Gaalaa fi warqee gurguruun maallaqa guddaa argataa ture, amma walakkaa Sudaan kan to'ate, Mohaammad Hamdaan Dagoloo eenyu?

Janaraal Moaammad Hamdaan "Hemeti" Dagaloo

Madda suuraa, Getty Images

Maqaan isaa Janaraal Mohaammad Hamdaan ''Hemeti'' Dagoloo jedhama. Gabaabaatti garuu Hemeti jechuun waamu.

Hemetiin ajajaa humna addaa kan Rapid Support Forces (RSF) jedhamuun beekamu yoo ta’u, erga fonqolcha bara 2021 hanga ammaattis Dura Taa'aa Itti - aanaa Mana-maree Walabaa [Sovereign Council] Sudaan ta’uunis tajaajilaa jira.

Al Burhaan fi Hemetiin buchiinsa sivilii Abdallaa Hamdok aangoorraa erga ari'anii booda Mana-mare Walabaa waliin hogganaa jiru.

Mohaammad Hamdaan ''Hemeti'' Dagoloo hogganaa waraanaa egereen Sudaan harka isaarra ta’eefi nama baayyee cimaadha jedhama.

Biyya cabde akka Sudaan kana qixa qabsiisuuf humna nama qabu jedhamee abdatama ture.

Garuu ajajaa humna addaa RSF ta'ee hojjechuu isaatiin Daarfur keessatti sarbama mirgoota namoomaatiin himatama.

Kana malees, mormitoota Kaartum bara 2021 keessatti gaggeeffamaa ture irrattis humni addaa kanaan namoonni nagaa akka ajjeefaman godheera jedhamee himannaan irratiti dhiyaata.

Walitti bu'insi tibbana magaalaa guddoo Sudaan Kaartuumitti dhalatee kutaa biyyattii birootti babal’ate morkii aangoo Hemetiifi Pirezidantii Mana-maree Sudaan Jeneraal Abdel Fattaah al-Burhaan gidduutti dhalatedha.

RSF bara 2013 keessa kan hundeeffame yoo ta’u, ka’umsi isaa milishoota Janjaawid irraati.

Mootummaan Sudaan RSF kan hundeesseef wayita waraanni Daarfur keessa turetti miidhaa namoota nagaarraan gahu qolachuudhaaf ta'uu ibseera.

Erga yeroo sanaatii kaasee, Janaraal Dagoloon humna cimaa waraanawwan akka Yeman fi Libiyaa keessatti hirmaataniifi kan albudawwan warqee Sudaan muraasa to’atan ijaaran.

Humni RSF kun ajjeechaa namoota bara 2019 keessaa mormiif bahanii turan 120 dabalatee, mirga namoomaa sarbuudhaan himatamu.

Raayyaa ittisa biyyaatiin alatti humni cimaan akkasii jiraachun biyyattii keessatti akka madda tasgabbii dhabiinsaatti ilaalama.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Janaraalonni lamaan jechuunis Janaraal Mohaammad Hamdaan "Hemeti" Dagoloo fi Janaraal Al-Burhaan gara fuula duraatti Sudaan keessatti bulchiisni sivilii akka hundeeffamuuf waliigalanii turan.

Humni Hemetiin hogganu RSF gara fuula duraatti akka humna waraanaa biyyattiitti makamuufis sadarkaa yaadaatti waliigalanii ture.

Garaa garummaan aanga'oota waraanaa kunneen lamaan garuu miseensota kuma 100 ol kan qabu RSF akkamiin, yoom humna waraanaa biyyaatti makama, humna waloo walitti makame ammoo eenyutu hoogana kan jedhu irrattidha.

Hemetiin pirezidantii duraanii Sudaan Omaar Al-Bashir waliin michuu akka ta'e himama ture.

Haata'u malee, mormii bulchinsa Al-Bashir irratti ka'e irratti namoota ciccimoo dhiibbaa uuman keessaa dursee mormitootaaf deeggarsa warra kennan keessaa tokko ture Hemetiin.

"Lammileetiif tajaajilli sirrii ta'e kennamuun jireenyi isaanii foyyaa'uufii qaba," jedhe.

Hemetiin humna waraanaa biyyattii waliin ta'uudhaan Al-Bashir akka aangoo gadhiisan dirqisiisanii guyyaa lamaan booda Itti-aanaa pirezidantii mana-maree waraanaa kan bulchiinsa yeroo ce'umsaa Sudaan ta'e.

Pirezidantiin mana-maree Sudaan janaraal Al-Burhaan ta'ullee dippilomaatota warra Lixaa waliin marii kan taasisan garuu Hemetiidha.

Deeggarsi biyyoota akka Masirii, Sa'ud Arabiyaa, Yunaayitid Arab Imirats irraa taasifamuuf ammoo Hemetiif madda humna isaa birooti jedhama.

Hemetiin kanaan dura gara Sa'ud Arabiyaa deemuudhaan mootii Mohaammad Biin Salmaan waliin wal argees ture.

Gaala daldaluutii hanga hogganaa waraanaatti

Hemetiin gosa Arabaa warra Chaad irraati kan dhalate.

Baroota 1988 keessa waraana baqachuun Daarfur keessa jiraachuu jalqabe. Bara 2003 keessa ammoo Daarfurittis waraanni jalqabame.

Mirgi keenya sarbameera kan jedhan jiraattonni sanyiin isaanii gurraacha ta'e garee finciltootaa uummatan.

Loltuun mootummaas garee Jaanjawid jedhaman waliin ta'uun haleellaa raawwate.

Kana hordofees, namoonni gaala horsiisan ajjeefaman, dubartoonnis gudeedaman, meeshaafi qabeenya argatan maras saaman.

Bara 2005 irraa kaasee Manni-mirtii Yakka Idil-addunyaa duguuggaa sanyiifi yakka waraanaa lammilee nagaarratti raawwatame qoratee ture.

Kanaan walqabatee, aanga'oonni Sudaan, gareen Janjaawid fi finciltootaa yakkamtoota jedhamaniiru.

Gosa Arabaa daangaa Sudaaniifi Chaad gidduu jiru to'atan keessaa eessumni Hemeti Jumaa Dongoloo isa tokko ture.

Hemetiin barnoota sadarkaa tokkoffaatti addaan kutee gaala daldalaa kan ture yoo ta'u, yeroo warana Daarfuris loltootaatti gaala kireessaa ture.

Hojii isaa kanaanis daldalaafi sooressa beekamaa ta'uu danda'eera.

Bara 2003 keessa yeroo finciltoonni Daarfur sochii taasisanitti Hemetiin horsiise-bultoota gurmeessuun mootummaa akka gargaaran gochaa ture.

Waggaa tokkoon booda ammoo mootummaan gurmaa'insa garee kanaa loltoota idilee ta'uu isaanii ifa godhe.

Yeroo kanatti ture Hemetiin pirezidant Al-Bashir irraa deeggarsa kan argate. Yeroodhuma sanatti humna waraanaa naannawaa Daarfur irraa daangaa eeganiif hooganaa ta'uun filatame.

Bara 2013 ammoo raayyaa idilee akka gargaaruuf "Rapid Support Forces (RSF)" hundeeffame.

Waggaa isaatti ammoo gareen kun raayyaa idilee akka ta'uuf beekamtiin kennameef.

Xiinxaltoonni akka jedhanitti garuu Jaanjawid irra deebiyanii hundeesssudha.

Sarbama mirga namoomaa

Dhaabbileen mirga namaaf quuqaman Hemetiin sarbama mirga namoomaa hedduu akka raawwate himata dhiyeessu.

Duguuggaa sanyii, yakka waraanaafi gaaga'ama mirgoota namoomaa Daarfur keessatti uumameen pirezidantiin duraanii Sudaan Al-Bashir Mana-murtii Yakkaa Idil-addunyaa irratti ni barbaadamu.

Mana-murtii idil-addunyaa kana irratti maqaan isaa eeramuu baatus warri mirgotta namaf falman Hemetiin namoonni akka dararamaniifi dubartoonni akka gudeedaman godheera jechuun itti-gaafatama jalaa hin ba'u jedhu.

Quuqamtoonni mirga namoomaa akka jedhanitti, bara 2014/15 keessa duula finciltoota balleessuu gaggeeffameen gudeeduun, manneen gubuun, jiraattota jumlaan ajjeesuun loltoota Sudaaniifi garee Janjaawidiin raawwatameera.

Hemetiin garuu tarkaanfiin fudhatame lammilee nagaa Daarfur eeguudhaafidha jedha.