Sudaanitti kumaatamni ajjeechaa sabarratti xiyyeeffate baqachaa jiru

Madda suuraa, Getty Images
Sudaan bulchiinsa Lixa Daarfur keessatti namoonni kumaatamaan lakkaa'aman haleellaa sanyii balleessuu sodaachuun baqachaa akka jiran, dhaabbanni tola ooltummaa wal'aansaa ibse.
Namoonni ijaan argan humni hidhattoota RSF lammiilee Araba hin taane irratti xiyyeeffachuun ajjeesaa jira jechuun himatu. Kanaanis namoonni dhibbaan lakkaa'aman ajjeefamuun gabaafame.
Kunis kan mudate erga Humni Atattamaa Sudaan (RSF) wiirtuu humna waraanaa Sudaan kan magaalaa gudditti Daarfuur Lixaa El Jeniina jiru to’ateen boodadha.
Garuu ammoo RSF waan “waldhabdee gosaa” jechuun hime keessatti akka hin hirmaanne ibseera.
Humni RSF kunis erga baatii Ebla irraa eegalee biyyatti to’achuuf humna waraanaa Sudaan lolaa jira.
Dhaabbanni Haakimota Daangaa maleeyyii (MSF) akka jedhutti, guyyootii sadan darban keessatti namoonni 7,000 gara daangaa Chaad seenan keessa harki caalaan isaanii dubartootaa fi ijoollee harka qullaa baqatanidha.
Naannichatti dhimma mirga namoomaa kan hordofan Hatiim Alii, erga RSF fi milishoonni isaan deeggaran farda, gaalaa fi doqdoqqee qabatanii seenuun Erdamtaa to’atanii booda gara Chaaditti baqachuusaanii himan.
“Dhiirota hedduu ajjeesanii, dubartootaa hedduu gudeedanii,” jechuun namoonni dhibbaan lakkaa'aman ajjeefamuu hin oolan jedhan.
Erga El Jeniinaa to’atanii booda, RSF fi milishoonni Arabaa saba Masaliit ajjeesuun, manneen mancaasuu fi dubartoota gudeeduun himatamaniiru.
Dabalataanis, RSF fi milishaan Arabaa wiirtuu baqattootaa Erdamtaa keessa jiru haleeluun, namoota 800 ta’an ajjeesuun himatamaniiru.
Namni haleellaa kana dura wiirtuu sana keessaa maatiisaa waliin baqate “hanga ammaatti lubbuun jira garuu waan hedduu dhabeera” jechuun BBC’tti himeera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Jiraataan El Jeniinaa, Alaa Baabikir, lammiileen nagaa lola gaggeeffamu baqachuu hin dandeenye jechuun BBC’tti himan.
Namoonni hedduun gara Chaaditti baqataniis, namoonni kumaatamaan lakkaa’aman milishoonni Arabaa daangaa ce’uuf maallaqa hedduu waan gaafataniif Sudaan keessatti danqamanii jiru jechuun, hojjetaan gargaarsa namooma BBC’tti himaniiru.
Hoogganaan Sagantaa Nyaata Addunyaa (WFP) daamee Chaad, Piyeer Honoraat, qormaatni inni guddaan baqattoota kanaaf nyaata dhiyeessuu akka ta’e BBC’tti dubbatan.
“Gargaarsa barbaadna, ammatti barbaadna. Hunda isaaniif guyyaatti nyaata tokkollee dhiyeessuu qabna. Homaa hin qabani,” jedhan.
RSF Daarfur keessa kan ijaarame yoo ta’u, erga waraanni bara kanaa eegalee hawaasaa Arabaa hin taane irratti haleellaa hamaa raawwachuun himatameera.
Jalqaba ji’a kanaa eegalee, gartuun RSF Daarfuur keessatti daangaa hedduu qabachuun, bulchiinsota naannichaa shan keessa afur to’ateera.
Akka Rooyitars gabaasetti, dhukaasa dhaabuuf jecha yaaliin marii nagaa Saawudii Arabiyaan taasifame hin milkaa’iin hafeera.
Dhaabbatni baqattootaa UN akka jedhutti, Sudaan keessatti rakkoon namoomaa uumamaa jiru “kan yaadamuu hin dandeenyedha.”
Erga waraanni kun eegalee namootni miiliyoona ja’a ta’an qe’ee isaanii irraa buqqaa’aniiru.












