Lammiileen Itoophiyaa 30,000 ol manneen hidhaa Sa'udii keessatti gidiraa hamaa keessa jiru- Amnestii

Hidhamtoota mana hidhaa keessatti

Lammiilen Itoophiyaa kuma kurnaan lakkaa'aman hayyama jireenyaa hin qaban jedhamanii manneen hidhaa Sa'udii Arabiyaa keessatti hidhamanii gidiraa hamaa keessa jirachaa akka jiran Amnestii Intarnaashinaal gabaase. Lammiilen Itoophiyaa manneen hidhaa Sa'udii Arabiyaa keessatti hidhamanii gidirfamaa jiran lakkoofsi isaanii 30,000 akka caalu ibsa gabaasni Amnestii Intarnaashinaal kun.

Dabalataanis aangawoonni Sa'udii "Lammiilee Itoophiyaa kuma dhibbaan lakkaa'aman bifa mirga namaa sarbuun erga yeroo hin beekamneef hidhanii booda gara biyyatti akka deebi'an godhu," jedha ibsi Amnestii kun.

Namoonni kun rakkoo hamaa kanaaf kan isaan saaxilu hayyama jireenyaa seera qabeessa ta'e dhabuu yoo ta'u, kuna ammoo kan hammeesse sira qacarrii humna namaa Sa'udiin itti fayyadamtuu fi mirga namaa sarba jedhamu "Kafaalaa" akka ta'e hima ibsi kun.

Akka ibsa Amnestii Intarnaashinaalitti baqattoonni Itoophiyaa- dhiironni, dubartoonni fi ijjoollen- jumlaan guuramanii manneen hidhaa Haraaj fi al-Shumaayisi jedhaman keessatti bakka baay'ee dhiphaa fi haala rakkisaa ta'e keessatti hidhamanii jiru.

Mana-hidhaa Sa’ud Arabiyaa tokko keessaa nuuf birmadhaa jechuun sagalee isaa waraabee BBCf erge lammiin Itoophiyaa tokko rakkoo hamaa keessa jiraachuu hima.

Mana-hidhaa lammileen Itoophiyaa qofaatti adda baafamanii hidhaman keessatti dhalataan Harargee tokko torban darbe wallaansa fayyaa dhabuu isaatiin mana-hidhaa kana keessatti lubbuun darbuu hima namni kun.

Mana-hidhaa sana keessa waggaa sadii oliif akka ture kan dubbatu namni kun, Imbaasii Itoophiyaa Sa’ud Arabiyaa jirurraa namni deemee isaan gaafatee beeku akka hin jirre hima.

Manneen-hidhaa Kibba Sa’ud Arabiyaa hedduu keessatti lammileen du’uufi dararamuun taatee guyyuu ta’uu himuun, Imbaasiin Itoophiyaa, mootummaafi qaamni danda’u kamiyyu akka birmatuuf cimsee dhaammateera sagalee mana-hidhaatii erge kanaan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Waggoota shanan darban kanatti baqattoonni Itoophiyaa kuma dhibbaan lakkaa'aman haala gidiraa hamaa keessa akka darbuu isaanitiin "baay'en isaanii rakkolee qaamaa fi sammuu cimaa fi itti fufiinsa qabuuf saaxilamiiru" jedhan Hoji gaggeessa Amnestii Intarnaashinaal Kaaba Afrikaa fi Baha Giddu Galeessaa kan ta'an Heba Moraayef.

"Namni tokko sanada seera qabeessa hin qabu jechuun mirgi namoomaa isaa ni mulqama jechuu miti" Jedhan Heba Moraayef.

Waggoota lamaan darban keessatti maneen hidhaa Sa'udii keessatti hiraarsa baqattoota Itoophiyaarra gahee fi du'a namoota 10,00 ta'anii irratti qorannoo gaggeessaa akka jiru ibse Amnestii Intarnaashinaal.

'Saa'diin mala qacarrii hojjataa mirga namaa sarbu Kafaalaa' jedhamu fayyadamuu irraa kan ka'e lammiilen biyya alaa sanada seera qabeessa hin qabne sana seera qabeessa argachuu akka hin dandeenye ibsa dhaabbatichi.

Akka ibsa Amnestii Intarnaashinaalitti yeroo ammaa kana Sa'udii Arabiyaa keessa hojjattoota baqataa ta'an miliyeenni 10 kan jiran yoo ta'u isaan keessaa gidiraan kan hammaatu baqattoota Itoophiyaa irratti xiyyeeffachuudhani.

Mootummaan Itoophiya fi Sa'udii Arabiyaa barri faranhootaa kun osoo hin dhumin baqattoota 100,000 gara biyyatti deebisuuf karoora qabu jedheera ibsi kun.

Lammiilen Itoophiyaa hedduun jireenya gaarii barbaacha karaa seeran alaa biyyoota Baha Giddu Galee fi Sa'udii Arabiyaatti deemu. Rakkoolee garaa garaa daandii irratti isaan mudatuun alatti yeroo Sa'udii gahanis rakkoo hamaa kan biraatu isaan eeggata.

Lammiilen kun karaa seeran alaa yeroo biyyaa bahan kumaatamni heddu gammoojii fi galaanarratti du'aniiru. Namoota nama daddabarsanii fi warra daangaa eeganiinis kan ajjeefaman lakkoofsa hin qaban.

Manneen hidhaa Saa'udii ammoo baqattoota Itoophiyaatif lafa gidiraa fi sarbamni mirga namoomaa guddaan irratti raawwatu ta'uu yeroo gara garaatti namoonni mana hidhaa keessa sagalee, viidiyoo fi suuraa BBC tti ergaa turan.