BBC Dubartoota 100: Dubartii dhiironni niitii lammataa fuudhuu akka danda'an murteessitu

Madda suuraa, Joshua Paul for the BBC
Seerri Isilaamaa, Shariyaa jedhamee beekamu yeroo mara adabbii ciccimaa fi ilaalchawwan araarama hin qabneen wal bira qabamee qeeqama. Mana murtii Olaanaa Shariyaa biyya Maaleezhiyaa keessatti dubartiin yeroo jalqabaaf haadha murtii taate kun hojiin ishee mirga dubartootaa akka tiksitu carraa akka uumeef dubbatti.
Haati murtii Neeneey Shushaayidaa guyyatti dhaddacha shanii ol teessi, torbanitti ammoo dhimmoota 80 ol ilaalti.
Maleezhiyaa keessatti Shariyaa fayyadamuun dabalaa jira. Musliimonni hedduun dhimmoota maatiifi kanneen biroof mana murtii Shariyaa wal dhaabu.
Kanneen Musliima hin taane mana murtii idileetti dhimma isaanii furatu.
Haati murtii Shushaayidaa, dhimmoota maallaqaa irraa kaasee hanga 'Khawalat' jedhamee kan beekamu dhiiraafi dubartii Musliima ta'anii osoo wal hin fuudhiin hariiroo hin malle keessa galan irratti murtii kenniti.
Irra caalaa garuu muuxannoo kan horatte dhimma hariiroo daa'immaniifi maatii ykn guddistootaafi dhimma tokkoo ol fuudhuuti.
Maaleezhiyaa keessatti dubartii tokkoo ol fuudhuun seera qabeessadha.
Namoota dubartii tokkoo ol fuudhuu barbaadaniif hayyama kennuun dura haal-dureewwaan hedduu akka ilaalcha keessa galchitu dubbatti haati murtii kun.
"Seerri Isilaamaa dhiirotaaf looga kan jedhu sirrii miti, hubannaa kana soroorsuun barbaada" jetti.

Madda suuraa, Joshua Paul for the BBC
Nama tokkoo ol fuudhuu hayyamuun dura warreen gaa'ila nama tokkoo olii keessatti hirmaatan hundi dhaddacha ishee irratti argamuu qabu.
"Isa dhiiraa qofa osoo hin taane hunda irraa dhagahuun barbaada" jetti. "Dubartoonnis akka itti waliigalan nan gaafadha, xiqqoodhumallee akka walii hin galle mallattoo mul'isu agarraan hin hayyamu" jetti.
"Ani dubartii waanan ta'eef, dubartoonni baay'een akka hin jaalanne naaf gala. Garuu Isilaamni ni hayyama, manneen murtii keenyas kana raawwachiisuuf dirqama qabu."
"Namichi fuudha lammataaf dhufu sababaa cimaa qabaachuu qaba. Dubartii isaa ishee jalqabaas taate kan lammata dhuftu kunuunsuu danda'uu qaba" jetti.

Madda suuraa, Getty Images
Maaleezhiyaa mana murtii Shariyaa keessatti waggoota dheeraaf dhiirota qofatu abbaa murtii ta'a ture.
"Haadha murtiin ta'a jedhee abjoodhee hin beeku, haadha murtii ta'ee sadarkaa guddaa kanarra gahuufi dhimmoota wal-xaxaa hedduu ilaaluu nan danda'a jedhee hin yaadne, dubartii ta'uun koo ammoo kana akkan shakku na taasisee jira."
"Yeroo tokko tokko wanti natti ulfaatu jira. Akka dubartii tokkootti natti ulfaatuu malas, homtuu natti hin ulfaatu yoon jedhe nan soba. Garuu ani haadha murtiiti. Murteen kennu yeroo mara ifaafi waan hundarraa walaba akka ta'uu nan carraaqa" jetti.
















