ABO: "Namoota yaalii ajjeechaa MM Abiyyin himataman hin beeku"

Namoota dhukaasa boombii yaalii ajjeechaa MM Dr Abiyyi irratti Waxabajjii 16 agga'amee ture keessaa harka qabaachuuf shakkaman hinbeeku jedhuun ibseera Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n.
Dhaabbatichi miidiyaaleen tokko tokko akka waan ABO'n yaalii ajjeechaa waxabajjii 16 keessaa harka qabutti gabaasuunsaanii dogongora ta'uusaa himeera.
Dubbi himaan ABO Obbo Toleeraa Adabaa ibsa galgala kana kennaniin akka himaniitti, qindeesituu yaalii ajjeechaa waxabajjii 16 kan jedhamte Gannat (Tolashii) Taamiruus ta'e himatamtootni biroo miseensota ABO miti jedhaniiru.
Himata dhiyaate irrattis namootni kun miseensoota garee maqaa ABOtiin gurmaa'e ta'uu isaanii malee ABO'n wanti himatame hin jiru jedhan.
"Himannaan har'a mana murtiitti ilaalame bifa kamiinu ABO kan ilaalatu miti" jechuun Obbo Toleeraa dubbataniiru.
ABO'n jaarmiyaa fonqolcha mootummaa akkeekkatee ka'e miti kan jedhan dubbi himaan ABO kun dhaabbata qabsoo karaa nagaa filatedha jedhaniiru.
Dhaabni ABO yakki kamiyyuu yoo raawwatame mootummaa walin ta'uun dhaaba saaxilu malee yakkamtoota ofitti kan hammatu miti jechuunis dubbataniiru.
Gama biraatiin ajjeechaa naannoo Benishaangul Gumuz keessatti tibbana raawwatame dhimma mootummaan ilaallamaa jiru akka ta'e kan himan Obbo Toleeraan, "waraanni bilisummaa Oromoo gochaa ajjeechaa kana ni raawwata jennee hin amannu" jedhaniiru.















