Saawud Arabiyaan dubartoonni gaggeessaa malee akka imalan hayyamte

Madda suuraa, AFP
Saawud Arabiyaan dubartoonni hayyama waardiyyaa dhiiraa malee paasportii baafachuufi biyyoota biraatti imaluu akka danda'an, heeyyamte.
Seera biyyattii haaraa Jimaata ifa taasifameen, dubartoonni umuriinsaanii waggaa 21 ol ta'an gargaarsa dhiiraa malee paaspoortii baafachuu danda'u. Kunis warra dhiiraan isaan walqixxeesse jedhameera.
Akkasumas dubartoonni mirga guyyaa dhalootaa, gaa'ila hundeeffachuu ykn hiikuu kennameefira.
Murtoon kunis mirga carraa hojii dubartootaas ilaaleera. Seera kanaan lammiin biyyattii kamiyyuu garaagarummaa saalaa, miidhama qaamaa ykn umurii tokko malee carraa hojii wal qixa ta'e akka argatan kaa'eera.
Kana dura dubartoonni Saawudi paasportii argachuu fi imala biyya biraatti taasisuuf, heeyyama abbaa warraasaanii, abbaa ykn dhiira firaa kan biraa irraa argachuu irraa eegama ture.
Akkasumas Motiin biyyattii Mohaammad Biin Salmaan uggura dubartoonni akka hin konkolaachifne jedhu kaasuun isaanii ni yaadatama.
Haalli kunis dubartoota biyyattiif carraan banamaa jiraachuu kan agarsiisuudha jedhameera.
Mootiin biyyattii hirmaannaa dubartoonni hojiirratti qaban parsantaa 22 irraa gara parsantaa 30 ol guddisuun bara 2030tti kaayyoo dinagdee biyyattii guddisuuf qabaachun hojataa akka jiran waggoota sadiin dura himanii turan.
Haa ta'u malee dubartoonni beebbeekamoo hedduun sababii miidhaa saalaa isaan irra gahuun biyyoota akka Kaanaadaa fi kan biraatti kolugaltummaa gaafataa jiru.
Baatii Amajjii darbe keessa shamarreen umurii 18 Raahaaf Mohammad Alqunuun Kaanaadaatti kolugaltummaan kennameefiira.
Shamarree Raahaaf Saawudiidhaa kan baqate yoo ta'u gara Awustiraaliyaa seenuuf yaalte turte. Dhumarrattis Hoteela buufata xiyyaara Baankook Taayilaandii keessatti qabamte akka deeggarsi idil addunyaa taasifamuuf gaafatee turte.
Dubartiin tun biyya ishee keessatti akka lammii lammaffaatti lakkaa'amtee jirti jechuunis mormitoonni mirga namoomaa komiisaanii dhiyeessaa turan.
Dubartoonni maal jedhan?
Dubartoonni Sa'udii hedduun toora tiwitaraarratti gammachuusanii ibsan. Isaan keessaa dubartiin marii qindeessuun bekamtu Munaa Abu Suleeman jedhamtu ''dhaloonni walabaa fi obbolaa dhiiraa waliin wali qixxummaan guddata'' jette.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Konkolaataa oofun kanaan dura dubartootaaf dhorkame ture amma erga heeyyamameen booda akkasiin gammachuun bakka garaasanii olaaa jiru.

Madda suuraa, EPA














