Egdoota dhiiraa Saawudii: Jijjiramni kun dubartootaaf maal jechuudha?

Madda suuraa, Getty Images
Dubaroonni Saawud Arabiyaa amma hayyama egdoota isaanii malee biyya biraatti imaluu ni danda'u.
Ofii jijjiramni seeraa kun dhugaatti waan haaraa attamii jireenya dubartoota Saawud Arabiyyaatiif akka fide yaa ilaallu mee:
Maaltu umamee ture?
Mootiin biyyattii Saalmaan seerota sivilii dubartiin biyyattii umuriinsaanii waggaa 21 ol ta'an hayyama dhiira firsaanii osoo hinbarbaachifne paasportii akka argataniifi biyya alaatti imalan hayyamu ragaasisaniiru.
Kana malees, dubartoonni mirga guyyaa dhaloota daa'imasaanii, gaa'ilaafi guyyaa gaa'ila itti diiganii akka galameessaniif mirgi kan mirkanaa'eef yoo ta'u, sanadi seera qabeessa ta'e maatiisaaniif akka kennamuuf yeroo jalqabaatiif mirgi kennameefiira.
Duraan, dubartii geessuun tokko asiifi achi deemu kan dandeessu abba warraa, abbaa ykn heeyyama ilmashee qofaan ture.
Kana jechuun duraan dubartoonni miidhaa ykn sarbama mirgaa mana keessaa jalaa baqachuuf karaa seeraan alaatiin qofa yaalaa turan ykn fira dhiiraa ykn egdoota irratti hirkataa turan jechuudha.

Madda suuraa, Getty Images
Adeemsi egduummaan maaliidha?
Sirna Mootii Saawud Arabiyaa jalatti, dubartoonni murteewwan taasisuudhaaf 'fedhii gaarii'' fira dhiiraa isaanii irratti hundaa'a.
Dubartoonni egdoota dhiiraa qabaachuun dirqama. Isaaniis dhirsa, abbaa, yeroo tokko tokoos ilam ykn fira dhiiraa ta'u qabaatu.
Isaanis murteewwan gurguddaa bakka ishee taasisuuf seeraan mirgi kennameefiira. Murteen kunis eessaatti akka barataniifi eenyuutti akka heeruman illeen ni dabalata.
Jijjiramni ammaa maaliif barbaachise?
Saawud Araabiyaan gama dhimma mirgoota namoomaatiin qeequmsa jala jirti.
Wayita mirgi dubartoonni akka konkolaataa oofaniif hayyamteettis mirgoota kanneen hafaniif qeeqamaa turte biyyoota gara biraatiin.
Bara darbee ammoo ajjeechaa gaazexessaa Jamaal Kaashogjii Qoontsilaa Saawudii kan Isataambulitti argamutti raawwatameef addunyaan iyyee ture.
Kana malees, duula mirga konkolaachisuu gaafachuuf Caamsaa bara 2018 taasifameen dubartoonni roggeeyyii mirgaaf morman hedduun hidhamanii turan.
Kunis seera qabeessa taasifameera amma. Kanneen sababii kanaan hidhamanii ture hedduun kan gadhiifaman ta'ulleen ammas muraasni mana hidhaatti akka argaman himama.
Akkasumas, dubartoonni bebbeekamoon biyyattii hedduun miidhaa dubartoota irra gahaa jiru eeruun biyya biraatti kolugaltummaa gaafachuun isaaniis Riyaad irratti dhiibbaa biraa taasiseera.
Jijjirama amma dhiheenyatti taasifameen alattis, Saawud Arabiyaan tarree 'World Economic Forum's 2018 Global Gender GDP tiin biyyoota 10 hundaan gadii ta'an keessatti argamti.

Madda suuraa, Getty Images
Jijjiramni kun garaagaruummaa uumaa laata?
Kunis gaaffii murteessaadha.
Jijjiramichi lammiilee Saawiduutiin bal'naan tiwitara irratti simatamaa jiraatulleen, akkuma argamaa jiru namoonni borsaa harkifatanii gara buufata xiyyaaraatti imalaa jiru.
Kuun ammoo seerichi jechuma afaaniiti malee amma biyyaattii garmalee aanga'oota hawaasaafi durewwan hawaasaatiin oggannamaa jirtuutti dhugaa jijjirama kan fidu miti jechaa jiru.
Ammaleen seerri dubartiin takka mana hidhaatii bahuuf ykn dahannoo miidhaa mana keessaa jalaa bahuuf heeyyama dhiiraa argachu qabdi jedhu hojiidhummarra jira.
Akkasumas dubartoonni heerumuuf ykn ofiisaaniin of danda'anii jiraachuuf hayyama fira dhiiraa isaanii argachu isaan barbaachisa.
Hashtag heeruma hayyama egdootaatiin alaatiif waamicha taasisuu kanneen erga guyyaa Jimaataa jalqabee midiyaa hawaasaarratti akka seerri jijjiramuuf adeemsifamaa jiru keessaati.













