedhaa bahanii ormatti ba’aa ta’aniiru. Kanneen dubbise marti waan qoonqoo natti haasa‘ani – beela ijoollummaa.

Amma bakka abbaafi haati isaanii hin jirre jiru. Muktaar* mucaa Adaabbaati. Dallaalaan Adaamaadhaa isa fuudhe.

‘’Manuma namaa kadhannee nyaachutti jirra,‘‘ naan jedhe waan nyaatus wanta dhugus akka hin qabne yeroo natti himu.

Kan isa bira taa’u Jimma Sigmoorraa kan dhufe Abdiinis* kanuma dubbata. ‘’Hojii tokkollee hinqabnu. Waan namnu nuuf kennuun jiraanna.’’

Kan itti aanee jiru Geeraadhaa dhufe. ‚‘Geeraraan Geeraan jira,‘‘ jedhu dur yoo geeraraa faarsan.

Amma garuu Muhiddiin* ‚waan wayyoo qabu‘ dalaguuf jedhee nameenya keessa baheera.

‘‘Beelaafi dheebuu, waan baay‘ee keessa baanee as geenye. Dallaallimmoo maallaqa nyaatee nu shawwadee [gowwomsee] nu harkaa badee jira.

‘‘Namni Itoophiyaarraayis as dhufuutti jira, Yamanirraayis as dhufuutti jira deebiyee gara biyyaatti galuuf jecha.’’

Lammiileen kuni maqaalaa xiqqoo kana keessatti waa dalagatanii akka hin jiraannes poolisiin rakkoo itti ta’uu himu. Inumaa kan miidhame akka jiru kan natti agarsiise jira.

‘’Kunoo harka kana na cabsani. Kuni amma hin diriiru, ol hin jedhu. Akkasittin hafe. Ani amma naaf danda’amu dide malee gara biyyaatti galuun kajeela. Biyya namaatti lamuu hin adeemun jedha.‘‘

Inni kunimmoo miilli isaa madaa’ee xaxateera. Maal taate?

‘’Osoon deemuu wayiitu na waraane.‘’

Yeroo garagaraatti dooniin dhidhimtee godaantonni lubbuu dhaban hedduudha

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Yeroo garagaraatti dooniin dhidhimtee godaantonni lubbuu dhaban hedduudha

Gara caalu garuu akka magaalaa hinseenne gochuun ala akka miidhaa irraa hingeenye dubbatu.

Dargaggoon sagalee boo’icha makateen jalqaba natti haasa’e waa’ee qoonqoo akkana dubbata.

‘’Qoonqoon hin hammaataa. Hulaa namatti rukunnee Affaariin nu jibbuuf jira, namni nu jibbuuf jira. Karaa ceenuu dhabnee, dallaallillee maallaqa nu nyaatee.’’

Obook keessa kan barsiisan Mohaammad Amin Finfinnee beeku. Caalaattimmoo godaantota kana asitti argani.

‘’Rakkoo baay’eedha. Baay’inni isaanii tokko jedhi. Manaa manatti adeemaa rurrukutaa nyaata gaafatu.

‘‘Ganama balbala rukutanii hirribaa si kaasu. Galgalas, bariis balbala rukutu.

‘‘Lammaffaa resturaantii keessa bittee nyaachuuf yeroo jettu kudhan ta’anii yoo seenan akkamiin nyaatta? Isaan si mararu. Nyaachuyyuu hin dandeessu.‘‘

Kaabi Jibuutii bal’inaan kan qubatee jiru hawaasa Afaaridha - saboota ijoo lama Jibuutii jiran keessaa tokko.

Baale Dalloo Mannaarraa baatii shan dura kan bahe Abdulnaasiris* guyyaatti takka nyaachuu jibbeera. ‘’Qoonqoon ni jabaata, baay’ee jabaata.’’

Godaantonni kuni guyyaatti waan afaan ka‘atan hin argannees jira.

Wagga waggaan lammiileen Itoophiyaa kuma hedduu lakkaa’aman Sa’udii gahuuf Jibuutiin ce’u. Yaman keessa waraanni jiraachus kan hin beekne jiru.

Dhaabbati Godaantota Idil-Addunyaa baatiiwan sagal darban qofa godaantonni 95,000 ol Yaman gahaniiru.

‘‘Tokko tokko nuuf kenna, tokko tokko nu ariyata. Garuu hanga dandeettii isaa nu kennaa jira tokko tokko.

‘‘Fakkeenyaaf nama torbatu mana namaa tokko dhaha. Keessaa tokkotu argata jechuudha.

‘’Inni kaan hagabuu oola, inni kaan nyaatee oola. As keessatti ilmaan Oromoo rakkachaa jira,’’ jedha Musammaan*

Lammiileen Itoophiyaa jiraachuuf wanti godhan isaaniis qaanesseera. Lubbuunoo keessa jirti maal godhu?

Musaa Adam Miganee, Bulchaa Obookidha. Ali Saabeh magaalaa jedhamu kana dura waggootaaf bulchaniiru.

Achittis ta’e asitti waan godaantota Itoophiyaa baay’ee beeku. Obookitti godaantonni magaalaadhaa fageeffamuu isaanii quba qabu.

‘’Hojjettoonni lammiilee Itoophiyaa asii dalagan jiru. Warri dhufan [godaanan] garuu baay’atan.

‚‘Hojii qofa osoo hintaane kadhaan ni baay’ata. Mana nyaataa dhaqxee yeroo nyaattu kudhan ta’anii dhaabatu.

‘‘Abbaan resturaantii dhufee bulchaatti himata. Warri suuqii qabaniis dhufanii nu qeequ. Kanaafi.’’

'Owwaalaa as geenye'

Dargaggoonni kuni ijoollummaatti dararaa tarii kan maatiin isaanii bara jireenya isaanii hin agarre argaa jiru.

Beela keessa jiran himatu malee waan keessa darban kanarra hamaadha. As gahuu isaanii keessa Waaqa galateeffatu.

Kadir seenaa isaa akkana naa hime. Yeroo biyyaa bahaan ijoollee siinoon [konkolaataa] Dirree Dhawaarraa yaaban keessaa namni tokko biraa du‘e.

‘’San mukuma jala dhiifnee dabarre. Yoggaa dhufnee karaa geenyullee akkasitti du’aa wayii karaarratti arginee kan akka kalee du’ee buledha.

‘‘Sanis qabarree [owwaallee] bira dabarfanne. Biyyoodhuma dhakaa itti naannessinee bira tarre.

‘‘Baay’eedha kan dhukkubsatee baatamee baatamee muka jala kaa’amee bira dabarfatama.’’

Gama Kaaba Jibuutii godaantonni Yaman ce'uf 40km qofa dooniin imalu
Ibsa waa'ee suuraa, Gama Kaaba Jibuutii godaantonni Yaman ce'uf 40km qofa dooniin imalu

Ijoolleen tarii kana dura qe’eetti owwaalchuma namaallee dhaquun isaanii nama shakkisiisu dararaa danuu argani.

Godaansi nama dhukkubsate akka wal’aanan, gaafa du’e boolla qotanii akka owwaalan isaan dirqe.

Akkuma amantii isaanii kadhatanii owwaalanii imala isaanii itti fufanii as gahan. Kaan dubbatuuyyuu hin fedhan.

‘’Akka dallaalli nama sobuu miti. Karaa kanatti namni baay’eellee nu duraa du’e. Kan beelaa dheebuudhaan du’ee nu biraa hafe jira,’’ nana jedhe Kadir.

Kanneen du’an karaarra qofa miti. Eeguma Jibuutii seenanii gammoojjiin itti cimee, dhukkubsatanii, balaa konkolaataafi kaaniin du’anis jiru.

ALI Adoolessa 2015 hanga Fulbaana bara 2016 qofa godaantonni 54 Jibuutii keessa lubbuu dhabuu aangawoonni UN BBC’tti himaniiru.

Godaantonni 23 ta’animmoo achi buuteen isaanii dhabameera.

'Warra du’an walitti qabun nu rakkiseera'

Baha magaalaa Obook lafa owwaalchaatu jira. Yoo alaatii dallaa bakka owwaalchi jiru seenan mirgaan owwaalcha jiraattotaa, bitaan kan lammiilee Itoophiyaatu jira.

Kan godaansi biyyaa baase kana caalaa deemuu hin dandeenye - asitti isa dhumaa boqotani. Maatiin tarii ammallee har’aa boru nuuf bilbilu jedhanii yaadu ta’a.

Aangawoonni magaalichaa bakka kana nu geessan. Lakkoofsa namoota owwalan yoo qabu ta’e baruun barbaade.

Meeqa owwaaltani? Yoona kana bulchaan magaalichaa ‘eyyeyyeyye….!‘ jedhan sagalee naasuufi gaddaan. Miira isaaniitu jijjiirame.

‘’Kan du’an baay’eedha. Baay’ee owwaalleerra,’’ jechuun eegalan.

‘’Lakkoofsa sirrii kan wallaallef gaara jala warri deeman waan hin mul’annef.

‘’Erga du’anii torban, yookiin ji’a booda kan baadiyyaa jiraatan nama du’e agarreerra yoo jedhan kan barbaacha kaanu. Baay’ee kan du’an, kan owwaalamanis jiru.’’

Horsiisee bultoonni Afaar ‘maali ijoolleen maatii akkana badheetti gadhiisu‘ jechuun gaafatu. Sababni isaas dhala hin beenne arganii owwaalaniiru.

‘’Warra du’an walitti qabuun nu rakkisa,‘‘ jedhu bulchaan magaalichaa. Reeffa bubbulee yoo jiraattonni dhufanii himan aangawoonni dhaqanii owwaalu.

Kuun kan muka jala, gaara jala, daandiirra, mana jalaafi kaanitti kan du’anidha.

‘’Nami dhukkubsate, du’e yoo jiraate konkolaataan takka takka deemtee ilaaltu fiddu jirti.’’

Reeffa lammiilee Itoophiyaa bishaan keessa dhidhimaniifi reeffi isaanii argame aangawaan magaalichaa mobaayilii isaanii keessaa baasanii natti agarsiisan.

Suukaneessaadha. Kan dhiheenya owwaalaman saddeet dabalatee maqaa naaf tarreessan.

Jiraattonni asii lammileen Itoophiyaa jiraa isaanii qofa osoo hin taane du’aniis arganiiru.

‘’Yeroo du’animmoo rakkisaadha. Muka jala kan du’an jiru. Mana duuba yeroo du’an foolii fuudhee,‘‘ akka rakkisu jiraataan magaalichaa Barsiisaa Mohaammad natti himan.

Gaafa kaan ho’i magaalitti digirii 52 fa’i gaha naan jedhan barsiisaan dubbise.

'Du'aafi jireenya gidduu jirra'

Lammiileen Itoophiyaa kuni nama keessaa bahanii qarqara Galaana Diimaa, isaan bahaara jedhu, qubataniiru.

Bakki oolmaas, bakki bultiin isaaniis achuma. Afaan isaanii gogee, fuulli isaanii cooligeera.

Kaniin jedhu eessa bultu?

Bakka bulan na geessan. Sharaa, madaabaraa, kaartoniifi uffata ciccitaa dhagaa qarqara Galaana Diimaa jiru bira afanii bakka bultii tolfataniiru.

Asuma bultuu?

‘’Asuma bulla.’’

Yoo roobewoo?

‘’Eessa dhaqnaree?’’

Godaantonni kuni bakka bulan waan hin qabneef Galaana Diimaa qarqara afaa afanii bulu
Ibsa waa'ee suuraa, Godaantonni kuni bakka bulan waan hin qabneef Galaana Diimaa qarqara afaa afanii bulu

Bakki bulaniifi bakki bobbaa bahan fagoo miti.

Jiraataan magaalichaa sababoota godaantoti magaalaa akka hin seenne dhorkamu keessaa tokko sodaa dhibee ta’u natti hime.

‘’Ijoollee qabna, dhibeen daddarbaa nu hubuu mala,’’ jechuun natti himan.

Yeroo gareen BBC magaalattii daawwate weerarri koleeraa akka jiru dhageenye.

Tibbana isaan daawwadhe tasa roobi cimaa rooba ture. Takka turee aduu akkaan nama gubu baha. Calaqqeen galaanichaas ni cima.

‘‘Nuti kunoo qarqaruma galaanaa kanatti huccuu ciccitaa afannee, dhagaa keessatti buluutti jirra. Du’aafi jireenya keessa jirra,’’ naan jedhe keessaa tokko.

Kana osoo maatiin argee maal jedha?

‘‘Akka jarri hin rifanneedhaaf bareeda jennaan. Maatiin hin beekanu akka nuti jirru kana. Maallaqa ergaa yeggaa jennee inni kana duraawoo jedhanii maallaqa nutti ergaa hin jirani.‘‘

Maatiis dhoksanii, madaan dhokfatanii dararaa keessa turuu filataniiru.

'Biyyatti deebi'uu feena'

Galaana ce’us, biyyatti deebi’uunis rakkoo cimaa itti ta’eera.

Baay’een isaanii biyyatti deebi’u fedhu. ‘‘Itoophiyaatti deebi’u ni barbaada. Akkatti deebi’u dhabeeti,‘‘ naan jedhe keessaa tokko

Kanneen Obookitti qubatan keessaa hunduu haaraadha jechuu miti. Kan Sa’udiitti imalee biyyatti deebifamee, deebi’ee adeemu jira.

Fakkeenyaaf kan Yaman gahanii deebi’anis jiru. Tamaam* waggaa tokko achi ture.

‘‘Namni tokko daangaa Sa’udiirratti yoggaa ga’u meeshaa zaaruqa jedhaniin fixuutti jiru. Kan mataa dhabee achitti hafuti jira, kaan miilli irraa ciramutu jira.

‘’Kanuma sodaadhee ofirra deebi’e. Garuu, akkatti galu rakkadhee as taa’aa jira.’’

Biyyatti deebi’uufis maallaqi kanfalamee akka rakkataa jiran himu.

‘‘Karaatu nutti fagaate malee gara biyyaa deebi‘uu feena. Asii galuufis waan itti gallu hinqabnu.

‘’’Maallaqa taraa lama kan buufateetu jira biyyarraa. Maatiin hin beekanu du’aa jirra yoggaa jennu ni ergani. Maallaqni sun nyaatamee bakka inni itti badu hin beeknu.

‘‘Nu achii hin baane. Sanaafuu biyyarraa namni silaa bahuu dhiise baay’ee gaariidhan jedha akka kiyyatti. ‘’

Magaalaa Obook keessa giddugalli IOM baqattoota biyyatti deebisuufi dahoo kennuuf jira. Garuu hammi namoota simachuu danda’u namoota 250.

Yeroo ammaa 300 simatee akka jiruufi warri keessa jiran erga deebi’an booda kaan akka simatu BBC’n odeeffateera. Hangasitti dallaa IOM jala godaantota ciisan argeera.

Dippimoolamtiin olaanaa Imbasii Itoophiyaa Jibuutii jiru dubbisees kanneen kaampii IOM keessa jiran biyyatti deebisuuf saffisaa akka jiran natti himan.

Ammoo daangaa ce’anii waan bahaniif waraqaa sirnaa tolchuun yeroo fudhata naan jedhan.

Bakkee owwaalcha lammiilee Itoophiyaa magaalaa Jibuutii Obook keessatti argamu
Ibsa waa'ee suuraa, Bakkee owwaalcha lammiilee Itoophiyaa magaalaa Jibuutii Obook keessatti argamu

Dargaggoota kana gidduudhaa barataa kutaa 10 xumuree biyyaa bahe arge. Qabxiin hin dhufneef.

‘’Deemnee akka namaa jijjiiramu barbaanna jennee miila keenya biyyarraa fageeffanne. Akkuma nu fageeffannees immoo rakkinni dura keenya bu’ee as taa’ee nu eegaa jira.’’

Maatiin isaa ‘’harka qalleeyyii, dadhaboo’’ waan ta’anif akka biyyaa bahe dubbata. Irra deddeebiin ‘’hojii hojjetee jiraachuu akka barbaadu’’ natti hime.

‘’Hojjedhee jijjiiramuun barbaada.’’ Godaantota kaanirraa yaada adda ta’e qaba.

‘’Carraa takka mokkora. Biyya gaafa deebineesimmoo maatiin waan namatti laatu hinqabu waan ta’ef teenyee yoo jenne abarsatti wal galchuudha waan ta’ef,’’ jechuun turee yaaluu barbaada.

‘‘Carraa takka mokkora,‘‘ inni jedhe yoo milkaa’uu baatewoo?