Sudaan keessatti lolli maaliif uumame?

Janaraal Dagaaloo

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Janaraal Dagaaloo
Sudaan keessatti lolli maaliif uumame?

Sababa angoo qabachuu bulchiinsa waraanaa biyyattii keessatti uumameen, magaalaa gudditti Sudaan, Kaartuum fi magaalota biroo keessatti lolli uumameera.

Lolli kun humna waraanaa biyyattii fi gartuu humna addaa (Rapid Support Forces (RSF)) gidduutti uumame.

Lammilee miiliyoona 46 kan qabdu Sudaan, addunyaa keessatti biyyootii hiyyeeyyi jedhaman keessaa tokkodha.

Waggaatti galiin walii galaa nama tokkoo doolaraa 750 ta’a.

Jiraattonni Sudaan harki caalaan hordoftoota amantaa Islaamaa yoo ta’an, afaan hojii biyyatti Afaan Arabaa fi Ingiliffadha.

Fonqolcha mootummaa bara 2021 irraa eegalee Sudaan janaraalota waraanaan bulchamaa turte. Wiirtuu lola kanaarra kan jiran hoggantoota waraanaa lamadha:

  • Janaraal Abdel Fattaah al-Burhaan, Hogganaa humna waraanaa fi pireezdaantii biyyatti ta’e kan tajaajilu fi
  • Itti aanaa isaa fi hoogganaa RSF, Janaraal Mohaammad Hamdaan Dagaaloo, maqaa masoo Hemedtii jedhamuun waamamuudha.
lola Sudaan

Madda suuraa, Reuters

Biyyattiin kallatti kamiitti akka adeemuu qabduu fi yaada bulchiinsa siviliitti geeddaruu irratti waliif hin galle.

Dubbiin ijoo wal dhabdee kanaa miseensota humna addaa 100,000 ta’an humna waraanaatti makuu fi eenyu humna haaraa kana hogganaa kan jedhan of keessatti qabata.

Lolli Sudaan kun amma maaliif eegale?

Torban darbe miseensotni humna addaa gara kuutalee biyyatti adda addaatti yeroo bobbaafaman, humni waraanaa biyyattii tarkaanfii kana akka dorsisaatti waan ilaaleef waldhabdeen uumameera.

Sanbata ganama eenyutu dhukaasa jalqabaa dhukaase kan jedhu irratti falmiin jira. Ta’us lolli kun ergasii kutalee biyyatti adda addaa keessatti hammaatee, lammileen nagaa heddu du’uu isaanii Waldaan Ogeessota Fayyaa Sudaan ibseera.

Maaliif lammileen nagaa lola kanaan miidhamani?

Lolli kun harki caalaan isaa bakkeewwan manneen jiraanyaatti waan gaggeefamaa jiruuf lammileen nagaa miidhamaa jiru.

Wiirtuun loltoota humna addaa eessa akka ta’e ifatti hin beekamu, ta’us loltoonni isaanii nannoo lammileen nagaa hedduu jiraatan kan seenan fakkaata.

Humna waraana qilleensaa Sudaan magaalaa guddittii jiraattota miiliyoona ja’a ol qabdu keessatti haleellaa qilleensaa gaggeesaa jira, kun ammoo lammilee nagaa irratti miidhaa geessisaa jira.

Dilbata irratti qamooleen lamaan, lammileen nagaa lola kanaarra akka baqataniif jecha yeroof dhukaasa dhaabuuf walii galanii turani.

Humni addaa (RSF) eenyudha?

Gartuun kun bara 2013 kan hundeeffame yoo ta'u, milishoota Jaanjaawii jedhamuun beekamu.

Yeroo hundeeffaman Daarfur keessatti garee riphee loltootaa akka lolaniif ture. Gartuun kun Daarfur keessatti yakka waraanafi duguuggaa sanyii gaggeessun himatamu.

Erga sanaatii, Janaraal Dagaaloo humna cimaa wal dhabdee Yamanii fi Sooriyaa keessattis hidhattoota isaa erguun hirmaatera.

Dabalataanis industirii albuda warqee baasuu Sudaan tokko tokko to’achuu dabalatee, madda diinagdee uumeera.

Ajjeechaa mormitoota 120, Waxabajjii 2019 keessa raawwate dabalatee, humni addaa (RSF) mirgoota namoomaa sarbuun himatameera.

Humni cimaan akkanaa humna waraanaan alatti hundaa’uun isaa akka madda hokkoraa biyyattiitti ilaalama.

Humni waraanaa maaliif Sudaan bulcha?

Pirezdaantiin yeroo dheeraaf biyyatti bulchaa ture Omaar al-Bashiir bara 2019 angoorraa fonqolchamuu isaa hordofee hokkora biyyatti keessaa ture keessa lolli amma adeemsifama jiru kun isa tokkodha.

Bulchiinsa gara wagga soddomaa Omaar al- Bashiir mormuun hiriirri mormii guddaan erga adeemsifameen booda, humni waraanaa fonqolcha mootummaa gaggeessuun al-Bashir buusee aangoo qabate.

Ta’us garuu lammileen nagaa bulchiinsi biyyatti gara kan dimokraataawaatti akka deebi’uuf mormii taasisu itti fufani.

Janaraal Burhaam

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Janaraal Burhaam

Mootummaan waliinii humna waraanaa fi siviilii sana booda hundeeffamus, Onkololeessa 2021 keessa fonqolcha biraan aangorra ka’uun, Janaraal Burhaam angootti ba’e.

Erga sanaatii morkiin isaa fi Janaraal Dagaaloo gidduu jiru hammaachaa dhufe.

Mudde darbe wixinee angoo deebisaanii mootummaa siviliitti kennuu irratti walii galamus, qabxilee waligaltee kanaa xumuruun hin danda’amne.

Qamooleen lamaan maal barbaadu?

Janaraal Dagaaloon fonqolchi mootummaa bara 2021 dogoggora akka ture ibsuun, innii fi RSF namoota jajjaboo Kaartuum mormuun gama uummataa akka dhaabbatan himanii turani.

Deeggarsa hanga tokko qabaatus, kaan garuu sababa seenaa humni RSF qabuun ergaa isaa kana amanuun itti cimeera.

Janaraal Burhaan gama isaan aangoo guutummaatti kan kennuu mootummaa filatame qofaatti jedheera, kun ammo waliigaltee bakka buutota uummata nagaa, aangoo-hirmaachuu keessatti hirmaatu jedhamee eegamaa ture duubatti hambiseera.

Garuu namootni waraanaa kun lamaanuu fi deeggartoonni isaanii yoo angoo ciccimaa qabatan irraa kaafaman qabeenya fi dhiibbaa qaban irratti maal akka uumamu yaadda’u kan jedhu shakkiin jira.

Biyyootiin biraa maal gochaa jiru?

Lolli kun biyyattii caalatti dadhabsuun, jeequmsaa siyaasaa hammeessuu fi biyyootii ollaa lola kanatti harkisuu danda’a yaaddoon jedhu jira.

Dippilomaatonni, aangoon uummatatti akka deebi’uuf yaaluu irratti ga’ee guddaa qaban, amma haala itti janaraalota lamaan kana gara mariitti fidan barbaadaa jiru.

Gamtaan naannicha pirezdaantota sadii – Keeniyaa, Sudaan Kibbaa fi Jibuutii – gara Kaartuumitti erguuf murteesseera, ta’us garuu xiyyarri biyyattii seenuu fi ba’u waan hin jirreef imala isaanii taasisu danda’u yoo ta’e ifa miti.

UK, US fi Gamaataan Awurooppaa (EU), dhukaasii akka dhaabbatuu fi waldhabdee kana furuuf mariin akka taasifamuuf waamicha dhiyeessaniiru.