Imbaasiin Itoophiyaa Sudaan, Kaartum jiru meeshaa waraanaa guddaan haleelame

Madda suuraa, Screen Grab
Imbaasiin Itoophiyaa Sudaan magaalaa Kaartum jiru har’a ganama meeshaa waraanaa guddaan rukutamuu Sudaanitti ambaasaaddari Itoophiyaa Yibalxaal Ayimiroo BBC’tti himaniiru.
Ambaasaaddarri kuni, ''haleellaa raawwateen miidhaan gidduugaleessaa qaqqabeera, odeeffannoo dabalataaf qaamota ilaallattu wajjin dubbataa jirra,'' jedhaniiru.
Hojjetaan imbaasii Itoophiyaa Sudaan jiru tokko BBCtti akka himanitti, imbaasichi har’a ganama meeshaa waraanaa guddaan haleelamuu mirkaneessan.
Miidhaan lubbuu namaa irra gahe jiraachuu baatus qabeenya mancaasuu namoota naannicha jiran erginee mirkaneeffanneerra jedhan.
Gareen waraanaa Humna Dafee Dhaqabaa Sudaan RSF jedhamuun beekamanii fi Jeneraal Mahaammad Hamdaan Dagaaloon dursamu, humni waraanaa Sudaan imbaasii Itoophiyaa Kaartum jiru haleele jechuun fuula X [Tiwiterii] irratti maxxanse.
‘’Nuyi humni Dafee Dhaqabaa Sudaan gochaa akkasii balaaleffanna, humni al Burhaan dhaabbilee idil-adunyaa fi dippilomaatii irratti qiyyeeffachuu itti fufeera,’’ jedhan.
Mootummaan Sudaan dhimma haleellaa dhaabbilee dippilomaatii irra gahaa jira jedhamu ilaalchisee ibsa kenne hin qabu.
Mootummaan Itoophiyaas dhimmicha irratti ibsa hin baasiin iyyuu malee hojjettoota isaanii Kaartumitti hafan baasuuf hojjechaa jiraachuu maddeen keenyarraa odeeffanneerra.
Imbaasiin Itoophiyaa kun magaalaa Kaartuum keessaa bakka Amaaraat jedhamee beekamutti argama.
Dabalataan Imbaasii Itoophiyaa qofa osoo hin taane, imbaasii Raashiyaa, Afrikaa Kibbaa, fi UAE haleelamuu himan, maddi odeeffannoo keenya kun.
BBC’n imbasii biyyoota jedhaman kanneen irraa odeeffannoo hin arganne.
Torban sadii duras Imbaasiin Itoophiyaa kun xiyyaara waraanaa mootummaan haleelamuun hojjetaan imbaasichaa tokko madaa'uu himan.
Magaalaa Kaartum keessa irra jireessaan loltootni RSF akka socho'an kan himan maddeen keenya mootummaan isaan irratti haleellaa raawwachuuf yaaluu akka hin hafnes himama.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Haleellaan kun torban sadii dura kan dhaqabe tahus, mootummaan Itoophiyaas tahe Sudaan ibsa kennan hin qaban.
Haleellaa Kanaan hojjettoota imbaasichaa eegumsarra turan keessaa namni tokko madaa’uun yaalamaa jiraachuu hojjetaan imbaasichaa BBC’n dubbise tokko himaniiru.
Lubbuu namaa irra miidhaan gahe homaa jiraachuu baatus foddaa imbaasichaa dabalatee qabeenya achi keessa ture manca’uu himan maddi odeeffannoo keenyaa kun.
Waraanni Sudaan, humna waraanaa idilee biyyattii fi Humna Dafee Dhaqabaa RFS gidduutti Ebla 15 bara 2023 jalqabe.
Ergasii hawwaasni dippilomaatii biyyoota adda addaa magaalicha gadhiisanii bahu beeksisaniiru.
Sudaan Kaartumitti ambaasadara Itoophiyaa kan tahan, Ambasadar Yibelaxaal Ayimiroo Alamuu dabalatee hojjettootni Imbaasichaa magaalichaa bahuun gara Gaadaariifitti deemuu maddeen keenya himaniiru.
Itoophiyaan Gaadaariif kkeessaa Qonsila kan qabdu yoo tahu, hojjettoota eegumsaa torba irraa kan hafe achi keessatti kan hafe hin jiru.
Hojjetaan imbaasichaa haleellaa kana BBC'f mirkaneessan hojjettoota eegumsaa hafan achii baasuuf konkolaataa ergamuu fi hanga boruutti akka bahaniif tattaafachaa jiraachuu himan.
Dabalataan imbaasichi erga waraanni jalqabee as irra dedeebiin wanbadootaan saamamaa fi hojjettoota eegumsaarra miidhaan gahaa turuu himan maddeen keenya.
Guyyaa shan duras wanbadootni kudhan tahuun imbaasicha deemanii hojjettoota eegumsarra turan harka duubatti hidhuun meeshaa imbaasicha keessa jiru saamanii badaniiru jedhan.
Lammiileen Itoophiyaa miliyoona tokkoo ol tahan Sudaan keessa jiraatu. Erga waraanni Sudaan jalqabee as lammiilee biyyoota adda addaa waraanicha baqachuun Itoophiyaa seenaniiru.
Pirezidaantiin biyyattii Jeneraal Abdel Fattaa al-Siisii teessoo waajjira isaanii gara Post Sudaanitti jijjiiraniiru.
Dhaabbileen mootummaa biyyattii hedduun Kaartum keessa jiran tajaajila kennaa hin jiran.












