Godaantota Sa'udii Arabiyaa: 'Sakatta'insa jedhanii galanii, uleen nu reebaa oolan'
Viidiyoon Saawudii Arabiyaa mana hidhaa Al-Karjii jedhamurraa waraabamee BBCf ergame akka mul'isutti, lammiileen Itoophiyaa qaamnisaanii haalaan madaa'ee mul'isa.
Lammiileen Itoophiyaa kumaatamatti lakkaa'aman Sa'uudii Arabiyaa manneen hidhaa magaalota Jiddaa fi Riyaad keessa jiranitti erga hidhamanii dararamuu eegalanii waggoota lakkoofsisaa jiru.
Kaan isaanimmoo ji’oota muraasan asitti adamsanii hidhamuun itti fufu BBCtti himanii turan.
Itoophiyaan lammiilee ishee manneen hidhaa Sa'udii keessatti dararamaa jiran gara biyyaa deebisuuf mootummaa Sa'udii Arabiyaa waliin waliigalteerra gahuu dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa Ambaasadda Diinaa Muftii BBC'tti himaniiru.


