Humni addaa Sudaan, RSF gurra guddaa horate eessaa ka'ee as gahe?

Madda suuraa, Getty Images
Humni addaa tibba kana Sudaan keessatti waraana biyyattii waliin lolatti jiru Raappiid Sappoort Foors (RSF) jedhama.
Humni addaa kun sadarkaa egeree Sudaan murteessuurra kan gahe yoo ta'u, carraaqqii biyyattiitti bulchiinsa sivilii hundeessuun nageenya waara'aa buusuuf murtee taasifamuurratti waldhabdee uumame keessatti adda-durummaan maqaa isaatu ka'a.
RSF bara 2013 keessa kan hundeeffame yoo ta’u, ka’umsi isaa milishoota Janjaawid irraati.
Kaayyoon hundeeffama kanaa ammoo waraana Sudaan Daarfur keessa yeroo turetti miidhaa namoota nagaarraan gahu qolachuudhaaf yoo ta'u, mootummaa Sudaanitu gurmeesse.
Humni RSF kun ajjeechaa namoota bara 2019 keessaa mormiif bahanii turan 120 dabalatee, mirga namoomaa sarbuudhaan himatamu.
Raayyaa ittisa biyyaatiin alatti humni cimaan akkasii jiraachuun biyyattii keessatti akka madda tasgabbii dhabiinsaatti ilaalama.
Bara 2021 waraanni Sudaan bulchiinsa sivilii waliin ta'uudhaan biyya bulchaa aangoorraa kaasee ture humni kun.
Isaan booda lammileen Sudaan sirna dimokiraasii hawwan torban torbaniin daandiitti bahanii humni waraanaa kamiyyuu siyaasa keessa akka harka hin galfanneef mormaa turaniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Isaan booda janaraalonni waraanaa humna addaa (RSF) fi waraana biyyattii aangoo gara bulchiinsa siviliitti dabarsuudhaaf waliigalteerra gahanii ture.
Haata'u malee, yeroo miseensonni RSF gara waraana biyyattiitti itti makamaniifi humna waraanaa walitti makame eenyu gaggeessuu akka qaburratti waldhabdeen uumameera.
Humna addaa RSF jedhamu kan gaggeessaniifi pirezidantii itti-aanaa Mana Maree Walabaa kan ta'e Janaraal Mohaammad Hamdaan Dagaaloo, humni addaa isaa kun haala ittiin waraanatti makamurratti haal-dureewwan lama kaa'ee ture.
Maqaa masoo 'Hemeti' jedhuun baayyinaan kan beekamu Janaraalli kun, bara bulchiinsa Al-bashir keessa hoggantoota ajandaa Islaamummaa oofan waraanicha keessaa ari'amuu qabu jechuun alatti humnoota lamaan walitti makuudhaaf waggoota 5-10 gaafateera.
Haata'u malee, pirezidantiin Mana marichaafi hogganaaa waraanaa biyyattii Janaraal Al-Burhaan ammoo humnoota lamaan walitti makuu kan qabnu waggaa lama keessatti jedha.
Sooressaafi hogganaa humna addaa kan ta'e Hemetiin kanatti waliigallaan dhiibbaan siyaasaa Sudaan keessatti qabaatu ni dhumata.
Kanaaf, kun waan Hemetiif liqimfamu miti.
Dhimmoota ijoo
Humni addaa (RSF) bara 2013 akka hundeeffame himamu kun, miseensonni isaa hedduun waraana Daarfur keessatti sarbama mirgoota namoomaan kan maqaan isaa ka'u garee Janjaawid keessaati.
Humni kun bara 2014 fi 2015 keessa finciltoota Sudaan keessa socho'an irratti oppireeshinii gaggeesseera.
Oppireeshinii gaggesse kanaanis gareen kun yakkawwan ajjechaa, dirqisiisanii gudeeduu, namoota gidirsuufi saamichaan irra deddeebiin himatama.
Humni addaa Hemetii kun Sudaaniin ala Liibiyaafi Yaman keessattis waraana irratti hirmaateera.
Keessumaa Sa'ud Arabiyaafi Yunaayitid Arab Emireetis irraa deeggarsa argachuun Yaman keessatti waraanarratti hirmaachuun isaa humni isaa akka cimu taasiseera.
Miseensonni RSF 40,000 ta'an Yamanitti finciltoota warra Hutii waraananiiru.
Humni RSF kun Yaman keessatti qofa miti, Liibiyaa keessattis waraana irratti hirmaateera.
Miseensonni isaa 1,000 ta'an Janaraal Kaliif Afxaar waliin hiriiruun Libyaa keessatti waraana irratti hirmaataniiru.
Hemetiin humnaan warqee Daarfur milishoota biroorraa erga fudhateen booda, humni addaa dafe-qaqqabaa RSF kun daldala warqeetiin qabeenya kuufateera.
RSF Daarfur irraa kaasee hanga har'aatti yakka mirgoota namoomaa sarbuu cimaatiin himatama.
Gareen kun waraana keessatti hirmaate keessatti sarbama mirgoota namoomaa gurguddaa qaqqabsiisuun maqaan isaa yeroo hunda ka'a.
Bara 2019 keessa sirni dimokiraasii biyyattii keessa akka jiraatuuf lammiileen addabaabaayiitti ba'anii gaafatan keessaa 120 ajjeesuun humni Hemetii kun itti-gaafatama jedhameera.
Hemetiin garuu "Biyya abbaa keenyaafi warra ofirraa ittisuu hin dandeenye eeguudhaaf" tarkaanfiin barbaachisaa fudhatameera jedhe.












