'Godaantonni Itoophiyaa daangaa Sa'udiifi Yaman irratti ajjeefamaa jiru'
'Godaantonni Itoophiyaa daangaa Sa'udiifi Yaman irratti ajjeefamaa jiru'
Godaantonni Itoophiyaa daangaa Sa’udiifi Yaman irratti humnoota nageenyaa Sa’udiitiin guyyuu ajjeefamaa jiru jechuun dhaabbati Mixed Migration Centre (MMC) jedhamu himate.
Humnoonni nageenyaa kunneen godaantonni akka Sa'udii hin seenneef haleellaa raawwataniin lubbuun darbaa jira.
Lammiilee Itoophiyaa Yaman jiranirraa BBC’n akka odeeffatetti lammiileen balaa guddaaf saaxilamaniiru.
Godaansa seeraan alaa gama Jibuutiin Yaman keessa bahamee Sa’udii seenuuf taasifamuun wagga waggaatti lammiileen hedduu lubbuu dhabu.
Waggaadhuma baranaa mootummaan lammiilee 130,000 Sa'udiirraa deebisu ibsus kanneen seeraan ala imalan inuma jiru.






