Burhaan fi Hemeti -Janaraalotni lola Sudaan keessatti maqaansaanii ka'u waliif maali?

Madda suuraa, Getty Images
Sudaan keessatti tibba kana sagalee meeshaa waraanaa gurguddaa dhohan osoo walirraa hin citiin dhaga'uun waan guyyuu ta'eera.
Samiin Kaartum duumessa haaraan akkuma dukkanooftetti jirti.
Rasaasniifi rookeetiin eessaa dhufeen isaa hin beekamne yaaddoo jiraachuu ta'eera.
Magalaa guddoo Sudaan, Kaartum fi kutaalee biyyattii biroo keessatti osoo hin eegiin akka tasaa dubbiin akka malee hammaate.
Lola biyyattii keessatti hammaate kana keessatti janaraalonni lama maqaan isaanii adda-drummaan ka'a.
Isaanis Abdel Fattaah al-Burhaan, gaggeessaa Humnoota Sudaan Hidhatan [Sudaaniiz Armid Foorsis] (SAF) fi Mohaammad Hamdaan Dagaloo kan maqaa Hemeti jedhamuun beekamu- humnda addaa Raappiid Saapport Forsis (RSF) hogganudha.
Janaraalonni kunneen lamaan waliin hojjetaniiru, waliinis mootummaa fonqolchaniiru.
Amma garuu aangoof jecha walitti galagalanii wal hadhaa jiru; kun ammoo Sudaan diigaa jira.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Hariiroo jarri kunneen lamaan qaban fagoodha.
Lamaan isaanii wal waraansa gama lixa Sudaaniin bara 2003 jalqabame keessatti finciltoota Daarfur loluu keessatti gahee guddaa taphataniiru.
Janaraal Burhaan humna waraanaa Sudaan Daarfur keessaa gara hooganuutti dhufe.
Hemetiin ammoo ajajaa milishoota Arabaa hedduu walitti qabamuun Janjaawid jedhaman hogganuutti dhufe.
Humni Hemetiin hogganu kun gareewwan finciltootaa Araba hin taane Daarfur keessa jiran akka cabsaniif mootummaan isaan ijaaredha.
Majaak D'Agoot yeroo sanatti daarektara itti-aanaa Tajaajilawwan Intelejensiifi Nageenya Biyyaalessaa turee, booda garuu bara 2011yeroo Sudaan fi Sudaan Kibbaa adda bahan ministira ittisaa itti-aanaa Sudaan Kibbaa ta'e.
Aanga'aan kun Janaraal Burhaan fi Hemetii waliin Daarfur keessatti wal argee ture.
Majaak akka jedhutti jarri lamaan sirriitti waliigalanii waliin hojjechaa turan.
Isaan lamaan keessaa tokko gara aangoo biyyattiitti ol bahuu akka danda'an yeroodhuma sana yaadaa akka ture BBCtti hima Majaak.
Hemetiin hoggana amilishaa gaheen isaa riphe loltoota adamsuu ture. Janaraal Burhaan ammoo loltuu buleessa ture.
Ta'us garuu qodaaltota waraanaa Sudaan kanaaf wanti hin danda'amne waan hin jirre fakkaata yeroo sanatti.
Seenaa keessatti Sudaan erga walaba baatee gara caalu loltuutiin bulaa turte.
Tooftaa mootummaan Daarfur keessatti fayyadamu akka hamaa ta'etti ibsama.
Dhimma nageenyaafi tasgabbiirratti ogeessa kan ta'e Aleks Dawaal yeroo tokko akkas jedhee ture:
"Sudaan keessatti riphe-lotoota adamsuuf loltoota idilee, milishoota sabaafi sab-lammootaafi humni qilleensaa hundi miidhama lubbuu namoota nagaaf dhimma osoo hin qabaatiin hojiirra oolu."
Daarfuur jaarraa 21ffaa keessa duguuggaan sanyiin kan itti gaggeeffame jalqabaa akka taatetti ibsamaa turteetti.
Kana keessatti gareen Jaanjawid jedhamu yakka duguuddaa sanyiifi gudeeddaa jumlaa akka meeshaa waraanaatti gargaaramuudhaan himatama.
Hemetiin ammoo ajajaa gareee Jaanjawid kan booda gara Raappiid Saappoort Forsis (RSF)tti guddatee ta'uun hojjeteera.
Hemetiin humni isaa kan baayyee cimaa dhufe loltoota isaa Yamanitti erguun humna dursummaa Sa'ud Arabiyaatiin gaggeeffamu tumsuu jalqabuu isaatiinidha.
Yeroo sanatti bulchaan humna waraanaa, Omaar Al Bashir Hemetii irratti kan hirkatu yoo ta'u, RSF humnoota waraanaa biyyattii ittiin madaaluuf fayyadama ture.
Kana gochuu isaatiin yaadoo gareen hidhate kamiyyu akka aangoosaatti bu'ee isa hin fonqolchineef itti gargaarama.
Dhumarratti garuu- mormii ji'ootaaf gaggeeffameen - janaraalonni kunneen lamaan harka walqabatanii Ebla 2019 Al Bashiriin aangoorraa fonqolchan.
Baruma kana gara boodaa, mootummaa siviliidhaan hogganamu ijaaruudhaaf mormitoota waliin waliigalan.
Mootummaan sivilii akka hundeeffamuuf waliigalame sun ammoo Mana-maree Walabaa qaama sivilii-waraana irraa walitti dhufuun hundaa'e Janaraal Burhaan dursaa, Hemetiin ammoo itti-aanaa ta'een to'atama.
Sidiing Taawor Kafii miseensa sivilii Mana-maree Walabaa kanaa waan ta'eef janaraalota kanneen lamaan waliin yeroo gara garaatti wal arga.
Hanga fonqolcha bara 2021 boodaatti mallattoo waldhabdee lamaan isaanii gidduutti akka hin argine dubbata namni kun.
Yeroo sanatti, "Janaraal Burhaan Islaamistootaafi miseensota mootummaa duraanii bakka duraan qabatanitti deebisuu jalqabe," jechuun BBCtti dubbata, Siidiing.
"Karoorri Janaraal Burhaan mootummaa Omaar al-Bashiir aangootti deebisuuf akka hojjetu ifa ta'aa dhufe."
Mr. Siiding kun yeroo sana Hemetiin al-Bashiriin guutummaatti amantaa guutuu irraa qabaachaa waan hin turreef shakkii keessa galuu jalqabe jedha.
Yeroo hunda siyaasni Sudaan garri caalu beektota saboota naannawaa Kaartum fi Riiver Naayil keessaa bahaniin kan dhuunfatamedha.
Hemetiin ammoo Daarfur irraa dhufe. Kana waan ta'eef, beektonni Sudaan waan ija tuffiin isa ilaalaniif waa'ee isaa waan gaarii hin dubbatan.
Jechoota hin malleen isa waamu.
Hemetiin nama biyya bulchuu hin dandeenye "country bumpkins" ittiin jedhu.
Kana jechuun nama qaroomina hin qabneefi baadiyyaa jechuudha.
Waggoota laman ykn sadan darban keessa, Hemetiin akka nama guddaa biyyattii tokkotti, keessumaa bakka bu'aa warra moggeeffamanii ta'uun of dhiyeessuuf carraaqaa ture. Kana gochuudhaan, hariiroo gareewwan finciltootaa Daarfur fi Kibba Kordofaa warra duraan balleessuudhaaf hojjechaa ture waliin hariiroo tolfachuu yaala.
Baroota darban keessa humnoonni isaa namoota nagafudhataa turus yeroo baayyee garuu waa'ee barbaachisummaa dimokiraasii dubbata.
Yeroo guyyaan dhumaa mootummaa sivilii ijaaruuf qabame dhiyaataa dhufetti humna waraanaa idilee biyyattiifi RSF gidduutti muddamni dabalaa dhufe.
Ka'umsi waldhabdee ammoo akkamitti akka RSF waraana biyyattiitti makamuu akka qabuufi hoggansi akkam ta'uu qaba kan jedhu irrattidha.

Madda suuraa, Getty Images
Muddama kana hordofee ammoo lolli jalqabe. Lolli kun ammoo RSF fi SAF gidduuttidha. Kana jechuun janaraalota lamaan: Hemetiifi Janaraal Burhaan gidduutti eenyu Sudaan bulchuu qaba morkii jedhu morkii uumee waraanni baname.
Karaa tokkoon, Hemetiin faana SAF kan amma lolaa jiru hordofuun aangoo isaa jabeeffataa dhufuurra darbee, waggootamuraasa darban keessa albuuda warqii baasuufi sektara biizinasii biroo keessa seenuun qabeenya ijaarrateera.
Janaraal Burhaan fi Hemetiin lachanuu badii Daarfuriifi bakkawwan birootti raawwataniif akka mana-murtiitti dhiyaataniif gaggeessitoota siviliifi miidhamtootaan yeroo baayyee waywaatu.
Dubbiin jara lamaan gidduu jiru amma salphaa hin fakkaatu, sababiin isaa namoota michoota turan kanneen wantti walitti diinomse amma hundee gadi fageeffataa waan jiruuf salphaa hin fakkaatu.












