Baqattoonni Itoophiyaa Yaman jiran hiriira ba'uun waa'ee namoota dhumanii gaafatan

Madda suuraa, Reuters
Baqattoonni lammilee Itoophiyaa kan Yaman magaalaa sana'aa jiraatan waajjira UNHCR fuulduratti hiriiruun waa'ee namoota abidda mana hidhaatiin du'anii gaafatan.
Jiraataan Sana'aa Aammee Harawwee jedhamu BBC'tti akka himetti kanneen abidda mana hidhaa san irraa lubbuun hafan akka hin qunnamne dhorkamneerra jedha.
''Warra hospitaala keessa jiran akka dubbifnu nuuf hayyamuu didan. Warra ammoo xiqqoo wayyoo qaban konkolaataan fe'anii gara magaalaa Adan jedhamtu geessan, isaanis qunnamuu hin dandeenye,'' jedha.
''Namni meeqa akka du'e, namni meeqa akka lubbuun hafellee baruun rakkisaadha,'' jedha.
Jiraataan biraa achuma Sana'aa irraa dubbifne baqattoonni achi jiran namni meeqa akka du'e akkasumas kan lubbuun hafan maalirra akka jiran mootummaan nuuf haa gaafatamu jechuun waajjira UNHCR kan magaalaa Yaman duratti guyyaa kaleessaa hiriira bahanii akka turan hima.
Aanga'ootni UNHCR mootummaa gaafatanii har'a Kibxata ganamatti akka deebii nuuf kennan nutti himanii eegaa jirra jedha jiraataan kun.
Baqattoonni Itoophiyaa Yaman jiran BBCn dubbise ka'umsi abidda lubbuu namoota hedduu galaafate kanaa boombii harkaa eegdotni hidhamtootatti darbatan akka ta'e himu.
Dhaabbanni baqattootaa Addunyaa IOM ibsa kaleessa baaseen kanneen abiddaan miidhaman 170 ol yaala argachaa jiraachuu himee, lakkoofsa namoota du'anii fi ka'umsa balaa sanii qulqulleeffachaa akka jiru hime.
Ministerri haajaa alaa Itoophiyaas dhimmicha gama Imbasii isaa Omaan jiruun qulqulleeffachaa jiraachuu ibseera.
Balaa kanaan namoonni 30 ta'an yoo du'an 170 kan ta'an ammoo miidhamaniiru jedha IOM.
Balaan kun kan mudate haleellaa qilleensarraa haarawa waraanni Sa'uudii Arabiyaa garee Huutii irratti magaalaa Sana'aatti raawwate hordofee, gareen Huutii diroonii fi misaa'elaan buufata boba'aa Sa'uudii rukutuu hordofeeti.
Haa ta'u malee ka'umsi abiddichaa maal akka ta'e ammatti hin qulquloofne jedha IOM. Baqattoonni Oromoo Yaman jiran ammoo 'boombii harkaa darbatameen' namoonni ajjeefamuu himu.
Godaantonni miidhaman irra jireessaan lammiilee Itoophiyaati.
Jaarmiyaa IOM jedhamutti dureen Kaaba Afriikaa fi Biyyoota Baha Giddu galeessaa Carmela Godeu hojjettoonni isaanii namoota miidhaan irra ga'e 170 ta'an gargaaraa jiraachuu himan.
Namoota 170 keessaa namoonni 90 ta'an akka malee miidhamanii jiraachuus himan.
Akka IOM jedhutti wayita balaan kun uumametti hidhamtoonni 700 ta'an mana hidhaa IPNA (Immigration, Passport, and Naturalization Authority) jedhamu kan mootummaa Yamaniin bulu kana keessa turan.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Balaa abiddaa kana maaltu akka uume sirriitti qulqulleessuun hin danda'amne, garuu haleellaan Sa'uudiin qilleensarraa raawwatte gamoowwan naannawa sana jiran barbadeessee ture.
Maaltu ta'e?
Baqataan Oromoo magaalaa Sana'aa jiraatu dubbisne tokko BBC'tti akka himetti balaan kun kan mudate wal-dhabdee eegdotaa fi hidhamtoota jidduutti uumameen booda, eegdooti hidhamtoota irratti boombii darbataniini.
Hidhamtoonni dararaa mana hidhaa keessatti irra gahu mormuun, gara biyya keenyaa nu deebisaa jedhanii nyaata lagachuu eegaluu kan himu namni kun, eegdoti mana hidhaa nyaata nyaadha jechuun hidhamtoota waliin walitti bu'anii, san booda boombii itti darbatani jedha.
Jiraataan biraa achuma magaalaa Yaman irraa dubbifnes "ijoolleen nyaata hin nyaannu, biyyatti nu deebisaa jennaan ulaa cufanii boombii harkaa itti darbatan" jechuun ka'umsi balaa kanaa boombii eegdotaan darbatame ta'uu hima.
Akka jiraataan kun jedhutti lakkoofsi namoota du'anii 182 yoo ta'u kanneen madaa'anii lubbuun hafan hedduun ambulaansiin hospitaalota magaalattiitti guuramaa turani.
Mootummaan Yaman dhimma kanarratti amma dura ibsi baase hin jiru.
Balaa sana booda aanga'oonni Huutii yaada kennaniin IOM fi UN itti gaafatamuu qabu jedhan.
Sababni isaas jaarmiyaaleen kunneen dhimma godaantotaa irratti dirqama osoo qabanii gargaaruu didanii callisanii ilaalaa turan jedhan.
Yaman waraanaa waggoota dheeraa dura eegaleen raafamaa jiraattus, godaantonni kumaatamaan lakkaa'aman, kan irra jireessaan Kaaba Afriikaa irraa ta'an gara biyyattii seenuu hin dhiisne.
Godaantonni kunneen karaa Yaman gara Sa'uudii Arabiyaatti imalu.
Sababa waraana yaman keessa jiruun ulaan gara Sa'uudii Arabiyaatti ceessisu waan cufameef godaantonni hedduun Yaman keessatti ugguramanii beela, dheebuu, dhibeewwan garaagaraa fi balaa waraanaaf saaxilamaa jiru.

















