'Qondaaltonni ABO mana hidhaa jiran guyyootaaf lagannaa nyaataarra jiru'- Obbo Tuulii Baayyiisaa

Qondaaltoota ABO mana hidhaatti guyyootaaf lagannaa nyaataa irratti argaman keesaa Daawiiti Abdataa, Lammii Beenyaa fi Miikaa'eel Booran
Ibsa waa'ee suuraa, Qondaaltoota ABO mana hidhaatti guyyootaaf lagannaa nyaataa irratti argaman keesaa Daawiiti Abdataa, Lammii Beenyaa fi Miikaa'eel Booran

Hoggantoonni olaanoon Paartii Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) hidhaa jiran lagannaa nyaataa irra jiraachuu abukaatoonsaanii BBCtti himan.

Abukaatoo qondaaltoota ABO mana hidhaatti argaman kanneen bakka bu'an keessaa tokko kan ta'an Obbo Tuulii Baayyisaa, qondaaltota ABO lagannaa nyaataa irratti argaman kunneen Obbo Miikaa'el Booran, Kennasaa Ayyaanaa, Daawiti Abdataa, Lammii Beenyaa, Gadaa Gabbisaa fi Battee Urgeessaa fa'i jechuun BBCtti himaniiru.

Akka Obbo Tuliin jedhaniitti, haalli namoonni kunneen itti to'ataman seeraan ala, isaanis guyyoota shanan darbaniif nyaata lagataniiru jedhan.

Jaarsoolii biyyaatiin akka lagannaa nayaataa kana dhaabaniif gaafatamanii akka dhaaban waliigalan illeen hospitaala geeffamuun meeshaan barbaachisu hin jiru jedhamuun gara mana hidhaatti erga deebi'anii booda lagannicha itti fufuu himaniiru.

''Lagannaa nyaataa kana akka dhaabaniif kadhannaa jaarsoliin dhiyaateef fudhatanii turan. Haata'u malee osoo nyaata fudhachuu hin eegaliin dura mana yaalaatti geeffamuu qabu ture. Garuu hospitaalli poolisii federaalaa meeshaa wallaansaa barbaachisaa ta'e hin qabu jechuusaatiin, gara buufata poolisii Buraayyuutti deebiifaman. Amma lagannaadhuma nyaataa sanarratti argamu,'' jedhan Obbo Tuuliin.

Qondaaltoonni kunneenis haalli itti qabamaa jiran sirrii akka hin taane mormiin agarsiisuuf lagannaa nyaataa irratti akka argaman Addi Bilisummaa Oromoo ibsa Guraandhala 10, 2022 baaseen beeksiiseera.

Hidhamtoonni haalli itti qabaman sirrii akka hintaaneefi ''dararamaafi seera haala cabseetu irratti raawwatama'' kan jedhe ibsichi fedhiiwwan bu'uuraa kan akka bishaan, nyaataafi kaan dhorkamusaanii himeera.

Kanaanis walqabate qondaaltoonni olaanoon kunneen nyaataa lagachuun ''fayyaa fi qaamaan guyyaa guyyaatti miidhamaa jiru,'' jedhera ibsichi.

Abbukaatonnis ta'e maatiin hidhamtoota kanneen argachuun baayyee rakkisaa akka isaaniitti ta'e kan dubbatan Obbo Tuuliin, waa'ee isaan irra jiran sirreeffamtoota irraa osoo hintaanee namoota mana hidhaatii gadhiifaman kaan irraa dhagahaa jiraachuu himan.

''Nuti abukaatoonni bara darbe baatii Waxxabajjii irraa kaasee hanga ammaatti isaan argannee hin beeknu'' jechuun maamiltoota isaanii waliin erga wal arganii baatiiwwan lakkoofsiisuu himu.

ABOn gamasaatiin maatiiwwan sirreeffamtootaa akka isaan hingaafanneef akka dhorkamaniifi darbee darbees miidhaan akka isaan irra gahu ibsa isaatiin kaaseera.

Abookaatoo Tuuliin akka jedhaniitti, abbaan alangaa miseensa koree hojii raawwachiiftuu ABO kan ta'an Obbo Miikaa'eel Booran fi Keennasaa Ayaanaa irratti himannaan dhieessuu hinqabu jechuun galmeesaanii erga cufee waggaan darbuulleen, garuu namoonni lamaanuu ammalleen hidhaarratti akka rgamna himu.

Akkasumas qondaaltoonni Paartiichaa Lammii Beenyaafi Daawiiti Abdataa ammoo mana murtiin bilisaan gadhiifamanii ture.

''Jarren kuneen abbaan alangaa ol iyyannoo irratti dhiyeefatee hanga mana murtii waliigala Oromiyaatti falmuun kanneen bilisa bahan turan. Haata'u malee poolisiin karaa seeraan alaatiin qabatee jira,'' jechuun Obbo Tuuliin kan himan.

Obboo Tuliin akka jedhaniitti dubbii himaa dhaabbatichaa Batte Urgaassaa fi hoggansa paartichaa kan ta'an Gadaa Gabbisaa irratti ammoo sirumaa himanni baname hin jiru, qorannoon yakkaa irratti gaggeeffamaa tures adda citeera.

Kol. Gammachuu Ayaanaa fi miseensi koree hojii raawwachiiftuu ABO kan ta'an Obbo Abdii Raggaasaa dheengadda mana murtii Olaanaa Feedareealaatti wayita dhiyaataniitti manni murtichaa bilisaan isaa gaggeessuulleen abbaan alangaa mana murtii waliigalaatti ol iyyannoo dhiyyeessuun akka gadi hin dhiifamne taasiseera jedhu.

ABOn ibsa isa kaleesaatiin ''motummaan qondaaltoota isaa karaas seeraan alaatiin hidhuu fi mana hidhaa keessa tursiisuun dararaa jira'' jechuun himatee ture. Himannaa kanaaf gama mootummaatiin deebiin kenname hin jiru.

"Haalli qabiinsa isaanii hamilee kan miidhu, seeraan ala''

Obbo Tuuliin namoota himannaan irratti hinbanamiin, kanneen mana murtiin bilisaan gaggeeffaman, fi kanneen seeraan mana hidhaa keessa turuun hin qabaannee hiiksiisuuf ''bakkii iyyata itti hin galfatiin hin jiru'' jedhu wayita haala jiru ibsan.

''Abbaa Alangaa Olaanaatti beeksiifneera. Galmee qaama bilisa baasuu saaqsiifneerra... Komishinii Mirga Namoomaa itoophiyaatti gabaasa taasifneera,'' jedhu.

Komishiniin Mirga namoomaa Itoophiyaa dhimma kanarratti qaamni dubbise jiraachu adda baasuuf yaaliin BBC taasise hin milkoofne.

Abookaatoon kunis haalli maamiltoonni isaanii kunneen itti ''qabaman haamleefi seeraan aladha... Yakka olaanaatu irratti raawwatamaa jira. Dhimmicha maatii hubachiisuun baayyee rakkisaa natti ta'a,'' jedhu.

Hooggantoonni ABO baayyeen shoroorkaafi jeequmsa kaasuun himatamuun waggoota lamaan oliif mana hidhaatti argamu.

Muraasni isaanii akka gadhiifaman mana murtiitiin ajajni darbuulleen ammas hidhaarratti akka argaman ibsameera.

Motummaan marii biyyaaleessaa dhiheenya gaggeessuuf haala mijeessuuf jecha hoggantoota paartiilee siyaasaa hidhaarra turan muraasa hiikuunsaa ni yaadatama.

ABO marii biyyaaleessaatiif akka hin waamamne kan ibse yoo ta'u, maricha irratti qooda fudhachuuf hoggantoonni isaa akka hiikamaniif gaafataa jira.