Hidhaafi dararaa lammiilee Itoophiyaa Sa'uudii Arabiyaa jiraatanii fala dhabe

Madda suuraa, HRW
Lammileen Itoophiyaa kuma hedduutti lakkaa’aman Sa’uudii Arabiyaa dhaqanii dameewwan hojii gara garaarratti bobba’aniiru.
Biyya gaazii boba’aan badhaate kanatti lammileen Itoophiyaa imalan galii fooyyee argatanii jireenya isaanii wayyeeffatan jiru.
Lammileen Itoophiyaa hedduun biyyattii keeessa jiran ji’oota as aanaan dararaa isaaniirra gahuu, qaamolee nageenyaa mootummaan biyyattiin mana hidhaatti darbamaa jiraachuu himataa jiru.
Tarkaanfii kana hordofuun lammileen kuma kudhanitti lakkaa’aman gara biyyaatti deebifamaniiru.
Lammilee Itoophiyaa biyyattii keessaa baasuun yeroo kaan xiyyeeffannoo yoo argatu, yeroo kaan immoo xiyyeeffannoo dhaba.
Torbanoota muraasa darban keessa lammilee Itoophiyaa biyyattii keessaa baasuun kan dagatame fakkaata.
Kanarraa ka’uun lammileen Itoophiyaa rakkoo keessa jiraachuu himatan jiru.
BBC’n lammilee mana hidhaa jiran dubbisuuf yaaliin godhe hin milkoofne.
Taatullee lammiileen biyyattii keessa jiraatan kaan haala biyyattii keessa jiru gaafanneerra.
Isaan keessa namni dubbisne Mohaammad jedhama. Mohaammad Sa’udii erga dhaqee ganna dheeraa ta’eera.
Sababa lammiileen Itoophiyaa hidhamaniif hin beekamu jedha.
‘’Sababa lammileen Itoophiyaa qofti addatti fo’amanii hidhamaniif hin beeku. Siyaasa naannichaa ta’uu mala.''
''Lammilee Itoophiyaa hidhuu erga eegalanii bubbuleera. Dhimmichi hunda keenyaafu hibboo ta’eera,’’jechuun dubbate.
Lammileen Itoophiyaa biyyattii keessatti waggaa tokkoo oliif hidhamuun rakkataa jiran hedduudha. Rakkoon isaanii akka baramuuf miidiyaalee hawaasaarratti dhaamsa isaaniillee ni dabarfatu.
Mohaammad hidhaan kun ‘’haaraa miti’’jechuun waanti haaraan namoonni miidhamuu isaaniti jedhe.
Namoonni hidhaman kutaalee mijataa hin taane keessatti jedhe.
‘’Kutaalee namootaan dhiphatanitti hidhaman. Namoonni mana kutaa tokkotti rukkatanii waan hidhamaniif ho’aafi rakkoolee biroon amma du’uutti qaqqabu’’ jedha.
Lammiin Itoophiyaa jiraatu kan biraan Suulemaan hawaaasni addunyaa, miidiyaaleefi namoonni dhageettii qaban nmoota miidhaman kanaaf dubbachuu qabu jedhan.
‘’Mana turaniiru. Namoonni hundi akkuma argan miidhaa guddaatu jira. Daa’immaniifi dubartoonni miidhamaa jiru. Mana hidhaa keessatti da’u. Waan nyaataniifi uffatan hin qaban’’ jedha.
Namoota rakkoo keessa jiran keessa haadholii fi ijoolleen isaanii mana hidhaatti kan dararamaa jiran lakkoofsi isaanii hedduudha.
Haadholiin kaan mana hidhaa mijataa hin taane keessatti da’anillee ni jiru. Kanneen erga da’anii guyyoota muraasa booda mana hidhaa buufamaniis ni jiru.
‘’Ana kan na ajaa’ibu Sa’uidii Arabiyaatti namni hidhame akkatti tikkeetti muratee gara biyyaatti deebi’u danda’u. Biyyatti deebi’ee mootummaa waan rakkisu natti hin fakkaatu, namni hundi maatii qaba.''
''Lammileen kunneen akkamitti irraanfatamuu? ‘’kan jedhu Mohaammad, maatii isaanii, hidhaa Abbaayyaa dabalatee dhimmoota biroo irratti qooda isaanii gumaachaa turaniiru jedha.
Mootummaa Itoophiyaarraa akka deebii eegaa jiran kan himu Mohaammad, ‘’mootummaa biyya kanaa komachuu hin dandeeenyu, mootummaa Itoophiyaa yoo ta’e malee. Akka nu deeggaran kan gaafannuus mootummaa biyya keenyaati’’ jedhe.
Itti dabaluun akkas jedhe: ’’Ministirri Dhimma Alaa maaliif akka rincican hibboo natti ta’eera. Namoota kanarra miidhaa qaqqabu otoo arguu, akkamitti fala dhiise kan jedhu nuuf hin galle’’ jedhe.
Lammilee Itoophiyaa eenyummaa isaanii qofaaf fo’amanii wayita miidhaan irra qaqqabufi addatti fo’amuun dararamu mootummaan deebii atattamaa kennuu dhabuun yaaddessadha,’’ jedha Suleeman.
Lammileen Itoophiyaa biyyattii keessa jiraatan haalli namoonni mana hidha keessa jiran yaaddeessa ta’ullee xiyyeeffannoon kennameef xiqqaa ta’uu eeruun, gara biyyaatti saffisaan yoo hin deebifamiin hafan miidhaan qaqqabu guyyaarra gara guyyaatti hammaata adeema jedhanii akeekkachisan.
‘’Mootummaan rakkoo keessa yoo jiraatellee, waanti biraa hafee maanguddoonni , haadholii fi daa’imman jiru. Haadholii, dubartoonni ulfaa jiru.
''Dirree mana hidhaa sana keessatti da’u. Daa’immaniifi dubartootaaf dursi akka kennamu hundi keenya watwaataa jirra’’jedha Mohaammad.
Lammiin Itoophiyaa biyyattii keessa jiraatu kan biraan Abdii jedhama. Mootummaan biyyattii to’annoo cimaa waan gaggeessuuf odeeffannoo beeku baayyee isaa himuu akka hin feene ibse.
Mana hidhaa keessatti lammileen Itoophiyaa sabaan walqooduun akka ture hima.
‘’Kaleessa mana hidhaa keessatti sabaan walqoodun wal lolan. Namoota 180 ta’anitu kutaa tokko keessa ture. Isaan wal lolaanii rakkoon mudatee ture.
''Sababa kanaaf kutaa keessa jiran keessaa akka bahan akka bahan kanneen gaafatanis turaniiru’’ jedhe.
‘’Diyaasporaan Itoophiyaatti wayita deebi’an kanatti, lammilee isaan kun immoo waggaa tokkoo oliif ijoolleen hidhamanii yeroo dararaman arguun na dhukkuba.
''Kanaafuu, yoo danda’ame mootummaan akka fala akka nuuf barbaadu gaafanna’’ jedhe Mohaammad.
Sulemaan akka jedhutti biyya keessa rakkoon yoo jiraatelle, namni gaafa rakkatu gara biyya isaatti baqata malee biyya biraatti hin baqatu jedha. Daa’immaniif dubartoonni yeroodhaan gara biyyaatti deebifamu qabu jedha.
Poolisoonni Sa’udii mana hidhaatti namoota darbuu sodaan jedhu hir’atullee ammas lammilleen Itoophiyaa kaan sodaa qabachuu isaanii dubbata.
’’Poolisoonni manaa manatti deemanii eeyyama qabaachuu isaanii gaafatu. Konkolaattoota 50-60tiin mandara weeraru amma dhiisaniiru’’ jedha Mohaammad.
‘’Kana jechuun guutummaatti dhaabateera jechuu miti. Iddoo garaa garaatti sakatta’insi jira. Namni eeyyama hin qabne oliifi gadii deemu hin danda’u. Mootummaan iddoo hundumatti poolisii ramadeera.
Poolisoonni lammilee Itoophiyaa waan beekaniif eeyyama qabaachuu isaanii gaafatu. Kaan immoo qabaniitu adeemu,’’ jedhe haala amma jiru wayita himu.
Mohaammad dhiyootti mudannoo qabu BBCtti himeera.
‘’Dur konkolaattoota hedduun oliif gadii adeeemu. Mana koo cabsanii seenanii turan. Gurbaan na bira ture tokko eeyyama hin qabu waan ta’eef qabanii deeman.
Kaan eeyyama waan qabaniif isaan hin tuqne.
Allaahan na gargaare. Mandara baayyee keeessaa hiriyoota keenya, dubartoota erga da’anii booda daa’ima wajjin hidhaman jiru.
Lammilee Itoophiyaa hidhamanii dararamaa jiran ilaalchisuun Ministeerri Dhimma Alaa tibbana deebii kennee ture.
Dubbi-himaan Ministeerri Dhimma Alaa Ambaasaddar Diinaa Muftii adeemsi godaantota Itoophiyaa gara biyyaatti deebisuu akka addaan hin citne, garuu hanga tokko qorruu himan.
Itti dabaluun, lammilee rakkoo keessaa jiran akkuma kanaan duraattti gara biyyatti deebisuuf qophiin taasifamaa jiraachu kaasan.
Dhiyootti duullii lammilee rakkoo keessa jiran gara biyyaatti deebisuu deebi’ee akka eegalamu himaniiru.















