Murtee humna addaa gurmeessuu magaalota Naannoo Amaaraatti hiriira mormiif ka'umsa ta'e

Namoota hiriira ba'an

Madda suuraa, sm

Magaalota naannoo Amaaraa keessatti humna addaa naannolee diiguun bifa haaraan gurmeessuu ilaalchisee tarkaanfii fudhatame mormuudhaan Sambataa fi Dilbata hiriirri gaggeeffameera.

Pireezidantiin naannochaa Yiliqaal Kaffaale (PhD) magaalota tokko tokko keessatti hiriirri mormii, waamichi diddaa fi daandii cufsiisuun raawwatamuu ibsaniiru.

Paartiin mormituu naannocha keessasocho'u- ABIN humna addaa naannochaa raayyaa ittisaa fi humnoota nageenyaa kaan keessatti makuuf sochiin eegalame, ''naannoo Amaaraa keessatti mormii guddaa kaasiseera,'' jedhe.

Humnoota addaa naannolee raayyaa ittisaa, poolisii federaalaa fi poolisii naannoleetti makuuf murtee darbe hordofee naannoo Amaaraatti torbee darberraa eegalee mormii fi muddamni dhalateera.

Suuraafi viidiyoon miidiyaalee hawaasummaarratti gadhiifaman dhuma torbee darbee kanatti magaalota naannochaa garaagaraa keessatti hiriirri namoota hedduu hirmaachise ba'amuufi daandiiwwan cufamuu mul'isu.

Magaalaa guddoo naannochaa Baahir Daar keessatti sochiin qabbanaa'uu fi magaalota akka Gondar fi Dabra Maarqos keessatti ammoo hiriirri namoota hedduu hirmaachise gaggeeffamuu BBCn jiraattota irraa mirkaneeffateera.

Dilbata kaleessaa (Ebla 9, 2023) yoo xiqqaate magaalota lama keessatti hiriirri mormii gaggeeffamuu fi sagaleen dhukaasaa dhagamaa akka ture Rooyitarsi gabaaseera.

Magaalaa mormii guddaan keessatti gaggeeffameera jedhame Gondar irraa jiraataan tokko Rooyitarsitti akka himetti, miseensonni humna addaa tarkaanfii mootummaa mormuun Sambata galgala waaqatti olqabanii dhukaasaa turan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Hookkara tarkaanfii mootummaan labse kana booda ka'uu malu ilaalchisee Ministirri Muummee Abiy Ahmad fi Pireezidantiin naannoo Amaaraa Yiliqaal Kafaale ibsa kennaniin, miseensonni humna addaa fedhiisaaniin gara raayyaa ittisaa, poolisii federaalaa fi poolisii naannootti akka makaman ibsaniiru.

''Yeroo ammaa miseensonni humna addaa irra-jireessi isaanii marii xumuruun mooraa keessa turuun tarkaanfii fudhatamu eegaa jiru,'' jechuun Dr Yililqaal miseensonni kaanis gara mooraatti akka deebi'an waamicha dhiheessaniiru.

Gara kutaa baha biyyattiitti kan argamtu magaalaa Qobboo keessaa jiraattonni Rooyitarsitti akka himanitti handaara magaalattiitti dhukaasni gurguddaan akka madfii dhukaafamaa tureera.

Dhukaasni kun garee hidhate kamirraa akka ta'e garuu hin beekamu.

ABIN gamasaan Dilbata kaleessaa magaalota naannochaa hedduu keessatti mormiin gaggeeffamuu fi sochiin gufachuu ibseera.

Keessattuu magaalaa Raayyaa Qobboo fi naannawasheetti ''meeshaaleen waraanaa gurguddaan dhukaafamuu,'' ibseera paartiin mormituu kun.

Dilbata kaleessaa yoo xiqqaatee magaalota naannoo Amaaraa ja'a ta'an keessatti hiriirri mormii gaggeeffamuu namoonni nageenyasaaniif sodaatan maqaasaanii dhokfachuun Rooyitarsitti himaniiru.

Iddoowwan hedduutti daandiiwwan dhagaadhaan, mukaa fi wantoota adda addaan cufamuun sochiin geejjibaa gufachuu fi kanaanis sochiin magaalattii kan kanaan duraarra akkaan qabbanaa'uu namoonni ijaan argan BBCtti himaniiru.

“Hanqina odeeffannoofi olola”

Sochiiwwan mormii gaggeeffamaa jiran ilaalchisee mootummaan Federaalaa wanti jedhe jiraachuu baatus, pirezidantiin naannoo Amaaraa Dr. Yiliqaal Kaffaalee ibsa saba-himaalee naannichaatiif kennaiin naannicha keessa bakka tokko tokko sochiin mormii akka jiru himaniiru.

Pirezidantichi akka jedhanitti, naannolee biyyattii keessa jiran hunda keessatti murtee humnoota addaa deebisanii gurmeessuu ilaalchisee “hanqina odeeffannoo uumameen magaalota tokko tokko keessatti hiriirri nagaa, waamichi diddaafi sochii konkolaataafi namootaa danquun mul’achaa jiru,” jedhan.

Murtee kana hojiirra oolchuu keessatti qaawwa uumameefi “olola oofameen” rakkooleen uumamuu kan himan pirezidantiin naannoo Amaaraa, kun ammo uummaticha keessatti mufii uumuufi “ka’umsi komee kanaa ammoo bifa guutuu ta’een odeeffannoo uummaticha qaqqabuu dhabuu isaa'' ta’uu dubbataniiru.

Haala yeroo jiru waliin humna addaa deebisanii gurmeessuu ilaalchisee hojii hojjetamu ilaalchisee “gaaffiin ka’u sirrii ta’ullee, raawwiin isaa biyyaaf kan fayyadu ta’uu hubachuun barbaachisaadha,” jechuun ibsaniiru.

“Humna addaa Amaaraa keessumaa hidhannoo hiikkachiisuufi diiguuf murteen akka hin jirree” fi humnoota addaa deebisanii ijaaruudhaaf waliigaltee mootummaa Federaalaafi naannolee hundaan hojiirra kan oolu akka ta’e Dr. Yiliqaal ibsaniiru.

Humna addaa naannoo Amaaraakaraa adda ta’een hidhannoo hiikkachiisuufi diiguun akka hin jirre ibsuun, uummatichi kan hubatee “wal mariyachuudhaan miidhaa qaqqabuu malu dursanii yaaduuadhaa tasgabbaa’uu barbaachisa,” jedhan.

Partiin Sochii Biyyaalessaa Amaaraa (ABIN) murteen humnoota addaa naannolee diiguu naanolee hunda keessatti wal qixa hojiirra kan hin oolleefi xiyyeeffannoon guddaa murtichaa humna addaa Amaaraa hidhannoo hiikkachiisuudha jechuun tarkaanfii mootummaa mormeera.

Murtee mootummaan humna addaa Amaaraa diiguudhaaf dabarse yeroo isaa kan hin eegnee, waan qabatamaan lafarra jiru ilaalcha keessa kan hin galchineefi bakkawwanfi qaamoleen hawaasaa naannoo Amaaraa haleellaaf saaxilamoo ta’an osoo jiranii murtoo balaa fidu ta’uu kan hime ABIN, sababa kanaan humnoota Federaalaafi humna addaa naannoo gidduutti muddamni uumamuu guyyaa muraasa dura ibsee ture.

Hookkarri akka uumamu gochuuf…

ABIN Dilbata kaleessaa Ebla 9, 2023 ibsa baaseen mootummaan federaalaa ‘’hooggansa humna addaa miseensota irraa adda baasuu fi galaa, loojistikii fi miindaa dhowwachuu dabalatee garee kana diiguuf tattaaffii taasisaa jira,’’ jechuun kan himate yoo ta’u, tarkaanfiin kun, ‘’ajaja qindaa’aan kan hin taliigamnee fi humna mootummaan to’achuu hin dandeenye uumuun naannocha gara hookkaraa fi dirree jeequmsaatti kan geessuudha,’’ jechuun akeekkachiiseera.

Mootummaan karoora humna addaa bifa haaraan gurmeessuu irratti qabate hatattamaan haquun tarkaanfii mormii fi muddama naannochatti dhalate dhaabsisu fudhachuu qaba jechuunis akeekkachiiseera ABIN.

Ministirri Muummee Abiy waa’ee humna addaa bifa haaraan gurmeessuu irratti wayita ibsa kennan, ‘’tarkaanfiin kun gatiitu itti ba’allee malee inuma hojiirra oola,’’ jedhan.

Humna tarkaanfii kana dura dhaabbachuun fashalsuu yaalu irratti mootummaansaanii tarkaanfii seera kabachiisuu akka fudhatus ibsan.

Tarkaanfiin kun naannolee hundatti hojiirra oola kan jedhan MM Abiy, kanneen amma humni addaa bifa haaraan gurmaa’uu morman Kanaan dura warra ‘’humni addaa diigamuu qabu jechuun barreessaa fi muggutaa turaniidha,’’ jedhan.

Tarkaanfii kana dureewwan naannolee fi qondaaltonni siyaasaa akka deeggaran miidiyaalee biyyattii irratti ba’uun ibsaa jiru.

Naannoleen hunduu humna nageenyaa eeyyamameefiin alatti dabalataan loltoota leenji’an, hidhannoo guuttatanii fi humna qindaa’e kan qaban yoo ta’u kanarratti mootummaan federaalaa tarkaanfii akka fudhatu hedduun gaafataa turaniiru.

Paartileen akka EZEMA fi Baldaras mata mataan ibsa baasaniin, tarkaanfii mootummaa kana deeggaranis garuu haala qabatamaa amma biyyi keessa jirtuun ammatti hojiirra oolchuun tarkaanfii yeroosaa hin eeggannee fi balaa qabuudha jedhan.