Gadaa Baayidan keessatti qabiinsi mirga namoomaa Sa'uudii akkamiin ilaalama?

Rogeeyyiin Sa'uudii Arabiyaa qondaaltonni biyyattii dhiittaa mirga namoomaaf gaafatamuu qabu jedhan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Rogeeyyiin Sa'uudii Arabiyaa qondaaltonni biyyattii dhiittaa mirga namoomaaf gaafatamuu qabu jedhan

Akka gareen Joo Baayidan jedhanitti, Pirezidaantiin duraanii Doonaald Tiraamp dhiittaa mirga namoomaa Sa'uudii Arabiyaan raawwatamu osoo beekanii ija qabatanii biyyattii deggaraa turan.

''Tiraamp cheekii duwwaa Sa'uudiif barreessan, dunuunfatanii deggaran,'' ittiin jedhan.

Osoo mirgi namoomaa sarbamuu arganii inumaa darbanii waraana Sa'uudii Arabiyaan Yaman irratti bante deggaran jechuun komata gareen Baayidan.

Waraanni Yaman waggaa ja'a lakkofsise kan humnoonni Sa'uudiin deggeraman irratti hirmaataa jiran namoota kumaan lakkaa'an lubbuu galaafateera, kumaa kitiilli qe'eerraa buqqa'aniiru.

Gareen Baayidan kan ammaan tana Waayit Haawus galee jiru Sa'uudii Arabiyaa waliin hariiroo mishaa ta'e itti fufsiisuu akka fedhu hime, garuu dhimmi qabiinsa mirga namoomaa dursa argata jedhan.

Pirezidaant Joo Baayida oppireeshinii waraanaa Sa'uudiin Yaman keessatti gaggeessaa jirtu humna waraanaa fi meeshaalee waraanaan deggeruu akka dhaaban akeekkaniiru.

Gareen Baayidan masaraa mootummaa seenanii torban tokko keessatti gurgurtaa meeshaalee waraanaa biiliyoona hedduutti tilmaamu Sa'uudii Arabiyaa fi Yunaayitid Arab Imireetis (UAE) irraa dhaabaniiru.

Garuu tarkaanfiin garee Baayidan kun dhuguma jijjiirama bu'uuraa fidaa? Faallaa Sa'uudii deemuun dhuguma waraana Yaman goolabaa?

Michuu Ameerikaa bara dheeraa kan taate Sa'uudii Arabiyaan Baha Giddu-galeessaa keessatti hidhattoota Iraan qolachuu fi meeshaalee waraanaa US irraa fudhachuudhaan seenaa yeroo dheeraa kan qabduudha.

Ameerikaanis kanaaf Sa'uudiitti cichitee hafte.

Maqaa biyyattii addunyaarratti

Ragaan Jaarmiyaa qorannoo Istookoolmi tokko akka mul'isutti bara 2015-19tti Sa'uudii Arabiyaan biyya addunyaarraa meeshaalee waraanaa gara biyyashee galchuun sadarkaa duraarratti beekamtu turte.

Biyyattiin meeshaa waraanaa gara caalu Ameerikaa irraa argatti, meeshaalee waraanaa Biriiteen irraa argattuunis Yaman barbadeessaa turte.

Duula farra daldala meeshaalee waraanaa biyya UK keessa kan hojjetu Andirew Ismiiz haalonni kunneen jijjiiramuuf tarkaanfiin amma Baayidan irraa eegamu kan isaan bara Pirezidaantii Itti aanaa turan hojjechaa turan akkaan caaluu qaba jedha.

''Meeshaaleen waraanaa heddumminaan gurguramuu kan eegalan bara bulchiinsa Baraak Obaamaati''

Sa'uudiin waa'eedhiittaa mirga namoomaa biyyashee wayita ka'u isa tibbana murtiin adabbii du'aa biyyattii keessatti hir'ate qofa kaasuun ittiin ofirraa ittisuu barbaaddi.

Qondaaltonni mootii biyyattii Mohammad Bin Salmaan marsanii jiran garuu maqaan biyyattii sababa dhiittaa mirga namoomaa badaa jiraachuu inuma beeku.

Pirezidaanti Tiraamp bara bulchiinsa isaanii waa'ee fooyya'iinsa mirga namoomaa dagatanii waa'ee michummaa qondaaltota Sa'uudii Arabiyaa waliin uumuu irratti xiyyeeffataa turan.

Gaffii ijoon garuu Pirezidaant Baayidan dhuguma jijjiirama uumuu kan jedhudha, deebiinis ni danda'u kan jedhudha, garuu kutannoo waayit Haawus fi dantaa biyyoota lamaaniitu murteessa.