'Halkaniin balbala cabsanii nutti seenanii nu dararu'- Baqattoota Itoophiyaa Sa'udii jiran

Lammiileen Itoophiyaa Sa'ud Arabiyaa jiran qaamolee nageenyaa fi poolisoota biyyattiin dararaan itti hammaachuu himatu.
Sa'ud Arabiyaa magaalaa Jiddaa kan jiraatu Abuubakar Loodee, haalli amma jiru kan kana duraa caalaa hammaachuu hima.
''Halkan walakkaa dhufanii balbala cabsanii ol namatti seenu. Akka waan dirree waraanaa jiraannu konkolaataa hedduudhaan ba'anii nu shororkeessu. Mana baqattootaarra deemaa bulu. Kaan qabanii mana hidhaatti darbu,'' jedha.
Itoophiyaan waggaadhuma baranaa qofa lammiilee 40,000 ol Sa'udii Arabiyaa irraa galchiteetti. MM Abiy Ahimad dhiibbaan akka deebi'an taasifamuu ijaarsa hidha Abbayyaan walqabata jechuun himaniiru.
Uummanni Itoophiyaa godaansaan Sa'uudii Arabiyaa seenee jiru hedduu fi dhimmoota hedduu kan walxaxoo ta'an harkaa qabu jedha Abuubakar.
''Dhimma baqattootaa kana sirreessuuf kan abdannu qontsilaan Jiddaa hojjettootasaa gara biyyaa ergee hojiin dhaabbatee jira. Namni hedduun kan paaspoortiin duraa dhumatetu jira. Yaaddoo hamtuu keessa jirra,' jedha.
Maqaa fi bifaan adda baasuun qeerroon biyyattii habashaa jechuun karaa deemuu nu dhowwaa jiru jedha Abuubakar.
''Kun habashaa jedhanii adda baasanii nutti qoosu. Mana habashaatti hin kireessan.''
Mootummaan biyyattiillee guyyaa gara guyyaatti baqattoota ofirraa ittisuuf jecha seera haaraa baasaa bula jechuun hima Abuubakar.
''Fakkeenyaaf dhiheenya kana namni kamuu ispoonsara isa/ishee fida qofa bira dalaguu danda'a kan jedhu baasaniiru.
''Kunimmoo baqattoota Itoophiyaaf hin ta'u. Seerota akkanaa baasanii ittiin nu dararu, nu hidhu. Hiriyoonni kiyya hedduun mana hidhaa jiru,'' jedhe.
Lammiileen Itoophiyaa, mootummaan biyyattii fi jaarmiyaaleen idil-addunyaa mirga namaaf falman dararaan baqattoota Sa'uudii Arabiyaa jiranirra ga'aa jiru akka dhaabbatu gaafataa turaniiru.
Hiriirri dararaa lammiilee Itoophiyaa Sa'uudii Arabiyaa jiran irra ga'aa jiru mormu Wiixata kaleessaa(23,08,21) imbasii biyyattii Finfinnee jiru fuulduratti gaggeeffameera.
Miidiyaan biyya keessaa akka gabaasanitti hiriirtonni hidhaa fi dararaa lammiilee Itoophiyaarra ga'aa jiru akka dhaabu mootummaa Sa'uudii Arabiyaa gaafataniiru.

Madda suuraa, EBC
Biyya boba'aan badhaate Sa'uudii Arabiyaa keessa lammiileen Itoophiyaa kumaa dhibbaan lakkaa'aman kan argaman yoo ta'u, hedduunsaanii eeyyama jireenyaa fi hojii hin qaban jedhamuun oliifi gadi oofamu, hidhaan isaan mudata.
Lammiileen Itoophiyaa Sa'uudii Arabiyaa jiraatan tokko tokko dhiyeenya kanammoo kanneen eeyyama jireenyaa fi hojii qabanillee dararamaa jiraachuu ibsu.
Hiriira mormii Wiixata kaleessaa mata duree ''Anis lammii koof sagaleedha'' jedhuun magaalaa Finfinnee keessatti gaggeeffamerrattis dhimmi kun gaaffii ijoo ture.
Keessattuu daa'imman, dubartootaa fi dargaggoonni akka malee hidhaan itti hammaatee jiru mootummaan Sa'uudii akka gadi dhiisu gaafatameera.
Qaamoleen nageenyaa mootummaa Sa'uudii Arabiyaa sakatta'iinsa cimaa baqattoota irratti yeroo yeroon gaggeessaniin, hedduusaanii seeraan ala ittiin jechuun manneen hidhaatti akka guuran baqattoonni irra deddeebiin BBC'tti himaa turan.
Mootummaan maal jedhe?
Mootummaan Itoophiyaa lammiileesaa rakkoo keessa jiran Sa'uudii Arabiyaarraa biyyatti deebisuuf hojjetaa jiraachuu hima.
Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii torban sadi keessatti lammiilee Itoophiyaa 42,000 ta'an biyyattii deebsiuu himanii, garuu ammallee kanneen rakkoo keessa jiran furmaata barbaadu jedhan.
''Kanarratti imbasiin achi jirus mootummaa Sa'uudii waliin haasa'aa, asittis waan dandeenyu gochaa jirra. Mootummaan lammiilee baqarratti rakkatanii jiran kamuu gargaaruuf kutannoo qaba,'' jedhan.
Mootummaan Itoophiyaa torbeetti guyyaa sadi balalii xiyyaaraa mijeessuun lammiileesaa Sa'uudii Arabiyaatti dararamaa jiran biyyatti deebisuu akka jalqabu torban darbe ibsee ture.
Haala kanaan torbanitti baqattoota 1000 galchuuf kan karoorfate yoo ta'u daa'imman, dubartoota, dhukkubsattootaa fi jaarroleef dursi kan kennamu ta'uus himeera.
Sa'uudii Arabiyaa keessatti bakka lammiileen Itoophiyaa baay'inaan itti baqatanii jiran keessaa tokko magaalaa Jiddaati.
Waajjirri Qoonsilaa magaalattii torbee darbe keessa sababa hanqina humna namaatiin tajaajila mana murti fi eeyyama hojii akkasumas kaffaltiiwwan adda addaa baqattootaaf mijeessuu yeroof akka dhaabu ibsee ture.
Kunimmoo yaaddoorratti yaaddoo nutti dabaleera jedha Abuubakar.
Sa'uudii Arabiyaatti Ambaasaaddarri Itoophiyaa Ambaasaaddar Leencoo Baatii viidiyoo Imbaasichi feesbuukiisaarratti maxxanserratti, guyyaatti balaliinsa saddeet mijeessuun, torban sadi keessatti namoota 42,000 biyyatti deebisuusaanii himan.
Ammas namoonni hedduun manneen hidhaa waan jiraniif biyyatti deebisuuf galmee eegalleerra jedhan.
Lammiileen Itoophiyaa hedduun jireenya fooyya'aa fi hojii gaarii barbaacha karaa Somaaliyaa fi Jibuutii galaana qaxxaamuruun wayita gara Sa'uudii Arabiyaatti imalan, bishaaniin nyaatamanii lubbuunsaanii bada.
Kanneen milkaa'eefii gara Yamanitti ce'an ammoo, gara Sa'uudii Arabiyaatti ce'uuf hidhattootaan akka hiraarfamanii fi maallaqa hedduu akka kaffalan himu.
BBC dabalatee miidiyaaleen addunyaa hedduun akkasumas dhaabbileen mirga namoomaa idil-addunyaa hedduun akka himaa turanitti, lammiileen Itoophiyaa kumaatamaan lakkaa'aman daangaa fi magaalota Sa'uudii garaagaraa keessatti dararaa ciccimaan irra ga'a.















