'Naannoleen tasgabbaa'anii misoomarratti akka fuulleffataniif garee Faannoo balleessuu qabna'

Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa

Madda suuraa, FBC

Humni addaa naannolee hundeeffamni isaanii seeraan ala ta'us, yeroo murteessaa ta'e, tibba waraana Tigraay, Raayyaa Ittisaa cina dhaabachuun utubanii hojii boonsaa ta'e hojjetaniiru jedhan Itaamaajoor Shuumiin Waliigalaa Humna Waraanaa Itoophiyaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa.

Haata'u malee, humni addaa ajajaa fi kallattii akkasumas tooftaafi tarsimoo raayyaa ittisaan ala ba'ee hojii addaa hojjete akka hin jirre eeruun, duula kanarratti naannoleen hunduu ga'ee irraa eegamu gumaachaniiru jedhan.

Qondaalli waraanaa olaanaa Itoophiyaa kun humna addaa biyyaaf hojii guddaa hojjete kana seera qabeessa gochuun, miseensota isaa gara raayyaa ittisaa, poolisii federaalaafi poolisii idilee naannoleetti makuun wayita murtaa'u qaamni dhimmi ilaallatu hunda irratti mari'ateeti jedhan.

Itaamaajoor Shuumiin Waliigalaa Humna Waraanaa Itoophiyaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa kan kan jedhan Ebla 15, 2013 caasaan humna addaa jedhamu akka hin jirre yeroo beeksisanitti ture.

Humni kun biyyaaf ga'ee gumaachus miidhaan inni qaqqabsiisu dabalaa dhufeera. Paartilee mormitootaa fi miseensota paarlaamaa dabalatee akka humni diigamuuf gaaffii dhiheessaa turan,'' jedhan.

''Humna kana akkamiin seera qabeessa goonee itti fayyadamna kan jedhurratti mootummaan karoora baaseera. Koree dhimma kana sochoosu hundeessee, koreen kunis qondaaltota nageenyaa, komishinaroota poolisiifi ajajoota humna addaa naannolee waliin karoora ba'erratti mari'ateera.''

Sadarkaa kanatti erga waliigalamee booda, sadarkaa naannoottis mari'atamee hunduu karoora kana irratti waliigaleera jedhan Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa.

''Naannoo Amaaraa irraa kan hafe naannoleen hundinuu akkaataa jedhameen hojiisaanii hojjetaniiru. Naannoo Amaaraatti rakkoo kan uume gartuun dantaa garaagaraa qabu walmakee humna addaa keessa waan jiruufi.''

''Faannoon qawwee fudhachuuf humna addaa ajjeeseera''

Gareen finxaaleyyiifi aanga'oonni mootummaa naannoo Amaaraa finxaaleyyiin hidhata qaban odeeffannoo dogoggoraan humna addaa naannichaa burjaajessuun tarkaanfii hin malletti galchan jechuun madda rakkoo eeran qondalli waraanaa olaanaan kun.

''Walga'iirratti hunduu mari'atee, gaaffiin ka'ee deebiin deebi'ee hunduu qajeelee gara hojiitti galamee booda diigumsi dhalate. Gareen finxaaleyyii silumaa ajandaa dheebotaa ture kana fuudhee ajandaa biyyaa godhate.''

Miseensonni burjaajii uumameen bakkaa bakkatti bittinnaa'an finxaaleyyii hidhatee naannicha keessa socho'uun miidhamuu ibsan Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa.

''Shiftaan Faannoo humna addaa bittinnaa'e dandiirratti argatee akkaan hubeera. Akka diigamu kan barbaadameefis kanaafi.''

Hookkaraafi muddama naannicha mudateen miidhaan lubbuu fi qabeenyarra ga'ee salphaa miti kan jedhan Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa, amma haalli hunduu karaa qabateera jedhan.

''Miseensota humna addaa bittinnaa'an deebisuun hojii itti aanu. Kan manasaaniitti deebi'an jiru. Isaan kunneen hubachiifnee deebisuutti jirra,'' jedhan.

''Kan nama ajaa'ibu hookkara kana hunda keessatti humni addaa gareenis ta'e dhuunfaadhaan miidhaan qaqqabsiise hin jiru. Kan burjaajii kana fayyadamuun miidhaa guddaa qaqqabsiise Faannoodha.''

Finxaaleyyii, shiftaa fi Faannoon walta'uun naannocha laamshessaniiru jedhan Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa.

''Garee Faannoo yoo balleessine naannoleen tasgabbaa'anii hojii misoomaatti fuulleffatu''

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Naannoo Amaaraatti miseensota humna addaa burjaajii uumameen bittinnaa'an walitti qabuun akkaataa karooraan gurmeessuun hojii salphaa akka hin taanes kaasan.

Kanaan booda qaamni maqaa humna addaan hidhatee socho'u hin jiraatu kan jedhan qondaalli waraanaa olaanaan kun, rakkoo guddaa kan uumu gurmaa'iinsa Faannooti jedhu.

''Faannoo keessa kan biyya jaallatan hin jiran jechuu miti. Faannoon maqaamasaarraayyuu kabaja,'' jechuun miseensonni garee kanaa biyya baraaruu keessatti ga'ee qabaachuu ibsan.

''Humni addaa seeraan ala ta'ullee abbaansaa mootummaa naanooti. Garuu gareen Faannoo kun abbaa hin qabu. Abbaansaa finxaalessaadha. Gareen kun amma bakka hundatti yaaddoo nageenyaa ta'eera.''

Gareen kun Raayyaa Ittisa Biyyaa hidhachiisee rasaasa kenneef deebisee lolaa jira jedhan.

''Garee kanaan namni bakka hundatti ajjeefama, dubartoonni ni gudeedamu. Maallaqni ni saamama, daandiin ni cufama, keellaarratti qaraxi ni funaanama. Caasaa mootummaa naannochaa sodaachisee jiraata.''

Garee kana balleessuuf hojjetaa jiraachuu kan ibsan Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa, ''Garee Faannoo yoo balleessine naannoleen tasgabbaa'anii hojii misoomaatti fuulleffatu. Sodaa keessaa ba'u,'' jedhan.

Naannoo Amaaraa qofa osoo hin taanee Naannoo Oromiyaa keessattuu Godinaalee Wallaggaa Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti yeroo dhihoo as ajjeechaa raawwataa jiruun hidhattoonni Faannoo ni komatamu.

Godinaalee kunneen keessa hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoo mootummaan Shanee jedhuunis ni socho'u, badii qaqqabeef kanneen humna kana himatanis jiru.

Naannoo Amaaraa Godina Addaa Saba Oromoo keessatti ajjeechaa fi saamicha mudatuuf jiraattonni hidhattoota Faannoo himatu.

Dhalattoonni Amaaraa ollaa aanaalee Saba Oromoo ta'an ammoo hidhattoota Shanee himatu.

Haata'u malee, aanga'oota mootummaa dabalatee jiraattonni aanaalee Godina Addaa Saba Oromoo hidhattoonni WBO naannawa isaanii keessa akka hin jirre ibsuun, haleellaa kan raawwatu hidhattoota Amaaraa ta'uu himatu.

Waa'ee WBO/Shanee maal jedhan?

Humni hidhate kan biraan yaaddoo nageenyaa fi misooma biyyaati jedhanii qondaalli waraanaa kun kaasan Waraana Bilisummaa Oromoo isaan Shanee jedhanii waamaniidha.

''Wayita TPLF waliin waraanarra turretti kan Shanee nurraa gadi qabe Humna Addaa Naannoo Ormiyaati. Amma ammoo raayyaan ittisaa gammoojjiitti isaan naqeera. Riphee lolaa dadhabaa isaan taasiseera,'' jedhan.

Gareen kun karaa nagaan qabsaa'uutti akka seenuuf mootummaan daandii baneeraaf kan jedhan qondaalli waraanaa kun, ''yoo carraa kanatti fayyadamee hin galle raayyaan ittisaa ni qaba. Kanaan booda dhimma kana kan raawwatu raayyaa ittisaati. Humni addaa Oromiyaa hin barbaachisu,'' jedhan.

''Yeroo ammaa yaaddoon nageenyaa guddaan garee kunneen lameeni.''

Naannoo Amaaraatti rakkoo sababa Faannoo uumame naannoo biraatti babal'achuu hin qabu jedhan.

Jeequmsaa fi burjaajii biyya mudatetu humna addaa uumuuf dirqamsiise kan jedhan Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa, ''amma tasgabbaa'aa waan jirruuf humna hundayyuu seera qabeessa goona,'' jedhan.

''Waan humni addaa diigameef rakkoon kan kanaan duraa caalu biyya keenya hin mudatu. Humnoonni federaalaa hundayyu to'achuu danda'u. Naannoleen misoomarratti yoo xiyyeeffatan wayyaaf.''

Naannoleen bajata biiliyoonaan lakkaa'amu humna addaa hin barbaachifneef hanga baasan misooma naannoof yaa oolchanjedhan Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa.