RSF magaalaa Sudaan guddinaan lammaffaa taate to'achuu ibse

Madda suuraa, AFP
Waraana Sudaa keessa erga ji'a Eblaatii humna dafee qaqqabaa biyyattii, RSF fi waraana biyyaalessaa gidduutti gaggeefamaa jiruun, RSF magaalaa guddoo biyyattii lammaffaa to'achuu ibse.
Waraanni RSF maagaalaa guddoo lammaaffaa biyyattii Nyala harka waraana biyyaalessaatii baasuu maddeen adda addaa BBC'f mirkaneessaniiru.
Namni ijaan arge tokko jiraattonni magaalatti humni kun magaalicha dhuunfachuun waraanni akka goolabamu taasisa abdii jedhuun gammachuu ibsachaa ture dubbate.
Waraanni kun namoonni 670,000 ta'an qe'eesaaniirraa akka buqqa'an sababa ta'eera.
Hospitaalotni magaalittii keessa jiran manca'aniiru. Reeffi namootaas karaa gubbaa jira.
Injifannoon RSF kun kan dhagaahame humnoonni waraanaa lameen marii adda kutanii turan Saawdii Arabiyaatti itti fufuuf wayita qophaa'a jiranitti.
Waraanni biyyaalessaa magaalaan Nyala to'annoosaan ala ta'uurratti wanta jedhe hin qabu.
Nyala'n magaala guddoo Bulchiinsa Kibbaa Daarfuur yoo taatu, Sudaaniifi Rippaabliika Gidduugala Afrikaa kan wal-qunnamsiisu ta'uusaatiin iddoo murteessaadha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
RSF Daarfuur keessaa kan bahe yoo ta'u, uummata Araba hin taanerratti ajjeechaa raawwachuun himatama.
Torbanoota dura naannoo magaalaa Nyalatti waraana gaggeefameen ammoo janaraalonni waraanaa olaanoo fi hogganaaan waraana biyyaalessaa naannichaa ajjeefamaniiru.
Hogganaa ittaanaan RSF Abdulrahiim Daagloo duula magaalaa Nyala to'achuu dursaniiru. Qondaalli waraanaa kun Lixa Daarfuur keessatti yakka sanyii balleessuun USn himatamaniiru.
Magaalittiin erga to'annoo RSF jala galteen booda hidhattootni manneen jireenyaa saamaa akka turan namooti ijaan argan himaniiru.
Dhaabbatni namoota waraanaan miidhamaniif deeggarsa yaalaa godhu, EMERGENCY, gidduugala yaala daa'immanii keessaa ogeeyyiinsaa fudhataman RSF'n hidhamuu ibseera.
RSF Waxabajjii darbe daangaa Rippaablikaa Gidduugaleessa Afrikaatti magalaa xiqqoo garuu murteessituudha jedhamtu, Um-Dafego, to'ateera.
Yunaatiid Arab Emireets ulaa kanaan RSF'f deeggarsa waraanaa dhiyeessiti jedhamuun himatamti. Biyyattiin garuu himannaa irratti hiyaatu kufaa gooti.
Kun kanaan osoo jiru bakka buutotni dhaabbilee siivilii Sudaan magaalaa Finfinneetti wal-gahanii mariyachuufi marichas faaraan kan simatu ta'uu Ministeerri Haajaa Alaa US ibsa Onkololessa 26 baaseen beeksisera.
Waltajjiin torbee kana keessa Finfinneetti taa'ame adda dimookrasiif dhaabatuufi hunda hammataa ta'e tokko dhaabuuf akka ta'e dubbii himaan Ministeerichaa Maatiiw Miilar ibsaniiru.
Walgahiin Finfinnee kun namoota siyaasaa kan dhaabbilee siiviilii keessa jiran Sudaaniifi Sudaaniin ala jiran walitti fideera.
Mootummaan US dhaabbileen siivilii kun bakka bakkaa walitti dhufanii addi uuman waraana biyyattii keessa adeemaa jiru dhaabsisuun sirni bulchiinsa hunda hammatu akka ijaaramu, deeggrsi namoomaas akka dhiyaatu haala akka mijeessu akka deeggaru ibseera.
Norwaay, UK fi US moggaasa garee Troika jedhuun sochii dhaabbilee siivilii Sudaan biyya keessaafi alatti akka deeggaran, bu'aas akka fidu akka tumsan ibsaniiru.
Gareen kun Sudaan keessatti dimookrasiin akka deebi'u tumsa godhuun cinaatti deeggarsa namoomaa dhiyeesuurrattis adda duree ta'ee akka hojjechuu itti fufu ibsi Ministeera Haajaa Alaa US beeksiseera.












