Dubartoota saayinsii: 'Garee san keessatti fudhatamuu ni feena'

Rohn Dr Silviyaa Makileen, Dr Jees Waadee Dr Jenifar Roon

Badhaasa Noobel damee Fiiziksiin waggaa 55 keessatti yeroo jalqabaaf dubartiin injifatteetti.

Kanaadaa irraa Doona Istriikland dubartoota badhaasa kana mo'atan keessaa ishee sadaffaa qofa. Kanaan dura badhaasi kun kan kenname bara 1903tti Marii Kuriifi bara 1963tti immoo Mariyaa Gooppert- Maayeriif qofa ture.

Injifattuun badhaasa Noobeli damee Fiiziksii kun haasaa saayintiistiin gaammessaa fiiziksiin 'kan uumameefi ijaarame dhirootani' jechuun dubbate 'dharadha' ykn 'silly' jechuun qeeqteetti.

Piroofeesar Aleesaandro Istirumiyaa, Piisaa Yuniversitiirra hirmaattota gumii qorrattoota fiiziksii baayyinaan dargaggoofi dubartii ta'anitti fiizksiin 'dhiroota irratti sarbama saala hundeeffate taasisaa jira' jechuun haasa'ani. Deebii isaan argatan gaarii hin taane.

Dubartoonni saayinsii biroo maal yaadu?

Dr Jenifar Roon, 50, lammii Biriteen-Ameerikaa, Yuniveersitii Kolleejii Landanitti (UCL) ogeettii qorannoo biyoolojii seelii.

Akkamiin eegalte: Yeroon itti saayintistii ta'uu hin barbaanne hin yaadadhu. Mana barumsaa sadarkaa lammafaa keessatti 'saayintistii ta'uu kan dandeessu' jedhamee filatameen ture. Ijoollumaakootti damee sayiinsiin nama fakkeenya naata'u utuu hin qabaatiin, dubaartoonni saayintistii beekamoo ta'an akka jiranis utuu hin beekinan guddadhe. Hangan yuniveersitii ga'uttillee saayintiistii walbaree hin beeku.

Maalirratti hojjetaa jirta? Wanta walxaaxaa irratti hojechuu nuffeen, wanta dhiibbaa uumu hojechuun barbaade. Ammaa daawwaa kulkula (infection) daandii fincaanii argachuu irratti hojechaan jira. Dhibeen kun baayyinaan maanguddoota kan miidhudha ta'uyyuu qorannoon kanaratti taasifame xiqqoodha.

Dr Jenifar Roon

Madda suuraa, Richard Grant

Yeroo kanatti antiibaayootikiin jiru keessa affuuffee kusaa fincaanii bira ga'uu hin danda'u, rakkoo kana furuu irratti hojjechaa jirra. Waggaa dhufu kanatti qorichi nuti hojjenuu akka bu'aa qabatu ilaaluuf yaalii ni eegalla, sana booda daawwaan kun gabaa irratti nii ba'a jennee abdanna

Haasaa Piroofeesar Istirumiyaa: Akkuma jirutti yoo fudhanne haasaan isaa wanta hamilee namaa buusudha- ogeessa beekamaadha. Wanti inni dhiyeesse hedduun kajiba jedhameera akkasumas haasa inni taasise hawaasa saayinsii addunyaa keessatti mormii uumera.

Fixaan ba'umsa guddaa: Hoojikoorra turuu danda'uukoo. Dubartoonni ani beeku hedduun hojii isaanii dhiisuuf dirqamaniiru. Hojiin baayyee hin jiru, kan jiran immoo dhiirotaaf kennama.

Taatee yaadattu: Yeroo jalqaba liiftii irratti na argan piroofessarri manguddoo dhiraa tokko narsii qorannoo na se'an.

Wantan baradhe: Waggaa 30f saayinsii keessan jira. Damee saayinsii irrattii dubatoonni hammaa dhirootaa hin danda'aan kan jedhuuf ragaa tokkoolle hin agarre. Kun ilaalchaa bakka hunda jirudha akka yaadakootti garuu kun tasumaan dhugaa miti.

Abdii gara fulduraa: Guyyaa itti nuti dubartoonni gartuu saayinsii keessatti haala ofii keenyaan itti fudhatamnu arguufan hawwa. Garuu kun yoomiyyuu hin ta'a jedhee hinyaadu.

Dr Jees Waadee, 29, Kolleejii Impeeriyaali Landanitti doktara Fiiksii ( PhD )

Akkamiin eegalte: Mana barumsaatti barsiisaa fiiziksii baayyee gaarifi na jajjeebessun qaba ture. Matiinkoos immoo lammanii ogeessoota fayyaa ta'aniyyuu feedhii koo heddu tumsu turan. Akkan wantan jaalladhu akkan hojjedhuufi yeroo hunda gaaffii akkan gaafadhuuf na jajjabeesaniiru.

Maalirratti hojjetaa jirta? Kanan hojedhuu daayodii ifa maddisiisaniif meeshalee madda karbonii ta'an irrattin hojedha. Sadarkaa suuraa Televizhinii fi bilbila moobayiilii keessanii yaasa. Kan nuti hojjenuu suuralee salphaa, gatii xiqqaa, ga'umsa garii qabaniifi fayyadamaaf mijatan dhiyeessu irratti.

Haasaa Piroofeesar Istirumiyaa: Hawaasa irrattii midhaa gudda kan fidanidha. Bayyeen keenya addaaddummaa qabaachuun, nama sirraa adda yaadu qabaachuun qorannoof bayyee barbaachisaa akka ta'e beekna. Nama si fakkaatuufi akkakee yaadu qofa yoo qabaattee fulduratti yoomiyuu hin tarkaanfattu.

Dr Jees Waadee

Madda suuraa, Jessica Wade

Fixaan ba'umsa guddaa: Anaaf sagantaa 'International Visitor Leadership Programme' jedhamu Ameerikaatti qophaa'e irratti akkan hirmaadhuuf yeroon affeeramedha. Biyyoota adda addaa bakka bu'uun namoota 48'tu ture, ani Biriteen bakka bu'een deeme.

Taatee yaadattu: Damee kanaratti rakkoon dubartoota qunnamu akka durii icciitii miti. Yeroo hojii tokkoof dorgomtu loogiin jira kunimmoo saayintistoota gara lixaa hin tanees ni qunnama. Yeroo tokko tokko sarbamni saala hundeeffate nu quunnama nuti garuu hin hubannu.

Wantan baradhe: Qoormaatni jiru, waliin dhiyeenyati yoo hojjenne garuu mo'achuu dandeenya.

Abdii gara fulduraa: Yeroo dubartiin badhaasa Noobelii damee fiiziksiin argattuu gamachuu addaa qabaachuura wanta wagga waggaan baramu akka ta'un hawwa.

Dhalattuu Ameerikaa Dr Silviyaa Makileen, 50, Yuniveersitii Oksifoorditti Baayoofizisistii

Akkamiin eegalte: Waggaa saddeetiif yeroo digirii Zuwoologii barrattu kaffaltii barumsa ishee danda'uuf mana qulqulleessuu, pizzaa manaa manatti geessuufi bufata boba'aa keessa hojjetteetti. Ogeetti Laabratoori taate hojjetuus miindaansaa xiqqaa waan tureef gara barumsaatti deebitee umurii 36tti Keemistiriitiin PhD ishee argatte. " Fedhii saayinsii badaa hin qabun ture garuu hojiikootti cimtuudha qarshii gaarii ta'es nan argadha.

Maalirratti hojjetaa jirta? Yuniveersitii Oksifoorsitti barsiistu qorannoo damee Baayookeemistirii.

Haasaa Piroofeesar Istirumiyaa: Nama dadhabaafi kan sodaan itti dhaga'ame natti fakkaata. Uumamaan gosi mukaa tokko tokkoo ofii guddaafi jabaa ta'anii guddachuuf muka xixxiqoo kaan ajjeesu.

Dr Silviyaa Makileen

Madda suuraa, Dr Richard Gillams

Fixaan ba'umsa guddaa: Barattoonikoo akka isaan galmaan gargaaru ykn immoo akka isaan waan kan biraa hojjetaniif jajjabeesudha.

Taatee yaadattu: Ani saayintistii gidduu-galeetti dha ta'uyyuu qorannookoof ofiinan kaffala. Yeroon badhaasa argachuu hundatti, yoo xiqqaate namni tokko dhufee: "Kan ati badhaasicha argatte waan dubartii taatefi" naan jedha. Maal jettaree galatoomi jechuu malee.

Wantan baradhe: Akka saayintistii qofaatti ilaalamu nan barbaadan ture garuu utuuma ati ol hin galiin dubartii waan taateef qofa si madaalaniiru. Wanta itti yaadanii godhan miti.

Abdii gara fulduraa: Wal dhaggeefachuun hedduu barbaachisaadha. Gara fulduraatti yeroo itti namootni dhimma kanaaf gatii itti kennan irra akka geenyun abdadha.