Dabra Birhaan, Gondarii fi Daseetti daangaan sa’aatii kaa’ame

Konkolaataa humna nageenyaa

Madda suuraa, Getty Images

Magaaloota kanneeniitti humna nageenyaatiin alatti meeshaa waraanaa qabatanii socha’uu dabalatee dhorkaawwan gara biraa kaa’amu ibsi komaandi poostiin magaalootaa baasee beeksiise.

Ibsa komaandi poostiiwwan Dabra Birhaaniifi Dasee Ebla 10, 2023 akkasumas Gondaritti ammoo Ebla 9tti baasaniin murtee kan dabarfame nageenyaafi olaantummaa seeraa magaaloota mirkanneessuuf akka danda’amuuf jedhameera.

Magaaloota kanneen hundattuu namni meeshaalee sagalee hin qabne jechuun tarreessaan kan akka Cuubee, gajaraa, eeboo fi sibila burruusaa qabate socha’un dhorkameera.

Akkasumas eddoofi sa’aatii kamiittu rasaasa ykn riichiitii dhokaasuun akka hin danda’amne ibsameera.

Gama biraan dhorkaan komaandi poostiin manneen maree magaalawwan lameenii ka’ee beekamtii mootummaan alatti hiriira taasisuu,daandii cufuufi leenjii waraanaa kennuu ni dabalata.

Kana malees lagannaa kakaasuu, raawwachuufi qindeessuun akkasumas hojii idilee addaan kutuun dhorkamuu ibsi magaalota kuni akeekkachiiseera.

Magaalonni kunneen sochiiwwan tokko tokko irratti yeroo bahaafi galmaa irratti dhorkaa kan kaa’an yoo tahu, Debirabirahaaniifi Dasee keessatti manni dhugaatii halkan sa’atii lamaa booda tajaajila akka hin kennine dhorkameera. Gondarittis maneen dhugaatii halkan sa’atii sadii booda tajaajila kennuu akka hin dandenye kaa’ameera.

Gama tajaajila geejibaan baajaajiwwan irratti dhorkaan kaa’ameera. Daseetti halkan sa’atii 1:30 irraa, Goondariifi Dabirabirahaanitti immoo sa’atii 2:00 irraa qabee socho’uu hin danda’an jedheera koomaand poostichi.

Dabirabirahaanitti namoonni kaampii baqattootaa keessa jiran mooraa jiraniin alatti socho’uu akka hin dandeenye kaa’ameera. Dhorkaan kuni hamma haalli tasgabbaa’utti akka turu komaand poostichi beeksiseera.

Magaalawwan kunneen ‘nama haaraa’ jechuun namoota waamaniin mana ofii bulchuu, kireessuu, siree hoteelaa kireessuu kan dhorkan yoo tahu, shakkiin yoo jiraate humna nageenyaatti dabarsuu dhiisuun seeraan akka gaafachiisuus himaniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Magaaloota kannen keessa osoo waraqaa eenyummaa hin qabatiin socho’uun kan dhorkan yoo ta’u, namoota waraqaa enyummaa hin qabne to’annoo jala akka oolchan akeekkachisa dabarsaniiru.

Akkasumas namni kan seeraan barbaadamu ykn shakkamaaf haguuggii kenne, kan dhokse, raga sobaa kennuun akka miliqu kan taasise, waliigalatti kan ergama seera kabachiisuu humnoota nageenyaa gufachiise fi jeeqee dhorkeera.

Eddoowwan dhorkaman, dhaabbilee amantaa, eddoowwan daldalaa, eddoowwan ummanni walitti qabamu, eddoowwan bashannanaafi kaaniitti meeshaa waraanaa qabachuun argamuufi socha’uun dhorkameera.

Kana malees uffata dambii fi kooffiyyaa humna addaa, poolisii, raayyaa ittisaa, poolisii fedraalaa uffachuun dhorkaadha.

Hunmoota addaa Amaaraa magaalotatti argamaniif waamichi kan dhiyaate yoo ta’u, ‘‘sababii qaawwa odeeffannoo umameetiin kanneen eddoowwan garaa garaa irraa ka’un gara manaalota keenyaa dhuftanis bakka isiinif qophaa’eetti akka walitti qabamtan. Kanaan alatti dhunfaan ta’e gareen meeshaa qabatanii socho’uu fi dhokaasuun dhorkameera,’’ jedhe.