Koreen lammiilee Itoophiyaa mana hidhaa Sa'uudiitti dararamaa jiran biyyatti deebisu hundaa'e

Lammiilee Itoophiyaa mana hidhaa Sa'uudii jiran

Madda suuraa, Shariif Abdulmaalik/Riyaad

Ibsa waa'ee suuraa, Lammiileen Itoophiyaa manneen hidhaa Sa'uudii jiran

Itoophiyaan lammiilee ishee manneen hidhaa Sa'udii keessatti dararamaa jiran gara biyyaa deebisuuf mootummaa Sa'udii Arabiyaa waliin waliigalteerra gahuu dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa Ambaasadda Diinaa Muftii himan.

Ibsa Kamisa miidiyaalee biyya keessaaf kennaniin mootummaan lammilee kanneen gara biyyatti deebisuun ‘’filannoo xumuraati‘’ jedhan ambaasaaddar Diinaan.

Torbanoota dura jilli qondaalota mootummaa olaanoo fi abbootii amantaa of keessatti hammate Ministira Dhimma Diinagdee fi Faayinaansii Itoophiyaa Obbo Ahimad Shideen durfamu Sa’udi Arabiyaatti imalee ture.

Imala jila kana ilaalchisuun ambaasaddar Diinaan wayita ibsan, 'qabiinsi lammilee Itoophiyaa manneen hidha Sa’udii keessa jiranii, hariiroo biyyootni lamaan qaban kan madaalu miti' jechuun aanga'oota Sa'udii beeksisuu himan.

Mootummaan Itoophiyaa amma dura yeroo yerootti namoota dhibbaan lakkaa'aman gara biyyaa deebisaa ture.

"Mootummaan Itoophiyaa lammilee kana gara biyyaatti deebisuuf itti gaafatamummaa fi dirqama qaba" kan jedhan ambaasaddar Diinaan, mootummaan Sa’udiis ejjannoon qabu lammiileen Itoophiyaa kunneen biyyattii keessaa akka bahan gochuu ta’u eeran.

Ammatti koreen sadarkaa biyyaaleessaatti hundeeffamuun hojii eegaluu kan himanii, hojiin isaa garuu harkifachuun qeeqamaa jiraachuu dubbatan.

Lammileen Itoophiyaa mana hidhaa Sa’uudii keessatti feestaala uffatani haala lubbuu isaaniif yaaddeessaa ta’e keessa jiraachuu viidiyoowwanii fi suurawwaan miidiyaalee hawaasarratti qoodamuu hordofee ijoo dubbii ta'ee ture.

Lammiileen Itoophiyaa kumaatamatti lakkaa'aman Sa'uudii Arabiyaa manneen hidhaa magaalota Jiddaa fi Riyaad keessa jiranitti erga hidhamanii dararamuu eegalanii waggoota lakkoofsisaa jiru.

Kaan isaanimmoo ji’oota muraasan asitti adamsanii hidhamuun itti fufu BBCtti himanii turan.

Dhaabbileen mirga namoomaaf falman kanneen akka Amnastii Intarnaashinaal fi Hiyuumaan Raayits Waach dararaa baqattoota Sa'uudi Arabiyaa keessa jiran irra gahu, Sa'uudii Arabiyaa fi mootummotni biyyoota garaagaraa waliin dubbachuun furuu akka qaban dhaamaa turan.

Lammileen Itoophiyaa Sau’dii keessatti hidhaa turan garuu mootummaan Itoophiyaa saffisaan birmaachuufi dhabuu komatu.

Presentational grey line
Ibsa waa'ee viidiyoo, Lammiilee Itoophiyaa mana hidhaa biyyoota Arabaa keessa jiran nuuf biirmadhaa jedhan