Mootummaan hidhamtootaafi maatii isaanii 'hiraarsuu akka dhaabu' ABO'n gaafate

Aasxaa ABO

Madda suuraa, ABO

Addi Bilisummaa Oromoo, ABO'n, Dhaabni biyya bulchaa jiru hidhamtootaa fi maatii hidhamtootaa 'hiraarsuu akka dhaabu' ibsa baaseen gaafate.

Jaarmiyaan hoogganoonni isaa hedduun sababoota adda addaan mana hidhaa keessa jiran kun, ibsa isaa keessatti dhaabni Badhaadhinaa kan biyya bulchaa jiru ''addatti miseensotaafi deeggartoota ABO hiraarsuu jebeessee itti fufeera'' jechuun komateera.

''Caasaan nageenyaa PP hooggantootaafi miseensota ABO seeraan ala hidhuun, manneen hidhaa keessatti adeemsa seeraa tokko malee dararaa jira.''

Ibsi dhaaba kanaa kun kan bahe Roobii Kaleessaa Manni Mirtii hoogganni dhaabichaa koloneel Gammachuu Ayyaanaa fi waahillan isaanii osoo hidhaa keessa jiranii galmee isaanii cufuun erga dhagahameeti.

Abukaatoon Koloneel Gammachuu fa'aa obbo Tuulii Baayyisaa yaada BBC'f kennaniin, mamiltootni isaanii mana murtiin bilisa jedhamaniis, seeraan ala to'annoo qaamolee nageenyaa Federaalaa jala jiru jechuun adeemsa haqaa jiru komataniiru.

Mootummaan komiiwwan ABO fi abukaatotni dhiyeessaniif hanga ammaa ifatti wanti jedhe hin jiru.

Mootummaan manneen hidhaa seerawaa fi seerawaa hin taane keessatti nama dararaa jiraa kan jedhu ibsi ABO, ''Manni hidhaa Buraayyuu gidduugalawwan hidhamtootni itti dararaman fi tajaajila wayiituu itti hin arganne keessaa tokko,'' jedha.

Hoogganoonniifi miseensonni dhaabichaa akka Mikaa'eel Booran, Kennasaa Ayyaanaa, Daawwit Abdataa, Lammii Beenyaa, Gadaa Gabbisaafi Battee Urgeessaa ''haala qabiinsa badaa manneen hidhaa keessa jiru'' mormuun nyaata lagachaa jiru jedha ibsichi.

Hidhamtootni kunniin mana hidhaa Galaan irraa Buraayyuutti dabarfamuu isaaniis himeera.

Manneen hidhaa gariin keessatti hoogganoonniifi miseensonni isaa maatidhaan akkan hin daawwatamne dhorkamuu, nyaata fi bishaan dhugaatii argachuu dhabuufi sarbama mirgoota namoomaa biroon irra gahe akka isa yaaddessu ABO ibseera.

Mootummaan dararaa hidhamtoota irraan gahu haa dhaabuu jechuun kan gaafatu dhaabichi, hawaasni idilaa addunyaafi dhaabbileen mirga namaaf falmaniis dhimma kana akka quba qabaatan gaafate.

Namootni siyaasaa hedduun Oromiyaa keessatti hokkora kaasisuuf yaalaniiru sababa jedhuufi sababoota biroon hidhamanii kan jiran yeroo ta'u, adeemsi haqaa isaani walxaxaa ta'eera.

Gariin Mana Murtiin bilisa jedhamanis hidhaarraa hin hiikamne.

Hayyuu Dureen ABO obbo Daawud Ibsaas ji'ootaaf mana isaanii keessaa akka hin sochoone hidhaa jala jiraachuu dhaabichi amma dura beeksisee ture.