'Humna addaa gurmeessuu kanneen danqanirratti tarkaanfiin ni fudhatama' - MM Abiy Ahimad

Madda suuraa, Getty Images
Humna addaa naannolee gara caasaalee humna nageenyaa kaanitti gurmeessuu kanneen danqaa ta'an irratti tarkaanfiin akka fudhatamu Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad akeekkachiisan.
Bulchaan Itoophiyaa ibsa gaafa Dilbataa baasaniin akka jedhanitti humni addaa naannolee durumaa ‘furmaata yeroo gabaabaaf’ hundaa’ani.
Mootummaan torban kana humni addaa naannoleen leenjisaafi hidhachiisaa turan humnoota nageenyaa federaalaafi poolisii naannoleetti akka makaman murteessuu beeksiseera.
Haa ta’u malee, Naannoo Amaaraa keessa dhimma kanaan walqabatee ‘bakkeewwan muraasatti; muddamni dhalatuu mootummaafi dhaabbileen mormituu naannicha keessa sosso’an ibsaniiru.
‘’Murteen kuni nagaa ummataafi tokkummaa sab-daneessummaa Itoophiyaaf jecha gatiin kanfalamees ta’e hojiirra oola.
‘’Kanneen osoo hin hubatiin morman hubachiisuufi amansiisuuf yaalii ni taasifna. Beekaa gahee diigumsaaf kanneen sosso’an irrattimmoo tarkaanfiin olaantummaa seeraa ni fudhatama.
‘’Kanaaf qophiin gahaa taasifameera,’’ jechuun ‘faayidaa waaraa murteen kuni argamsiisu hubachuun’ hunduu akka gumaacha taasisu MM Abiy Ahimad waamicha dhiheessan.
Murteen mootummaa kuni eega waraanni kaaba biyyattiitti waggaa lamaaf adeemaa ture waliigaltee nagaan raawwatamee booda dhagahame.
Murteen kuni naannolee hunda keessa akka raawwatamus aangaoonni ibsaniiru.
'Humna addaan biyyi qoramteetti'
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Qorataan Aminastii Intarnaashinaal kana dura BBC’n dubbise humni addaa ALI bara 1998 Naannoo Somaaleetti hundaa’uu himaniiru.
Ministirri Muummee Abiy Ahimad durumaa humni addaa naannolee ‘’furmaata yeroof’’ hundaa’an jechuun ibsan.
Yaaddoon nageenyaa qaamolee nageenyaa mootummaa giddugaleessaan furamuu hin dandeenye gaafa mudatu akka milishaafi humni addaa akka hundaa’an ibsan.
Mootummaan waraana cimaa walabummaa biyya akabachiisuu danda'uu fi meeshaa ammayyaa hidhate ijaaruuf humna addaa naannolee bifa haaraan gurmeessuu barbaachisaa tahuu himeera.
MM Abiy sababa humna addaan biyyi yaaddoon tokkummaa ishee qunnamee akka turellee kaasan.
‘’Itoophiyaan humna addaa naannoleen walqabatee qormaatawwan birmadummaafi tokkummaa biyyaa qoran si’a lama mudatee akka ture hin dagatamu,’’ jedhan.
Kanaan ala ‘’naannolee gidduutti dorgommiifi mormii hin barbaachisneef sababa yeroo ta’an ni agarra,’’ jechuun ibsan.
‘’Itoophiyaa amma jirtu keessatti caasaan humna addaa hin barbaachisu jechuun miseensonni humna addaa hin barbaachisan jechuu miti.’’
Miseensonni humna addaa naannolee waraana Kaaba Itoophiyaa irratti raayyaa ittisa biyyaa tumsuun hirmaataniiru.
Humni addaa Tigraayis yeroo lolli ka'e raayyaa ittisa biyyaa lolaa ture.

Madda suuraa, AFP
Itaamaajoor Shuumii Itti Aanaan Waraanaa Itoophiyaa Jenaraal Ababaaw Taaddese hundeeffamni humna addaa durumaa bu'uura seeraa hin qabu jechuun dubbatan.
Humni addaa naannolee raayyaa ittisaa tumsuun dantaa biyyaaf akkuma dhiige, lafeensaa cabe, lubbusaa dhabe yaaddoo hamaas ta'eera jedhan.
''Gama heera mootummaan yoo ilaalle humnoonni kunneen seeraan ala. Beekamtii heera mootummaa hin qaban. Heerri mootummaa poolisii naannolee qofaaf beekamtii kenna,'' jedhan.
Hunda caalaa ammoo humni kun saba bu'uureffachuun hundaa'uunsaa balaa guddaadha jedhan.
Hundeeffamuun humna addaa kun qaamolee siyaasaaf karaa faallaa heera mootummaa ta'een aangoo kenneeraaf jedhan.
''Waggoota sadan darban osoo tarkaanfii kana hojiirra hin oolchin kan turreefis aanga'oonni siyaasaa humna kana ofitti waan maxxansaniif. Kanaaf naannoon Tigraay fakkeenya,'' jedhan.
Walumaagalatti humna waltumsee biyya ijaaru osoo hin taane humna walmorkatutu heddummaate jedhan.
'Haa ta’u yoo jedhan hin ta’u... '
Humna addaa naannoleen hundeessan irratti durumaa falmiin ni barbaachisaafi hin barbaachisu jedhu adeemaa ture.
Osoo raayyaan ittisa biyyaafi poolisiin federaalaa jiru humni addaa maaliif barbaachise kan jedhan jiru.
Humni addaa aadaafi xiin-sammuu hawaasa keessa jiru gara caalu ni beeka jechuun barbaachisummaa isaa kan kaasaniis jiru.
Dhimma seeraan alatti, loogiifi badii akkasumas himannaa sarbama mirga namoomaa irratti ka'un humni kuni akka diigamu paartileen gaafataa turan ni jiru.
Guyyoota muraasa darban ‘’Humni addaa Amaaraa meeshaa hin hiikkatu’’ jedhuun hiriirri mormii magaalota Naannoo Amaaraa adeemsifamuu gabaafameera.
Kanneen murtee mootummaa kana morman keessaa tokko dhaaba mormituu ummata Amaaraaf akka falmu ibsu ABIN dha.
Dura taa’aan Itti-aanaa dhaabichaa Malkaamuu Shumiyyee Naannoon Amaaraa keessaanis ta’e alaa yaaddoo nageenyaa osoo qabuu murteen kuni yeroo isaa kan eeggate miti jechuun BBC’tti dubbatan.
Dabaluunis, ‘’Naannoo Amaaraan ala naannoon biraa meeshaa hiikkachiisuuf sochiin itti eegalame hin jiru,’’ jedhan.
Akkasumas, humna addaa deebisanii gurmeessuu irratti aangawoonni federaalaas ta’e naannoo humna addaa waliin marii godhan hin qabani jechuun himan.
Haa ta’u malee, aangawoonni mootummaa MM Abiy Ahimad dabalatee mariin gaggeeffamuufi naannolee hunda keessa kan raawwatamu ta’u ibsan.
Sochiin amma eegalame ‘hidhannoo hiikkachiisuu’ akka hin taaneefi inumaa ‘meeshaa dabalataa hidhachiisuu’ akka ta’e Itaamaazhor Shumiin I/Aanaa Raayyaa Itoophiyaa torban kana ibsaniiru.

Madda suuraa, Getty Images
Dhaabbileen siyaasaa kana dura ijaarsa humna addaa kana mormaa tura yeroo ammaa murtee mootummaa erga beeksise booda mormuu isaanii MM Abiy qeeqaniiru.
‘’Yeroo keessa seenne ilaallu muraasa kan hin jedhamne humni addaa naannolee diigamuu qaba jedhanii barreessaafi falmaa warra turanidha.
‘’Haa ta’u yoo jedhaniin hin ta’u, hin ta’u gaafa jedhaniin haa ta’u,’’ jechuu kan itti baredha jechuun qeeqan.
Dhaabi IZEMA fi Baaldaraas gama isaaniin humna addaa naannolee gurmeessuu akka deeggaran ibsan.
Haa ta'u malee, akkaataa hojiirra oolmaa isaarratti of eeggannoon akka barbaachisu himan.
IZEMA'n durumaa dhimma humna addaa irratti gaaffii kaasaa ture. ''Barfachuu isaatiin ala barbaachisummaa isaa irratti gaaffiin ka'u hin qabu'' jedhe.
Baaldaraas gama isaan 'haala amma jirun walqabatee hojiirra oolchuun fudhatama hin qabu' jedhe.
Dhaabbileen siyaasaa ummata Amaaraaf sosso'an gama TPLF badiin dhalatuu mala jedhuun yaaddoo ibsu.
Waliigaltee nagaa mootummaa fi TPLF hordofee humnoonni Tigraay meeshaalee jajjaboo hiikkachuun isaanii gabaafamuun ni yaadatama.












