Sa'ud Arabiyaa: Iyya lammilee manneen hidhaa Riyaadiifi Jiddaa keessaa gurra dhaga'u barbaadu

Lammiileen Itoophiyaa kumaan lakkaa'aman Sa'uudii Arabiyaa maneen hidhaa magaalota Jiddaa fi Riyaad keessa jiranitti erga hidhamanii dararamuu eegalanii waggoota lakkoofsisaa jiru.
Dararaa lammiilee biyyoota garaagaraa irraa gara Sa'uudii imalanii irra ga'aa jiruuf dhaabbileen mirga namoomaaf quuqaman kanneen akka Amnastii Intarnaashinaal, Hiyuumaan Raayits Waach fi UNHCR irra deddeebiin Sa'uudii Arabiyaa fi mootummoonni biyyoota garaagaraa waliin dubbachuun dhimmicha furuu akka qaban dhaamaa turan.
Hawaasi idil-addunyaa gama kanaan Sa'uudii Arabiyaa komateera, biyyoonni garaagaraas lammiileesaaniif birmachuu akka qaban dhaamaa turaniiru.
Lammiilee Itoophiyaa mana hidhaa Jiddaa-Shumayizii
Waa'ee baqattoota maneen hidhaa Sa'uudii keessatti dararamanii ilaalchisuun waan baayyeen jedhamus garuu hanga ammaatti dararami nurra ga'u daranuu hammaatee itti fufeera jedhu kanneen mana hidhaa Jiddaa-Shumayizii keessa jiran.
Namoonni kunneen badiinsaanii osoo itti hin himamin ji'a saddeetii hanga wagga tokkootti hidhamanii jiraachuu kanneen dubbisne nutti himaniiru.
Dararaan suukanneessaan itti hammaachuu kan himatan hidhamtoonni kunneen asitti namni nu dhagahu waan hin jirreef mootummaan keenya nuuf birmachuu qaba jechuun dhaammatan.
Godina Arsii Aanaa Shirkaa irraa wagga ja'a dura, hojjetee of-fooyyessuuf, gara Sa'uudii kan imale Amiin Usmaan,''daa'imman umriin hidhaaf hin geenyefaatu as nu keessa jira. Kanneen miidhaan qaamaa irra ga'ee daran dhukkubsatanfaatu as jiru. Kan milli baqaqee sibiilli keessa jiru waliin as mana hidhaa keessa jirra'' jechuun yaaddoo namni isaaniif hin argine keessa jiraachuu ibsa.
Amiin sababii ragaa jireenyaa seera qabeessa hin qabneef qofa bakka hojiisaatii qabamee erga hidhamee amma ji'a saddeet ta'eera.
Haga ammaatti maneen hidhaa lamatti hidhamuu kan himu Amiin, hojjennee jijjiiramna jennee biyyaa baanus haalli amma keessa jirru garuu abdii nu kutachiiseera jedha.
''Jalqaba bakka dalagaa kiyyaa na qabanii mana hidhaa Xariiq kard keessatti na hidhan. Achitti kutaa tokko keessa hanga nama 200 ol taanee hidhamaa turre. Baatii tokko erga turree booda gara mana hidhaa baadiyyaa Riyaad keessatti argamu Haa'ir jedhamu nu geessan.''
Mana hidhaa kana keessatti bilbilaa fi amartii qubaa dabalatee waan hunda akka irraa guuran kan himu Amiin achittis baatii afur hidhamuu dubbata.
''Iyyannee waan hifanneef, qaamni nuuf birmatus waan dhibeef tibbana waan dandeenyuun mormii keenya agarsiisuuf lagannaa nyaataa jalqabne. Kana dhagahuun imbaasiirraa namoonni dhufanis deebii ga'aa nuuf hin laanne, akkuma duriiti'' jedha Amiin.
''Hinumaa waan nyaata laganneef dhufanii nu dararan. Harka samiitti ol-qabaa jedhanii sa'atii lamaa ol luka tokkoon nu dhaabanii nu adaban, deebiin keenya yeroo mara waan akkasiiti''
Kutaa tokko keessatti walitti heddummaachuu fi hanqinni qulqullinaa mana hidhaa keessa jiru kan akkaan nama suukanneessuudha kan jedhu Amiin tajaajilli fayyaa dhibuun ammoo yaaddoo kana daranuu hammeessa jedhe.
''Kan wayita qabaman qaamolee nageenyaan mataan baqaqetu as jira, da'imman miidhaman, kan qama keessaa sibiila qabu, miidhamaa garaagaraa waliin hidhamnee jirra. Kan abdii nama kutachiisummoo yoo mana yaalaa gaafanne isin Itoophiyaadha, manni yaalaa isiniif hin jiru nuun jedhu.'' Jedha Amiin.
Haala Kanaan namni nu biratti du'ee reeffallee nurraa baasuu didanii reeffa waliin jiraachaa turre jedha.
Namni biraan manuma hidhaa walfakkaataarraa dubbisne Badruu Huseen yaaduma Amiin qooddachuun dararaa saanirra ga'aa jiru akkanaan hima.
''Uummata dhukkubsataa, kan fincaanillee qabachuu hin dandeenye, kan socho'uun itti cimu waliin jiraanna. Namoota sababa dhukkubaan ofiin deemuu dadhaban kunneen fuudhanii mana fincaanii geessanii achi keessa oolchu. Achii as hin deebisan. Mana yaalaas hin geessan. Yoo nuti gargaaruuf jennus nu dararu'' Jedha.
Namni biraan Usmaan Mahammad jedhamu ammoo mootummaan gara biyya keenyaatti akka nu deebisu feena jedhe, kanneen akkumasaanii manneen hidhaa Sa'uudii bakkeewwan garaagaraatti hidhamanii jiran hedduu ta'uus dubbata.
''Lammiilee Itoophiyaa addatti fooyanii dararu. Yoo iyyannu kun nu hin ilaallatu, mootummaa keessanitti himadhaa nuun jedhu. Warri keenyaa ammoo dhufaniillee u hin ilaalan. Yoo dhufanis furmaata nuuf hin kennan'' jedha Usmaan.
Erga mana hidhaa buufamanii naannoo waggaa tokko ta'uu kan himu Usmaan, ''wayita qabamnetti waan huda nurraa fudhatan. Uffata jijjiirrannullee hin qabnu. Uffanni nurraa dhumeera. Amma namuu qullaa yaa'a. Uffata dhabuurraa kan ka'e kan peestaala balfi itti gatamu ofitti maree qullaasaa dhokfatutu jira.'' jedha.
Mootummaan Itoophiyaa deebii kenne
Dararaa lammiilee Itoophiyaa manneen hidhaa Sa'uudiitti irra ga'aa jiru kana ibsineefii mootummaan maal gochaa jira, maal gochuu qaba jennee Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaaf gaaffii dhiyeessineerra.
Mootummaan irra deddeebiin lammiileesaa karaa seeraan alaa biyyaa ba'anii daramaa jiran gara biyyaatti deebisaa jiraachuu hima.
Dubbi himaan Ministeerichaa Ambaasaaddar Diinaa Muftiis suutuma suuta biyyatti deebisaa jirra jechuun ala dararama lammiileerra ga'aa jiru ilaalchisuun waan jedhan hin qaban.
''Torban torbaniin biyyoota arabaa kanneen akka Sa'uudii, Kuweet, Beeruut irraa ni galu. Garuu hin xumuramne. Warri manneen hidhaa jiran, kanneen seeraan ala achi jiran jiru. Kanneen qoonsilaan keenya bira ga'uu hin dandeenye, fageenyarra jiranfaas jiru, isaan akka bira ga'aman ni goona.'' jedhan.
Har'a Yaman irraa namni hedduun akka galu kan himan Ambaasaaddar Diinaan, ''yeroo dheeraa keessatti garuu kanneen biyya alaatti rakkataa jiran hundayyuu ni deebisna, Itoophiyaan lammiileenshee akka biyyoota arabaatti dararamaa jiraatan hin feetu'' jedhan.


















