Sagaleen kan Omar al Bashiritti fakkeefamee hubannoo nam-tolcheen hojjetame Sudaanitti burjaajii uume

Madda suuraa, Getty Images
Duulli dandeettii nam-tolchee [AI] fayyadamuun sagalee pirezidaantii duraanii Sudaan Omar al- Bashir fakkeessuun hojjetame TiikTook irratti kuma dhibbaan ilaalameera.
Kun biyya waraanaan raafamaa jirtu kanatti hibboo uumeera. Qaamni maqaan isaa hin beekamne tokko erga ji’a Hagayyaa as ‘‘sagalee waraabamee dhoksaan bahe’’ jechuun dubbii pirezidaantiin duraanii Sudaan dubbatan fakkaatu maxxansaa ture.
Chaanelichi kiliippii sagalee waraabame hedduu maxxansaa ture.Haa tahu malee sagalichi kan sobaati.
Omar al Bashir bara 2019 yakka waraanaa qindeessuun himatamuun fonqolchi irratti gaggeeffamuun aangoo irraa kaafaman. Waggaa tokkoo oliif pirezidaantichi miiidiyaatiin argamanii hin beekan. Oduun jiru baay’ee dhukkubsachuu isaanii qofadha.
Omar al-Bashir yakka waraanaa raawwachuu haalanis, erga waraanni Sudaan ka’een as ammoo eessa jiru kan jedhu irratti shakkii guddaa dabaleera.
Humni waraanaa mootummaa biyyichaa Humna Dafee Dhaqabaa [Rapid Support Forces’ jedhaman waliin wal waraanaa jira.
Duulli akkasii kun teeknoloojii salphaa fayyadamuun oduu sobaa ariitiidhaa fi gatii rakasaan hammam tamsaasuun akka danda’amu namatti agarsiisa, jedhan ogeessonni.
‘‘Waanti na yaaddessu teeknoloojii sagalee fi viidiyoo ammayyaa’aa tahe akka barbaadetti waa jallisuun himuu danda’u eeyyamamaa taasisuutu hedduu na yaaddessa,’’ jedhan Haanii Faarid, Ameerikaa Yuunvarsiitii Kaalifoorniyaatti qorataa foorensikii sagalee kan tahan.
‘‘Waggoota kurnan darbaniif teeknoloojii ammayyaa’oon dhugaa jiru jallisaa turaniiru, amma garuu namumti beekumsa teeknoloojii xiqqoo qabuyyuu yeroo gabaabaa fi salphaa taheen qabiyyee sobaa hojjechuu danda’a.’’
Sagalee Omaral-Bashir dhoksaan waraabamee bahe jedhamuun bahaa kan ture chaanaalii ‘The Voice of Sudan’ jedhamu irratti.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Sagaleen maxxanfame dubbii pirezidaantichi yeroo fonqolcha mootummaa isaan irratti raawwatee taasisan, gabaasaalee miidiyaalee, fi sagalee ‘‘dhoksaan waraabame bahee’’ fi kan Bashir jedhaman of keessaa qaba.
Maxxansi sagalee kun wal gahii irraa, waliin dubbii pirezidaantichi bilbilaan taasisan jedhametti fakkeefaman.
Garuu akkuma beekamu sagalee qulqullina hin qabnee fi fakkeefamee hojjetamedha.
Dhugummaa isaanii adda baasuuf jalqaba garee ogeessotaa BBC moniteriingii Sudaan maeriisifne.
Ibiraahim Haayitar sagaleen kun waan dhiyoo waraabame hin fakkaatu jedhe.
‘’Sagalichi kan Bashir fakkaata garuu waggoota muraasa darban kana baay’ee dhukkubsataa ture. Kanaaf akkasitti ifatti danda’ee dubbata kan jedhu irratti shakkiin qaba’’ jedhe.
Garuu kana jechuun isa jechuu miti jechuu ammoo miti.Ammas dhugummaa isaa adda baasuuf mala biraa dhoofne. Ammoo kiliippii duriis miti, akkasumas kun hojii warra sagalee fakkeessanii hojjetaniis hin fakkaatu.
Ragaan amansiisaa fakkaatu tokko fayyadamaa X kan duraan Tiwiiter jedhamuun beekamu irraa dhufe.
Dubbii Bashir kan jalqaba Hagayya 2023 keessa maxxanfame adda baasan.
Kiliippii sana irratti pirezidaantiin duraanii Sudaan kun ajajaa humna waraanaa biyyattii Abdel Fattaa al-Burhaan yeroo qeeqan dhagahamu.
Sagaleen Bashir waraabamee bahe jedhame kun tamsaasa Feesbuukii kallattii guyyaa lama dursuun xiinxalaa siyaasaa Sudaan Ameerikaa jiraatuun tamsa’een wal fakkaatee argame.
Namni kun Al Insiraafii,jedhama. Yeroo dubbatu fuulli isaa kaameeraadhaan hin mul’atu tur.
Sagaleen isaanii baay’ee wal hin fakkaatu garuu barreeffamni irraa dubbataan jedhame tokkuma. Yeroo kiliippota lamaan al takkaati wal faana taphachiiftu waluma qixa waanuma wal fakkaataa dubbatanii xumuru.
Danbalii sagalee isaanii yoo ilaallu, bakkatti ol ka’uttis tahe callisni jirutti kan lamaanuu tokkuma jedhe Faarid.
![Sagalee Bashir fakkeessee nama tamsaase [Bitarra]](https://ichef.bbci.co.uk/ace/ws/640/cpsprodpb/03f0/live/00a22d30-6361-11ee-bb7a-113bf6c114bf.jpg.webp)
Ragaan jiru kan agarsiisu qaamni kana hojjete sooftiweerii sagalee jijjiirree kan Bashir fakkeessu fayyadameera.
Sooftweeriin kun baay’ee ammayyaa’aa yoo tahu sagalee tokko fudhattee kan nama kamiiyyuu ittiin fakkeessuu dandeessa.
Dabalataan namuma tamsaasa kallattii dabarsaa ture kana irraa kiliippii Bashir afur arganneerra. Bashir as keessatti hirmaachuu isaanii ragaan agarsiisu homtuu hin jiru. Sagalee isaa fakkeessuu irraa kan hafe.
Akkaawontiin TiikTookii kun irra jireessaan siyaasa irratti kan xiyyeeffatu yoo tahu, siyaasa Sudaan gadi fageneyaan beekuu barbaada.
Garuu dubbiin jiru duula kana irraa eenyutu fayyadama kan jedhudha.
Seenessi tokko ajajaa humna waraanaa biyyattii kan qeequ yoo tahu, hordoftootni ykn lammiileen biyyattii Bashir yakka waraanaa biyyattii keessaa harka qaba jedhanii akak amanan gowwoomsuuf tahuu mala.
Ykn ammoo qaamni chaanelicha hogganu maqaa Bashir fayyadamuun qaama siyaasaa tahe tokko seera qabeessa gochuu yaadee tahuu mala. Garuu eenyu kan jedhu ifa miti.
‘The Voice of Sudan’ uummata gowoomsaa jiraachuu haaluun, qaama mootummaattis tahe biraa kamittuu hidhata akka hin qabne himan. Chaanalicha qunnamnees deebiin karaa barreeffamaa nuuf deebise akka jedha.
‘’Sagaleekoo fi Tooftaa mataakoo fayyadamee waan biyyikoo keessa jirtu ergaa dabarfachuun barbaada.’’
Hamma kana deemanii Bashir fakkeessuun hojjechuun ‘’ naannichaaf waan guddaa’’ fi uummata gowwoomsuu danda’udha’’ jedhe Heenerii Ayider.
Ogeessotni AI sagalee fi viidiyoon sobaa odeeffannoo sobaa babal’isuun filannoo fi nageenya jeequu danda’a soda jedhu qabu.
‘’Waan biraa nama yaaddessu ammoo sagaleen sobaan akkasii waraabame jedhamu kun akka namootni sagalee isuma dhugaallee hin ammane taasisuu isaati,’’ jedhan, Mohaammad Suuliman, Yuunvarsiitiitti qorataa kan tahan.

Odeeffannoo sagalee sobaan bahu akkamiin adda baasu?
Akkauma oduu kana fakkeenya godhannee argine, namootni sagalee waraabamee bahe osoo hin qoodiin dura dhugaamoo soba jedhanii gaafachuun isaanii hin hafu.
Madda sirrii irraa hgadhiifamee kan jedhu adda baasuun barbaachisaadha.
Garuu sagalee adda baasuun baay’ee ulfaata. Keessumaa kan ergaadhaan namaaf ergamu yoo tahe.
Keessumaa yeroo jeequmsi jiru, akka Sudaan tibbnaa keessa ammoo hedduu ulfaataa taha.
Teeknoloojiin sagalee fakkeessuuf oolu hedduu guddatus sagaleewan kana adda baasuuf teeknoloojiin oolu ammoo jalqabbii irra jira.
Erga BBC’n TiikTook qunnamee booda chaaneliin kunis cufameera.












