'Yeroof waa hundi nutti hafee mootummaan lammiilee keenya Sa'uudii jiran baraaruu qaba' - KFO

Madda suuraa, Shariif Abdulmaalik/Riyaad
Hidhamtoota lammiilee Itoophiyaa ta'an manneen hidhaa Sa'uudii Arabiyaa keessatti rakkoon irra ga'aa jiru guyyaan hammaachaa deemaa jira jechuun namoonni BBC'tti himan.
Dhaabbilee mirga namoomaa dabalatee namoonni hedduun miidiyaa hawaasummaarratti waa'ee lammiilee kanneenii watwaataa turanis garuu ammallee jijjiiramni argame hin jiru.
Kongiresiin Federaalawaa Oromoo (KFO) ibsa baaseen, mootummaan waan hunda dursee lammiilee manneen hidhaa Sa'uudiitti dararamaa jiraniif birmachuu qaba jedhe.
Umar Mohaammad mana hidhaa al-Shumaysii irraa namoonni hedduun dhukkubsatanii akka jiran hime.
''Namni dhukkubaan gogaan irraa luqqa'ee, foon irraa dhumee jira. Yoo dhukkubsate dawaan hin jiru. Qaamni namaa bishaan kuusee dhidhiita'a. Dhukkuba akkasiitu mana hidhaa hunda keessa jira.
Dawaa akka nuuf kennaniif gaafannee dadhabne. Dhukkubi kun 'hasaasiyya' jedhama. Akkaan faca'ee jira. Kaan ammoo hanqina nyaataan hubamaa jiru,'' jedhe.
Shariif Abdulmaalik, mana hidhaa Riyaad irraa yoo ta'u, namoonni akkaan dhukkubsataa jiraachuuf, kanneen rakkoo irra ga'aa jiru baasanii addunyaaf mul'isanirratti ammoo reebichi hamaan raawwataa jiraachuu hime.
''Dhiyeenya kana daa'imni xiqqaan tokko akkaan dhukkubsatee wayita dhiiga afaaniin baasu ijoolleen viidiyoo waraabanii wayita miidiyaa hawaasummaarratti maxxansan hordofanii tarkaanfii irratti fudhatan. Yeroo sana daa'ima sana daddarbaa fuudhanii deeman.
''Du'uu fi dhiisuu isaa hin beeknu. Eegasii as deebi'anii namoota viidiyoo sana maxxansan reeban. Shiboo eletirikiitiin reeban. Namoota feesbuukiirratti viidiyoo sana maxxansan fuudhanii deeman, haga ammaa eessa akka geessan hin barre.''
- 'Qondaaltonni ABO mana hidhaa jiran guyyootaaf lagannaa nyaataarra jiru'
- Jilli Itoophiyaa rakkoo lammilee Sa'ud Arabiyaa jiran irratti mariyachuuf garas imalee jira
- 'Baqattoonni ammallee dararaa hamaa fi jiruu dhala namaaf hin malle keessa jiru'
- Iyya lammilee manneen hidhaa Riyaadiifi Jiddaa keessaa gurra dhaga'u barbaadu
Xumura ji'a Amajjii darbeerratti jilli Itoophiyaa dhimma qabiinsa lammiilee Sa'uudii Arabiyaa jiranii ilaalu tokko gara Sa'uudii imalee ture.
Ministirri Maallaqaa Ahimad Shidee, qondaaltonni mootummaa kaanii fi dureewwan amantii jila kana keessatti argamu.
Kaayyoon jila kanaa inni ijoon rakkoo lammiilee Itoophiyaa Sa'uudii Arabiyaa jiranirra ga'aa jiruuf furmaata waaraa kaa'uuf jecha qondaaltota mootummaa Sa'uudii waliin mari'achuuf ture.
Jilli kun turtiisaa keessatti hawaasa Itoophiyaa magaalaa Riyaad waliin mari'achuun, qabiinsi lammiilee Itoophiyaa mana hidhaatti dararamaa jiranii akkamiin akka sirratuu fi kaan irratti kallattii kaa'uu ibsee ture.
Namoonni BBC'n mana hidhaa Sa'uudiirraa dubbise garuu jijjiirama homaatuu hin argine jedhan, Shariif Abdulmaalik akkas jedhe.
''Aanga'oota mootummaa Itoophiyaa dhufuusaanii miidiyaarratti agarre malee, qaamaan namni dhufee nu ilaale hin jiru. Magaalaa Riyaad dhufan jechuu dhageenye. Garuu haalli isaanii waan biraaf waan dhufan fakkaata. Ergasaan dhufaniis waanti jijjiirame tokkollee hin jiru.''
Lammiileen Itoophiyaa manneen hidhaatti dararamaa jiraachuu himatan kunneen ammas mootummaa Itoophiyaarraa birmannaa akka barbaadan himaniiru.
KFOn maal jedhe?
Waa'een rakkoo lammiilee manneen hidhaa Sa'uudii jiranii namoota hedduutti yaaddoo guddoo uumeera.
Keessaahuu miidiyaa hawaasummaarratti peestaala gurraacha akka huccuutti ofitti xaxuun rakkoo lammiilee kunneen qooddachuu ibsuun akkaan heddummaateera.
Kanaan cinatti jaarmiyaalee fi namoonni dhuunfaas lammiilee kunneeniif sagalee ta'uun, keessattuu mootummaan Itoophiyaa xiyyeeffannaa kennuu akka qabu gaafataa jiru.
Paartilee siyaasaa keessaa dhimma rakkoo lammiilee kunneeniirratti ibsa kan baase Kongiresiin Federaalawaa Oromoo (KFO), mootummaan lammiilee isaa baraaruu qaba jedhe.
KFOn akka jedhutti sababii ijoon lammiilee biyyattii rakkoo kanaaf saaxile, haala siyaasaa walxaxaa fi imaammata diinagdee bu'a qabeessa ta'e dhabuudha.
''Imaammatoonni guddinaaf jedhamanii biyya keenya keessatti bahan, hirmaachisaafi sirrii ta'uu dhabuudhaan, gariin hojiirra hinoolan. Hanga ta'e yoo hojiirra oolanis fedhii namootaafi garee muraasaaf giddugaleessa waan taasifamaniif, fedhii ummattoota keenyaa otoo hin guutiin karaatti hafu,'' jedha ibsi KFO.
KFON dabaluun ibsa isaa keessatti: ''Lafa bal'aafi qabeenya uumamaa hedduu otoo qabnuu, haalaan misoomsuu dhabuudhaan kan ka'e lammiileen keenya jireenya dhuunfaafi maatiisaanii fooyyessuuf jecha haala baay'ee sodaachisaafi yaaddessaa ta'e keessaan gara godaansaatti qajeelu.
''Karaa biraatiin bulchiinsi siyaasaa biyya keenyaa walxaxaa ta'uurraa kan ka'e, lammiileen kana baqachuuf biyyarraa godaanan lakkoofsi isaanii laayyoo miti,'' jedhe.
Lammiileen Itoophiyaa erga godaansaaf daandii qabatanii eegalee hanga biyyoota alaa dhaqanii qubatanitti gidiraan isaan mudatu akkaan nama suukanneessa kan jedhe KFOn, mootummaan waan hunda dura lammiilee Sa'uudiitti hiraarfamaa jiraniif dursa akka kennu dhaame.
"Yeroodhaaf wantootni baay'een nutti hafanii, mootummaan lubbuu lammiilee kanaa otoo baraaree gaariidha qaamoleen jedhaa jiran hedduudha. KFOnis yaada kana nideeggara.''
''Kanaafuu, hanga ammaatti lubbuu hedduu dhabnus, mootummaan lubbuu lammiilee hafanii baraaruuf, tarkaanfii hatattamaa akka fudhatu nigaafanna.''
















