Hojjettoonni lama Naannoo Amaaraatti ajjeefamuu dhaabbati gargaarsaa hime

Madda suuraa, CRS
Hojjettoonni isaa lama Naannoo Amaaraatti guyyaa Dilbataa ajjeefamuu dhaabbati gargaarsaa Kaatolikii ibsa gaddaa baasen beeksise.
Dhaabbati Catholic Relief Services (CRS) akka himetti hoogganaa nageenyaafi konkolaachisaa isaatu hojiirraa yeroo Finfinneetti deebi’an ‘’itti dhukaafamee ajjeefaman’’.
Ajjeechaan kuni mootummaan humna addaa deebisee gurmeessuuf sochii eegaluu isaafi kanaan walqabatee muddamaafi mormii Naannoo Amaaraatti adeemaa osoo jiru dhagahame.
Rooyitars hooggantuu kominikeeshinii dhaabbatichaa waabeffachuun akka gabaasetti ajjeechaan hojjettoota kanaa magaalaa Qobboo keessatti raawwatame.
Haa ta’u malee, ajjeechaan mormii naannicha keessatti adeemaa jiruun walqabatuu isaa dhaabbatichi hin ibsine.
‘’Waa’ee ajjeechaa isaanii odeeffannoon dabalataa ammallee hin baramne,’’ jedhe ibsa baase keessatti.
Waa’ee ajjeechaa hojjettoota kanaa ilaalchisee mootummaa Naannoo Amaaraa irraas ta’e mootummaa federaalaa irraa wanti jedhame hin jiru.
Jiraattonni BBC’n dubbise gaafa Dilbataa dhukaasa raayyaa ittisa biyyaafi hidhattoota Faannoo jedhan gidduutti magaalaa Qobbootti raawwateen lubbuun darbeera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Maqaan hojjettoota dhaabbatichaa ajjeefaman hoogganaa nageenyaa kan ta’an Chul Tongiyik fi konkolaachisaa kan ta’an immoo Amaara Kindayaa akka jedhaman ibsameera.
Hojjettoonni lamaan konkolaataa dhaabbatichaan osoo imalanii itti dhukaafamee ajjeefamuu ibsamuun ala, akkaataa ajjeechaan raawwate ammatti hin beekamu.
Itoophiyaatti bakka bu’aan dhaabbatichaa Obbo Zamadee Zawudee ajjeechaa waahillan isaanii irratti raawwateen ‘’naasuu jabaafi gadduu’’ isaanii ibsa baheerratti ibsaniiru.
Ajjeechaanis raawwatu dhaabbatichi ‘’lammiilee Itoophiyaa deeggaruu akka itti fufu’’ qondaalichi himan.
Dhaabbati gargaarsaa Kaatolikii (CRS) dhaabbata Ameerikaa yoo ta’u Itoophiyaa dabalatee biyyoota addunyaa 100 ol keessa dalaga.
Dura aantummaan namoota rakkoof saaxilaman gargaaruurratti xiyyeeffata.
Mootummaan federaalaa gaafa Kamisaa humna addaa naannolee deebisee gurmeessuuf sochii eegaluu ibsuu hordofee magaalota naannoo Amaaraa adda addaatti mormiin adeemaa jira.
Gaafa Dilbataa yoo xiqqaate magaalota lama keessatti dhukaasi akka dhagahame jiraattoti dubbachuu Rooyitars gabaaseera.
Waraana kaaba Itoophiyaan akkasumas bakkeewwan rakkoon nageenyaa jirutti hojjettoonni gargaarsa namoomaa garagaraa Itoophiyaa keessatti ajjeefamaniiru.
Guyyaa Wiixataa mootummaan naannoo Amaaraa magaalaa Gondar dhihoo hiriirri mormii taasifametti uggura kaa’u gabaafameera.

Madda suuraa, Social Media
Mootummaan ‘’waraana jabaa’’ ijaaruuf humnootin addaa naannolee raayyaa ittisa biyyaa, poolisii federaalaa, ykn poolisii naannoleetti akka makaman ibse.
Haa ta’u malee, namoonni siyaasaa Amaaraa muraasni adeemsi kuni ‘haleellaa’ biraaf akka isaan saaxilu yaaddoo ibsatu.
AP’n akeekkachiisa Embasii US Finfinnee jiru baase eeruun akka gabaasetti, Qobboo, Waldiyaafi Saqoxaatti xumura torban darbe ‘’dhukaasni jabaa adeemaa ture’’.
Ministirri Muummee Abiy Ahimad ibsa gaafa Dilbataa ibsa baasaniin murteen naannolee humna addaa deebisanii gurmeessuu barbaachisaa ta’uufi akka hojiirra oolu akeekkachiisan.
‘’Murteen kuni nagaa ummataafi tokkummaa sab-daneessummaa Itoophiyaaf jecha gatiin kanfalamees ta’e hojiirra oola.
‘’Kanneen osoo hin hubatiin morman hubachiisuufi amansiisuuf yaalii ni taasifna. Beekaa gahee diigumsaaf kanneen sosso’an irrattimmoo tarkaanfiin olaantummaa seeraa ni fudhatama.
‘’Kanaaf qophiin gahaa taasifameera,’’ jechuun ‘faayidaa waaraa murteen kuni argamsiisu hubachuun’ hunduu akka gumaacha taasisu MM Abiy Ahimad waamicha dhiheessan.












