Qondaalli waraanaa Sudaan waraanichi biyyoota ollaatti babal'achuu akka danda'u kora UN irratti akeekkachiisan

Madda suuraa, SARAH YENESEL/EPA-EFE/REX/SHUTTERSTOCK
Hooganaan waraanaa Sudaan waraanni biyyasaaniitti mudate gara biyyoota ollaatti babal’achuu akka malu yaa’ii Waliigala Biyyoota Gamtoomanii irratti dubbatan.
Janaraal Abdel Fattaah Al-Burhaan, hawaasni addunyaa humna saffisaa Janaraal Mohammad Haamdaan Daagalootiin durfamu Rapid Support Forces (RSF) shororkeessaa jechuun akka farrajuuf gaaffii dhiyeessan.
Gama biraatiin ammoo dursaan humna RSF Janaraal Haamdaan Daagaloo dhukaasa dhaabuudhaaf qophaa’aa turuu dubbataniiru.
Baatii Ebla darbee irraa kaasuun waraana Sudaanitti eegaleen wal qabatee namoonni kumaan lakkaa’aman ajjeefamanii, kanneen miiliyoona lamaa ol ta’an ammoo biyyaa baqataniiru.
Bara 2021tti hooggantoonni waraanaa kunneen lamaan waliin ta’udhaan fonqolcha mootummaa gaggeessuun isaanii ni yaadatama.
Haata’u malee wal dhabdee jidduusaaniitti mudateen gara wal waraanuutti seenan.
Kaleessa Fulbaana 21, 2023 yaa’ii Biyyoota Gamtoomanii irratti haasaa kan taasisan Janaraal Al Burhaan, paartiin isaanii waliigaltee nagaa taasisuudhaaf hayyamamaa ta’uu dubbatan.
‘‘Waraana dhaabuufi dararama ummata keenyaa dhaabsisuuf qophiidha,’’ garuu humni RSF hayyamamaa miti jedhan.
Janaraalli maqaa masoo Heemeetii jedhamuun beekamaniifi kan humna RSF biyyattii dursan gamasaanitiin ergaa karaa waraabbii Vidiyootiin Biyyoota Gamtoomaniif erganiin, walitti bu’iinsicha karaa mariitiin furuudhaaf qophiidha jedhan.
Janaraaloonni lamaan wal dhabdee isaanii karaa mariitiin akka furaniif Ameerikaa, Saawud Arabiyaafi Masriin yaaliin taasisan hin milkoofne ture.
Humnootiin RSF guutuu Sudaan keessatti babal’achuufi Janaraal al Burhaaniin akka yaaddootti ilaaluu eegaluusaanii hordofee ture biyyattiin wal wal waraansa keessa kan galte.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dhukaasa jalqabaa eenyuutu eegale kan jedhuu walmiisiisaa ta’ulleen, garuu walitti bu’insiichi saffisaan babal'achuun biyyattii gutuutti umame.
Sababii waranaa kanaatinis yoo xinnaate namoonni 7,500 ajjeeffamusaanii ibsa dhaabbanni miti mootummaa Acled jedhamu mul’seera. Akkasumas kanneen miiliyoonotaan lakka’aman biyyaa baqataniiru.
Fonqolcha mootummaa bara 2021 keessa mudatee hordofee, Janaraala Al- Burhaan dursaa biyyattii ta’un tajaajilaa turan. Beekkamtii idil-addunyaas argachuuf jecha addunyaa mara irra imalaa turan.
Haasaa tibban yaa’ii Biyyoota Gamatooman irratti taasiisaniin, walitti dhufeenya RSF Garee Waagnara Raashiyaa waliin qabu kaasaniiru.
Gareen Mindeeffamtootaa Waaganar Sudaan dabalatee biyyoota Rippablika Jidduugala Afriikaa, Mozaambiik fi Maalii keessa akka socha’an tilamaamama.
‘‘Balaan waraanichaa amma biyyoota olaafi addunyaa maraaf yaaddoo ta’aa jira. Finciltoonni biyyootaa fi dhaabbilee seera qabeessaa fi shororkeessitoota ta’an iraa deeggarsa argataa jiru,’’ jedhan.
Magaaloota Sudaan waraanaa olaana akeessuummeessan keessaa magaalaa guddoo biyyattii kan taatee Kaartuum tokko.
Janaraal Al Burhaan waraanni Heemaatiin dursu waan yakkawwan akka ‘‘ajjeechaa, gubuu, guddeeddii, baqaasiisuu, saamicha, dararuu fi dadabarsa meeshaa waraanaa seeraan alaa, akkasumas gareewwan mindeeffamtootaa waliin ta’uufi daa’imman waraanaaf hirmaachisuu keessatti waan hirmaateef ‘‘garee shororkeessaa jedhamee akka farajamuuf,’’ gaafatan.
Janaraal Al Burhaan akka jedhaniitti, yakkaiiwwan kunneen itti gaafatamummaa qabaachuu kan malaniifi kan addabbii hordofsiisaniidha. Haata’u amlee Janaraal Al Burhaan mataansaanii tibba walitti bu’insichaatti tarkaanfii waraanaa fudhataniin ni himatamu.
Biyyoota Gamtoomaniitti Ergamaa Addaa Sudaan kan turan Soolkar Parziis baatii Fulabaan aa keessa wayita aangoo gadhiisaniitti, janaraaaloonni lamaanu gara waraanaa keessa senuusaaniitti baayyee qeeqanii ture.
Ergamaan addaa duraanii kunis humnoota RSF miidhaa gudeeddiitiin, saamichaafi ajjeechaan kan himatan yoo ta’u, humni Sudaan ammo, namoota nagaa osoo adda hin baafne haleellaa qilleensaa raawwateera jedhan.












