'Reeffa lammiilee keenyarra tarkaanfachaa Saawudii seenne' - Godaantota Itoophiyaa

Itoophiyaa irraa gara Saawudii Arabiyaatti godaaansaan erga dhufee ji’oota shan kan lakkoofsise Yaahiyyaa, miila isaarra rasaasaan kan rukutame yemmuu daangaa Saawudii darbuuf yaalaa turetti.
BBC’n dargaggoo amma Saawudii jiru kana yemmuu dubbisu, miidhaa miila isaarra ga’erraa bayyaannachaa ture.
Yahiyyaan Sawudii ga’uu isaan dura kan godaane gara Yamanitti ture.
Yamanitti dallaalotni isa qabatanii erga tursanii booda guyyaa inni daangaa ce’ee Saawudii seenu yemmuu ga’u, godaantota biroo waliin ta’uun namoota kaffaltiin daandii itti agarsiisaniin durfamanii imala isaanii eegalani.
Gammoojii baay'ee rakkisaa keessa beelaa fi dheebuun miidhamaa erga imalanii booda, wanti isaan mudate qormaata du’a waliin fuulaa fuulatti isaan fide ture.
Daangaa Saawudii irraa xiqqoo fagaatanii loltoonni biyyattii daangaa eegan meeshaa waraanaa kilaashii hanga dishqaa fi mortaaritti hidhatanii fuuldura isaaniitti eegumsa guddaarra jiru.
''Imalli sa’aatii tokko yemmuu nuuf hafu fagoorra taa'anii kaameeraatiin ture kan nu argan.
''Ani obboleettii keenya imala irratti dadhabde tokko dugdatti baadhee ce’uuf ture kanan yaade.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
''Ishee baadhee duubatti hafee waan tureef yeroo dhukaasni nuratti banamu nan rukutame.”
Yahiyyaan rasaasaan rukutamuu fi madaa’uun isaa gara daangaa Saawudiitti deemuurraa isa hin dhaabne.
Itoophiyaa irraa erga ka’anii eegalee imala isaanii irratti dallaalotaan, saamtotaa fi hidhattootaan dararaan irraa ga’aa fi maallaqa gaafatamaa, daangaa Saawudii irratti duuti akka isaan eeggate kan hime Yaahiyyaan, “gammoojji keessatti dargaggeessi hedduu harca’ee hafeera” jedha.
“Daandii irratti akka bineensaatti kukkufee kan hafeeru lakkoofsa hin qabu.
''Harka caalaa dishqaa dhukaasu. Godaantonni hedduun daangaa ce’uuf yemmuu yaalan, meeshaa waraanaa gurguddaalee ni dhukaasu,” jechuun dubbata.
Dhukaasa eegdota daangaa Saawudii irraa dhukaafameen rasaasaan miilli isaa rukutamus daangaa sana akkuma tahetti ce’ee biyyatti seenuu danda’eera.
Miidhaa irra ga’erraa bayyaannachuuf gara ji’a tokkoo oliif wal’aansa argachuun irra ture. Wal’aansa argateen amma ol ka’ee deemuu danda’us, lafa xiqqoo olka'aa ta’e irra ba’uun garuu isa rakkisa.
Tasfaay [godaanaa maqaan isaa jijjirame] akkuma Yaahiyyaa haala kana keessa darbedha.
Naannoo Tigraay waggootii lamaaf waraana keessa turterraa ba’ee Saawudii Arabiyaa erga seenee ji’oota muraasa qofa akka lakkoofsise hima.
Yaman akka seeneen gara Saawudiitti ce’uuf dallaalotaa fi namoota karaa agarsiisaniif maallaqa kennamu gaafatamus kanfaluu hin danda'u ture.
Kanaaf maallaqa isaa kaffaluu hanga danda’utti achuma turuuf dirqame.
Maallaqa kaffalan hanga godaantonni kun argatanitti, dallaalotni bakka turtii hamaa ta’e keessa isaan tursuun kan isaan to’atan yoo ta’u, kaffaltiin erga taasifamee booda namootni daandii agarsiisan isaaniif ramadamanii gara daangaa Saawudiitti imala isaanii eegalu.
Haala kanaan Yaman irraa gara daangaa Saawudiitti akka ce’u kan itti himame Tasfaay “gara Saawudiitti namoota isaan geessaniif maallaqa ta’u ergaa jechuun maatiin ni gaafatamu,'' jedha.
Namootni maallaqa kaffalan nama daandii isaan agarsiisuun durfamanii imala isaanii eegalu.
Ta’us garuu erga naannaa daangichaatti yemmuu siqan "'kana caalaa isin geessuuf kaffaltiin isiniif hin taasifamne' jechuun gammoojjii keessatti isaan gatanii deebi’u,” jechuun haala jiru ibsa.
Haala kanaan godaantonni naannaa daangaatti dagataman kunneen bakka gammoojjii fi gaarreeniin guute keessa daandiin jalaa badee gara miilli isaan geessetti imala eegalu.
“Isaan dhiisanii erga deemanii booda ofii isaaniin kallattii adda addaan imaluuf yemmuu yaalaanidha rakkoon kun kan uumamu.
''Namootni tokko tokko daandicha argatanii yemmuu Saawudii seenan, harki caalaan isaanii garuu daandirraa ka’anii gara kallatti loltoonni jiraniitti waan deemaniif itti dhukaafama.
''Sababa kanaan gammoojjii keessatti hafu,” kan jedhu Tasfaay, innis godaantota 14 biroo waliin reeffa namoota hedduu ilaalaa daangaa sana akka ce’e hima.
“Loltoonni kun akeekkachiisa 'deebi'aa' jedhu hin kennani. Xiyyeeffatanii ilaalun yeroo muldhatu dhukaasu. Haala kanaan namootni hedduun achumatti du’anii hafu.
''Anumtillee haala kanaan ergan Saawudii seenee gara ji’oota sadii ta’eera.
''Akka daangaa nu ceesisaniif maallaqaa utuu kaffalleefii jirru jiddutti naannaa daangaa ga’anii ‘ofii keessaniin ce’aa’ jechuun nu dhiisanii deemani.
''Akka carraa ta’een ba’uu danda’e,” jechuun haala ture ibseera.
Tasfaay dabalatee godaantotaa 15 ta’anii imalaa turan keessaa, dhukaasa isaanitti dhukaafamu jalaa oolanii seenuu kan danda’an isaa fi nama biraa tokko qofadha.
“Waan hin beekneef akkamiin ce’uu dandeenya? Akka carraa ta’eeti nutillee kan achi jalaa bane. Nu waliin kan turan rasaasaan rukutamanii kan du’an du’anii, muraasni ammoo ofirra deebi’aniiru.
"Naannoo Tigraay bakkan dhuferraa namootni dhufanis nu gidduu turani. Rukutamanii madaa’anii gara boodaatti baqatanii hafaniiru.
''Yeroo sana nutti dhukaafamee yemmuu gargar facaanu, namoota 15 turre keessaa kan daangaa ce’uu dandeenye lama qofadha,” jechuun BBC’f ibseeera.
Tasfaay akka jedhutti namoota daangaa ce’uuf yaalanitti kan dhukaafame gama Saawudii Arabiyaan yoo ta’u, loltoonni daangaa eegan akka haala isaatti meeshaa waraanaa akka kilaashii hanga meeshaa gurguddaa ta’een dhukaasa banu.
Naannaa daangaatti da’oowwanis qabu.
“Da’oowwan isaanii keessaa meeshaa isaanii xiyyeefataniitu eegu. Daandiin itti adeemamu biraan waan hin jirreef, bakki dirree taate tokko jirti, yeroo bakka sanatti muldhattu sitti dhukaasu,” jedha.
Namni biraa BBC’n dubbise, Naannoo Oromiyaa irraa A.L.I bara 2011’tti sababa rakkoo nageenyaa fi hongeen godaansaan kan biyyaa ba’e Mohaammad Musiim Muummee jedhama.
Yeroo ammaatti wiirtuu godaantotaa Yaman keessatti argama.
“Warri Saawudii lafarrattii fi xiyyaaraan namoota ajjeesaa jiru. Lammiileen keenya bakka adda addaatti ajjeefamaa jiru, Saawudiin qofa osoo hin taane kanneen namoota daddabarsaniinis ni ajjeefamu.
''Namootni haala hamaa keessa jiru,” jechuun haala jiru ibseera.
Dabaluunis lammileen Itoophiyaa xiyyeffannoo haleellaa akka ta’an yemmuu ibsu “ajjeefamaa fi gudeedamaa jirra. Dhirootnillee gudeedamaa jiru,” jedha.
Godaantonni Itoophiyaa jara nama daddabarsaniin gowwoomsamanii baala sammuu hadochuu baatanii akka daangaa ce’an godhamaa akka jiran ibsuun, "kunimmoo lakkoofsi lammiilee keenyaa humnoota Saawudiin ajjeefamanii akka dabalu taasiseera,’ jedha.

"Reeffarra tarkaanfachaa dabarre"
Yaahiyyaan itti dhukaafamaa yemmuu daangaa ce’u dubartiin Itoophiyaa inni dugdattii baatee ture lubbuun oolte amma Riyaad jirti. Dhirootii fi dubartoonni kaan garuu yemmuu rasaasaan rukutamanii kufanii fi du’an argeera.
Isaan dura daangaa ce’uuf utuu yaalanii rasaasaan rukutamanii namoota du’anii reeffi isaanii gammoojjii keessatti hafe hedduu arguu isaas ni dubbata.
“Reeffi guuteera. Dhakaa konkolaataa fe’umsaa irraa buufame fakkaata. Isa du’e bira dabarteeti deemta. Tokko tokko fe’umsa isaanii akka baatanitti, kaan ammoo dubartoota dadhaban baatanii utuu jiranii, rukutamanii waliratti kufanii reeffi isaanii ni argama.
"Lakkoofsa hin qabu. Reeffa kunneen aduun gubaa jira.”
Reeffa gammoojjii keessatti kukkufan keessaa harki caalaan isaanii dubartoota akka turan kan himu Yaahiyyaan, isa waliin rasaasaan rukutamanii madaa’anii daangaa ce’uu kan danda’an namoota afur ta’uu isaanii BBC’tti himeera.
Eegdoota daangaa irraa haala gadi hin taaneen dallaaloti miidhaa fi dararri isaan godaantota irra geessisan cimaa akka ta’e kan himu Tasfaay gama isaan, godaantonni lammii Itoophiyaa umuriin isaanii hanga waggaa 12’tti tahullee haala kanaan yemmuu miidhaman arguu hima.
Dalaalotni kun gara laafummaa tokko malee ijoollee umuriin isaanii hin geenye dabalatee godaantonni akka biyyaa ba’an gochuun Yaman keessatti isaan dararaa jiru.
Yaman irraa gara Saawuuditti utuu ce’uuf yaalanii irbaata rasaasaa ta’anii hafaa jiru.
“Namni kaanillee ga’eessadha ijoolleen umurii 12 fi 13 ta’an kun gammoojjii keessatti yemmuu hafan arguun kan nama gaddisiisudha. Ani yeroon ce’etti godaantota na dura ce’uuf yaalan keessaa hedduun isaanii rasaasaan rukutamanii du’anii argeera.
"Anis baqachuurra waanan tureef gadi jedhee waanan tureef eenyummaa namoota kanaa addaan baasuu hin dandeenye. Hedduun isaanii garuu kufanii yemmuu karaatti hafan argeera,” jedha.
Dabaluunis “gosti meeshaa waraana eegdoonni daangaa dhukaasan baay'ina namoota irratti hundaa’a. Yoo nama hedduu argan meeshaa guddaa [madfii] fayyadamu. Nama muraasa yoo ta’e ammo xiyyeefatanii isnaayipparii fi dishqaadhaan rukutu.
"Ani yeroo ce’utti namoota naannookoo dabalatee reeffa lakkoofsaan ibsuu hin dandeenye argeera. Godaantota nu dursanii ce’uuf yaalaa turanii fi nu waliin turan keessaa hedduun rukutamanii du’uu isaanii yemmuu agarru lubbuu keenya olfachuuf fiigaa turre,” jechuun waan isa mudate ibsa.
Aarsaa kana hunda boodawoo?
Lubbuu isaa du’aaf saaxiluun reeffarra tarkaanfachaa daangaa Saawudii Arabiyaa akka darbe kan himu Tasfaay, gadadoo kan hunda darbee yeroo ammatti gaddaa fi gaabbii keessa jira.
Kanaafis akka sababaatti kan kaasu godaansatti deemuu isaa dura haala dhaga’aa fi yaadaa ture argachuu dhabuu isaadha.
“As akkan yaade miti. Gaabbiin isaa naaf liqimsamuu hin dandeenye. As dhufee akkan eegetti hin arganne. Hojiin hin jiru. Aduutiin gubachaa jirra. Haala rakkisaa ta’etu jira.
"Akkamiin akka ta’e hin beeku malee carraan itti biyyatti deebi’u utuun argadhe tasumaan lama hin yaadun ture. Filannoon jiru karaan dhuferra deebi’uudha,” jechuun haala keessa jiru ibseera.
"Yeroo ammaatti wanta yaadne fi dhageenye argachuu dhabnee gammoojjii keessatti, nyaataa fi bishaan akkasumas bakka jireenyaa haala gaariin utuu hin argatiin godaantota biroo waliin hojii mukaa teemerii kunuunsu irratti hojjechaa jirra. Hojiin kunillee yoo argamedha. Torbanootaaf darbeeyyuu ji’ootaaf utuu hojii hin argatiin rakkachuu danda’u."
Yeroo biyyaa ba’u odeeffanoo fi abdii inni qabu ture amma waan lafarratti isa eeggate waliin tasumaan wal simuu akka hin dandeenye kan himu Yaahiyyaanis, akkuma Tasfaay "baayyee rakkisaadha. Hojii wanti jedhamu hin jiru. Baayyeen isaanii hojii hojjetanii miindaa dhorkamu," jedha.
"Hojii hojjetaniif kan miindaan hin kennamneef keessumaa dubartoonni hedduudha. Ani garuu ji’oota sadan darbaniif hojiin hojjedheef miindaa dhorkamuu baadhus bakki ani jiru garuu gammoojjiidha," jedha.
Gara biyya isaatti deebi’uu akka barbaadu gaabbiin kan himu Yaahiyyaaf, carraa kana argachuun garuu salphaa miti. Gammoojjii keessaa ba’uun gara magaalaatti imaluun gatii biraa kan nama baasisu yoo ta’u, karaa daangaa ce’een deebi’uun ammo lubbuu isaa isa kaffalchiisuu danda’a.
“Asitti rakkachaa jiraachurra filannoo biraa hin qabnu,” kan jedhu Yaahiyyaan, mootummaan Itoophiyaa dhimma kana irratti xiyyaffannoo akka hin kennine dubbateera.
Isaafi Tesfaay akka jedhanitti mootummaan haala hamaa lammileen isaa Saawudiitti isaan mudachaa jiru irratti odeeffannoo qabaachuu dhabee osoo hin taane, “dhimmicha irratti xiyyeffannoo kennuu dhabuu fi lammileef dhimmuu dhiisuun, gammoojjii kessatti lammileen kumaatamaan lakka’aman kufanii hafaa jiru."
Warra gammoojjii keessatti kufanii hafaniyyuu mitii, lammilee Itoophiyaa manneen hidhaa Saawudii keessa haala hamaan jiraniifillee furmaata hatattamaa fi itti fufaa kennuu dhabuu isaan mootummaa ni komatu.
Waa'ee ajjeechaa kanaa maaltu jedhame?
Lammileen Itoophiyaa hojii barbaacha godaanan, bakka daddarbaaf fayyadaman Yamanii fi daangaa Saawudii Arabiyaa irratti, qaamolee nageenyaan tahe jedhamee ajjeeffamaa akka jiran, gaabaasni marsariitii miidiyaa ‘Middle East Eye’ jedhamu ni eera.
Dhaabbati qorannoo godaansa idil addunyaa Mixed Migration Center (MMC) jedhamu, qorannoo haaraa Adoolessa 5, 2023 baase irratti “godaantoti lammii Itoophiyaa hojii barbaadan xiyyeefannoo isnaayippari fi mortaraa ta’aniiru,” jedheera.
Ajjechaa kanaaf godaantonni saaxilaman sababa rakkoo diinagdee fi waraanaan biyya isaanii keessaa buqqa’uun, Itoophiyaa irraa gara Jibuutii, sana booda galaanaan ammoo gara Yaman, dhumarattis gara Saawudii Arabiyaatti lafoo deemanii darbuuf yemmuu yaalan daangaa irratti hidhattootaan ajjeefamaa jiraachuu isaanii ibsi dhaabbata MMC ni ibsa.
Daangaan Saawudii fi Yaman, keessumaa waggootii dhiyoo as hamaa ta’aa dhufuu isaa kan himamu yoo ta’u, Amajjii hanga Caamsaa 30, bara 2022’tti yeroo ture keessatti qofa namootni gara 430 ta’an du’uu isaanii fi 650 ammoo madaa’uu isaanii Middle East Eye gabaaseera.
Ajjechaa fi haleellaan lammilee Itoophiyaa irratti raawwate kun, bakka hidhattoonni Hutii Yaman to’atan Al Jawuuf jedhamutti yoo ta’u, haleellaawwan wal fakkaatoonis Saawudii Arabiyaa bulchiinsa Jizaan keessatti raawwatamuu isaanii gabaasni kun ni eera.
Dhaabbati Mootummaata Gamtoomanii kana dura dhimmicha irratti yaaddoo isaa kan ibse yemmuu ta’u, Onkololeessa 2022 keessa “sarbama mirga namoomaa guddaa godaantoota irra ga’u” ilaalchisee gabaasaalee hedduu baasee ture.
Dhaabbatichi akka ibsutti miidhamtoota keessaa %30 kan ta’an dubartoota; %7 kan ta’an ammoo ijoolleedha.
Naannichatti namoota miidhaan irra ga’eef gargaarsa gochuun rakkisaa waan ta’eef, ogeessotni fayyaa miidhamtoota gargaaruu hin dandeenye.
Godaantota irratti dhukaasa banamuun namootni miidhaman wal’aansa argachuuf hanga danda’an hunda yaalaa kan jiran ta’us, manni yaalaa hanga tokko fagaatee jirus dandeettiin isaa hanga murtaa’e qofa ta’uu gabaasni kun ni hima.
Akka ibsa dhaabbta MMC’tti hanga ammaatti ajjeechaa fi sarbama mirga namoomaa raawwachaa jiru irratti qorannoon bu’a qabeessa ta’e hin gaggeeffamne.
Dhimma kana irratti waajjira dubbii himaa ministeera dhimma alaa Itoophiyaa akkasumas Sawudii Arabiyaa, Jiddaatti waajjira imbaasii Itoophiyaa irraa odeeffannoo dabalataa argachuuf bilbilaa fi imeeliin yaalii BBC’n irra deddeebiin taasisne hin milkaa’in hafeera.
Dabalataanis mootummaa Saawudii Arabiyaa irraa deebii argachuuf imeeliin barreessine hanga gabaasni kun ba’utti deebii hin arganne.












