Kanaan booda gurmaa'insi humna addaa jedhamu hin jiru - Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa

Jeneraal Birhaanuu Juulaa

Madda suuraa, FBC

''Har’a irraa eegalee gurmaa’iinsi humna addaa jedhamu hin jiru,'' jedhan Itaamaajoor Shuumiin Waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Julaa.

Humna addaa naannolee caasaalee nageenyaa naannoleefi federaalaatti hojiin deebisanii ijaaruuf waltajjii gamaagamametti kana dubbachuu FBC'n gabaaseera.

Mootummaan torba tokko dura humnoota addaa naannolee akka haaraatti gurmeessuuf murteessuu ibsuun booda naannoo Amaaraa magaalota garaagaraa keessatti mormiin dhalatee ture.

Dabir Birhaanitti Raayyaa Ittisaa fi Humna Addaa Amaaraa gidduutti walitti dhukaasuu dhalateen namoonni nagaa lama ajjeefamaniiru, akkasumas Kombolchaatti namoota lama, Qoobbootti hojjettoota dhaabbata tola oolaa Kaatolikii lama dabalatee walumaagala namoonni sadii ajjeefamaniiru.

Ministirri mummee Itoophiyaa Abiy Ahimad garuu, ''humna addaa naannolee gara caasaalee humna nageenyaa kaanitti gurmeessuu kanneen danqaa ta'an irratti tarkaanfiin fudhatama,'' jechuun akeekkachiisanii turan.

Torbanuma darbe keessa naannoo Amaaraa keessa mormii itti fufeen magaalawwaan Dabra Birhaan, Gondarii fi Daseetti daangaan sa’aatii kaa’ameera.

''Humnoonni addaa naannolee irra deebiin gurmaa’uun dhaabbata cimaa sab-daneessa ijaaruuf kan deeggaru ta’uu,'' Fiild Maarshaal Birhaanuu Julaan dubbachuu miidiyaaleen gabaasaniiru

''Caasaan humnoota addaa naannolee seeraa ala tahuu, naannolee gidduutti yaaddoo walii tahuu akkasumas rakkoo humnaan hiikuuf yaaluun,'' caaseffama kana geeddaruuf akka dirqamsiise eeraniiru

Yeroo ammaa kanatti naannolee hunda keessatti hojiin deebisanii ijaaruu cimee itti fufuu ibsuun, ''har'aa jalqabee caaseffamni humna addaa naannoo hin jiru,'' jedhaniiru.

Haala kanaanis caasaa nageenyaa Raayyaa Ittisa Biyyaa, Poolisii Federaalaa fi naannoo yoo caasaan maqaa humna addaa dirqama fudhatu hin jiraatu jedhaniiru.

Kana boodas kanneen miseensa turan caasaa filataniin gara humna nageenyaa ramadamanitti erguuf leenjii kennamaafi jechuun Tajaajilli Oduu Itoophiyaa gabaaseera.