Walitti bu'iinsa Benishaangul: 'buqqaatonni 75,000 deeggarsa ariifachiisaa barbaadu'

Madda suuraa, ETV
Wal dhabdee naannoo Benishaangul Gumuzitti uumameen namoonni 75,000 ol tahan deeggarsa ariifachiisaa barbaadu jedhan, itti gaafatamaan hoggansa sodaa balaa godina Wallagga Bahaa Obbo Addunyaa Galataa.
Sababa walitti bu'iinsa tibbana Naannoo Benishaangul godina Kamaashii fi aanaalee naannoo daangaa Wallagga Bahaatti uumameen lakkoofsi namoota qe'eerraa buqqa'anii dabalaa jira.
Qabeenya isaanii guutuu dhiisanii baqachuun lubbuu isaanii qofa namootni oolchatan deeggarsa nyaataa, uffataa fi bakka turtii hatattamaan barbaadu jedhan Obbo Addunyaan.
Buqqaatotni kunneen aanaa Saasiggaa bakka 4, magaalaa Naqamtee bakka 9, Haroo Limmuu keessa bakkeewwan 4, Giddaa Ayyaanaa fi aanaa Guutoo Giddaa keessas qubatanii akka jiran himaniiru.
Maatii tokko - buqqaatota 1000f
Uummanni godina Wallagga Bahaa fi magaalaa Naqamtee hedduun buqqaatota kanneeniif deeggarsa kallattii garagaaraa gochaa jiru.
Ergamaa Taammiraat Biraanuu maatii isaanii hunda waliin nyaata namoota 1000'f dhiyeessaa akka jiran dubbatu.
''Maatiinkoo guutuu, ijoollee koo waliin taheen nyaata dhiyeessaafii jirra. Haati warraa koo ittoo hojjetti, anis dhaabadheen guyyaa guutuu osoo laaqana illee hin nyaatiin isaan keessumeessaa jirra,'' jedhan Ergamaa Taammiraat.

Madda suuraa, ETV
Haa tahu malee ammayyuu deeggarsi guddaan gama mootummaanis isaan barbaachisa, sababni isaa haadholiin dahan illee daa'ima qabachuun lafa simmintoo irra ciisaa jiru jedhan Ergamaa Taammiraat.
Dabalataan uffata qeerroon funaanee fidutu isaan gahaa jira malee waan uffatanii bulan hin qaban jedhu.
Kanuma cinatti hojettootni Warshaa Shukkaaraa Arjoo Dhidheessaa miindaa isaanirraa waliigalaan birrii 500,000 oliifi shukkaara ofii fudhachuu malan kuntaala 62 yommuu gumaachan, warshichis dabalataan Birrii 100,000 arjoomuu obbo Mulugeetaa Fantaahun, itti aanaan hojii gaggeesaa misoomaa fi hirmaannaa uummataa warshichaa himaniiru.
Itti gaafatamaan hoggansa sodaa balaa godina Wallaga Bahaa obbo Addunyaa Galataa mootummaa naannoo fi federaalaa waliin tahuun deeggarsichi akka isaan dhaqqabuuf hojjechaa jirra jedhan.
Hanga ammaatti qamadii kuntaalli 800 ol mootummaa federaalaa irraa akka isaan dhaqqabe himuun konkolaataa saddet kan tahu ammoo daandii irra jira jedhan.
Zayitiin nyaataas akkasuma rabsamaa akka jiru himaniiru.
Koreen garaagaraa qindaa'uun gama fayyaanis tajaajilli kennamaa akka jiru Obbo Addunyaan eeraniiru.
Deeggarsi uummata Wallagga Bahaa fi magaalaa Naqamtees olaanaa tahuu himuun hanga ammaatti kan turan birmannaa uummatni keenya waliif godheeni jedhan Obbo Adunyaan.
Buqqaatotni Yuunivarsiitii Wallaggaa keessa buufatanii jiran dubbisnes uummata yeroo hundaa ofiisaa caalaa namaaf jiraatu ammas lubbuu keenya tajaajila hundaan qabee kan jirudha jedhan.
Buqqaatotni waa'ee haleellaa isaanirra dhaqqabe maal jedhu?
Aadde Zeeynabaan jiraattuu aaanaa Saassigaa waldhabdee tibbana naannoo benishaangul keessatti uumameen baqattee Yuunivarsiitii Wallaggaa keessatti argamtu dha.
Zeeynabaan hiriyaanshee waliin baqataa turte haala suukanneessaan harma irraa muruun osoo lubbuunshee hin bahiin ''nyaadhu'' jechuun booda ajjeesan jette.
Zeeyinebaan humni hidhate irratti dhukaasaa akka turan himuun qabeenya isaanii hundaa akka dhabanis himti.
Namootni dubbisne biroonis namoota uffata humna ittisa biyyaa uffatantu dhukaasa nurratti banee, mana keenya gube akkasumas namoota ajjeesaa ture jedhan.
Osoo uummata Benishaangul qofa tahe waan fedhe tahe iyyuu balaa hamma kanaa nurraan gahuu hin danda'an humnasaas hin qaban jedhan.
Dabalataan Poolisii Oromiyaa waliin tahuun daangaa Oromiyaa keessatti ofirraa ittisuuf yommuu bahanis humna isaanii ol waan taheef akka baqatanii fi poolisiin illee ajjeefame himaniiru.
Obbo Taakkalaa Tolasaa itti gaafatamaan bulchiinsaa fi nageenya godina Wallagga Bahaas jijjirama akka biyyaatti dhufaa jiru gufachiisuu qaama barbaadutu gochaa kana qindeessaa jira jedhan. Dabaluun qaamni leenjii gahaa qabu dudduuba akka jiru himuun.
Gama Benishaangul Gumuziin ragaa guutuun dhibamus daangaa Oromiyaa keessatti qofa namootni 23 ajjeefamuus odeeffanneerra.














