Dhaabbanni Maallaqa Addunyaa dinagdeen Itoophiyaa fooyyee agarsiisuuf jedhe

Bara 2018 fi 2019 jiddu, dinagdeen Itoophiyaa harka 8. 5'nin guddachuuf deema jechuun gareen Dhaabbata Maallaqa Addunyaa(IMF) Itoophiyaa daawwate raageera.
Gabaasa guddinni kuni baatii Adoolessa bara 2018 hanga Waxabajjii bara 2019'tti isa bara darbe 7.5 turerraa 8.5'tti guddata jedheera.
Akka gabaasni garee dhaabbatichaa torban lamaan darbeef Itoophiyaa daawwate baasetti waggaa darbe rakkoon siyaasaa, akkasumas hanqina sharafa ala dinagnee gad qabe.
Erga Ministirri Muummee aangootti as bahani booda waligaltee Ertiraa waliin taasifame dabalatee murtee dhaabbilee mootummaa dhunfaatti dabarsuuf waan murteessan gumaate qaba.
Hayyuun dinagdee Dr. Guutuu Teessoo, ''Addunyaadhuma irratti dhibbantaa 8'n guddachuun guddaadha,'' jedhu hayyuun diinagdee.
Haata'u malee, haalli waggoota muraasa dura biyya keessa ture yoo itti fufe dinagdeen raagame galma gahuu dhabuu mala jechuun dubbatu.
Yoo tasgabbiin akkanatti itti fufe garuu abdachiisaadha jedhu.
Guddinni kuni lammiileen waan hojjetan akka argatan, omishi akka dabalu, galiin biyyatti akka dabaluufi qaala'insa gatii gad-qabuuf faayidaa qaba jedhaniiru.












