Benshaangul Gumuz: Godina Kamashiitii abbootiin warraa kuma 13 ol buqqa'an

Madda suuraa, BBC
Walitii bu'iinsaa fi ajjeechaa namootaa dhiheenya taasifameen walqabatee abbootii warraa lammii Oromoofi Amaaraa kuma 13 ta'an buqqa'uun rakkinaaf saaxilamaniiru jedhame.
Itti gaafatamaan Bulchiinsaa fi Nageenyaa Godina Wallaga Bahaa kan ta'an Obbo Taakkalaa Tolasaa BBC'tti akka himaniitti, haalli nageenyaa guyyaa lamaan kan jiru gaarii miti jedhaniiru.
Akka Obbo Taakkalaatti, naannoo daangaa Benshaangul Gumuz keessummaayyuu kan godina Kamashee aanaalee nuraasa keessatti akkasumas gama Oromiyaatiin Aanaa Saasiggaafi Haro Limmuutti namoonni lafa jireenyaa isaanii irraa buqqa'aniiru.
''Ka'umsi isaa gara fuula duraatti bali'naan ifa kan taasifamu yoo ta'u, hanga ka'umsa jennee kan ilaallee humna kiraa sassaabdootatuu ummata kana lamaan jidduu galuun holoola addaa addaa gaggeessaa turuun isaa ni yaadatama,'' jedhaniiru Obbo Takkalaan.
Walitti bu'insii karaa Aanaa Saasiggaatiin kalleessa umameen Oromiyaa ganda Qilxuu Shankooraa lafa Baallaa jedhamuutti namoonni jaha ajjeefamaniiru. Kanneen afur ammoo madaa'aniiru.
Akka Obbo Takkalaatti, gama Oromoiyaatiin manni jiraanyaa 50 ta'u gubachusaanii fi ummanniis baayyinaan qe'ee isaa irraa buqqa'uun gara Oromiyaatti ol baqqachaa jira.
Walumaagalattis abbootiin warraa saba Amaaraa fi oromoo ta'an kuma 13 olii buqqa'uun Aanaa Saasiggaa fi Aanaa Har Limmuu keessa qabachu himaniiru. ''Ummanni kunis erga kalleessaatii kaasee kan dhuguufi kan nyaatu waan hinqabaanneefuu rakkinna cimaa keessatti argama,'' jedhaniiru.
Godinichi gama isaatiin deeggarsa taasisuuf yaalaa jiraatulleen baayyina ummataatiin kan ka'ee ammalleen rakkina hawaasummaa cimaaf saaxilamuunsaanii barameera.
Ummata kana dura waliin jiraatee, borus waliin jiraata waan ta'eef raayyaa ittisaa jidduu seenuudhaan haallichi akka tasgabbaa'u taasisuuf hojjatamaa jira jedhaniiru ittigaafatamaan kun.
Haaluma kanaanis bakkeewwan raayyaan ittisaa galeen haalli nageenyaa tasgabbaa'aa jiraachu isaas himanii, gama godina lamaantinuu ummaticha baroota dheeraaf waliin jiraataa turee walitti deebiisuufi tasgabbiin akka umamuuf sadarkaa motummaa lamaanitiinu hojjatamaa jiraachu himaniiru.
Haa ta'u malee ummanni baayyinaan manaa fi qabeenyaa isaarraa buqa'ee bahe waan ta'eef, attattamaan furmaata itti kennuuf hojjataa jiraachu himan Obbo Taakkalaan.
Namoota yakka kana raawwataniiru jedhamanii shakkaman keessaa 40 kan ta'an gama Beenishaangul Gumuzii raayyaa ittisa biyyaatii too'annaa jala olfamaniirus jedhaniiru.
Akkasumas gama Oromiyaatiinis namoonni gara jahaa ta'an to'annaa jala olfamaniiru kan jedhan ittigaafatamaan kun, yeroo gabaabaa keessatti qulqulleefamuun adda akka baafamu himaniiru.
Qaamoleen nageenyaa naannichaa boreessuun ummata Oromoo fi Gumuz walitti buusuuf socho'aa turaniss hanga qarshi ramaduutii kaasee karaa addaa addaatiin hajjachaa kan turan waan ta'eef kana adda baasuuf hojjatamaa jiraachulleen himaniiru.












