Humna adda naannichaa deebisanii ijaaruun wal qabatee eddoowwan naannoo Amaaraa tokko tokkotti maaltu mudate?

Humna Addaa Amaaraa

Madda suuraa, AFP

Hojiin humna Addaa Naannoo Amaaraa caasaalee nageenyaa naannoo, federaalaa fi raayyaa ittisaa biyyaa keessatti hammachuu, eegalamuun mootummaan beeksiifamuu hordofee eddoowwan naannichaa kan mormaniitti muddamni uumamuu BBC Amaariffaa maddeen irraa odeeffateera.

Humni addaa naannichaa hidhannoo hin hiikkatu jechuun hiriira mormii gaggeessuusaanii Dura Taa’aa Ittaanaan Paartiin Sochii Biyyaaleessa Amaaraa (ABIN) Malkaamuu Shuumiyyee BBC Amaariffaatti himan.

Obbo Malkaamuu Shumiyee mormiiwwan sochii ummataa jechuun waamaman Lixa Gondar, Matammaa Yohaannis, Waldiyaa fi eddoowwan naannoolee birootti taasifamaniiru jedhan.

Kamisa Bitooteessa ALI 28, 2015 raayyaan ittisa biyyaa sochii hidhannoo hiikkachiisuu eegaluu fi eddoowwan tokko tokkootti walitti bu’insa mudachuu ilaalchisee odeeffannoon akka isaan qaqabee Obbo Malkaamuun dubbatan.

Gubbiyyee, Qobboo, Gondar irraa gara Baahir Daar geessan sochiileen daandii cufamuu akka turan fi raayyaa ittisaa fi hunma addaa jidduutti mudamni akka ture dabaluun himan.

BBCn Jimaata sa’aatiin booda jiraatoonni Waldiyaa, Dajanii fi Matammaa irraa akka dhagaheetti, gara waaree boodatti sadarkaa muraasaan mormii fi sochiin daandii cufuu akka ture ibsaniiru.

Obbo Malkaamuun ‘‘qabanaa’uufi gabi jedhuulleen’’ guyyaa Jimaataas muddamni olaanaa akka ture mirkaneeffachu dubbatan.

Mormii naannoowwan kanneenitti taasifamee akkasumas tarree gaaffilee ka’aanii ilaalchisee, caasaan naannoowwaniitti argaman odeeffannoo walitti qabaa jiraachuufi dhiheenyatti ifa akka taasisuu ibseera.

BBCn Komunikeshinii Mootummaa Naannoo Amaaraa fi Biiroo nageenyaa irraa haala naannicha keessa jiru irratti deeffannoo aragachuuf irra dedebiin yaalii taasisuulleen deebii argachuuf hin milkoofne.

Mootummaan gamasaatiin humnootii addaa hidhannoo hiikkachiisuu osoo hin taane haaluma karoora raayyaa biyyaaleessaa cimaafi jidduugaleessaa ta’e ijaaruuf qabameetiin ‘‘sochiileen humnootiin addaa naannoolee gara caasaalee nageenyaa adda addaatti akka seena dandeessisuu eegalamu’’ hime.

‘‘Humni bittinneeffamu hin jiru’’

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Humni addaa Naannoo Amaaraa odeeffannoo caasaalee federaalaa fi nageenya naannoo keessatti ni ijaarama jedhu dhagahuu hordofee, tarkaanfiichi humna addaa naannichaa hidhannoo hikkachiisuuf jechuun mormiifi muddamni umameera.

Waajjiirri Dhimmoota Komunikeeshinii Mootummaa Federaalaa garuu, hojiin deebiisanii caaseessuu kun kan naannoolee hunda ilaalattuu fi hidhannoo hiikkachiisuun kan wal qabatu akka hin taane ibseera.

Kanaan wal qabatees naannichatti kutaalee humna addaa muraasa keessatti ‘‘hojii deebiisanii ijaaruu fi kaayyoosaa sirriitti waan hin hubanneef, gama biraatiin ammo kanneen ajandaa badii hafarsan ta’e jedhanii oduu sobaa tamsaasaniin butamuun, gochaawwan adeemsicha gufachiisan mul’ataniiru’’ jechuun mormii dhagahame kufaa taasisaniiru.

Naannoon Amaaraa ibsa Jimaata Galagala baaseen, hojiin humna addaa deebiisanii ijaaruu naannoolee hunda keessatti kan raawwatamu ta’u kaasuun, ‘‘oduun humni addaa naannoo Amaaraa bittineeffamaa jira jechu kan dhugaarraa fagaateedha’’ jedhe.

Kanaafuu, miseensoonni humna addaa naannichaa fi uummanni ‘‘humni namaa humni addaa keenya hojii deebiisanii ijaaruu raawwataa jirus ergama faayidaa caalaatiif deebiisee ijaaruufi gahaa taasisuun dantaa naannoofi biyyaalessaatiif qopheessuufidha’’ jechuun humni addaa adeemsa deebiisanii ijaaruutiin bittinnaa’u akka hin jirre himeera.

‘‘Humni addaa socho’aa jira’’

Kanaan walqabatees kaampiiwwan humni addaa itti bobba’ee tokko tokkootti hojiiwwan ittigaafatamummaa nageenya kabachiisuu gufachiisan jiruu kan jedhan Obbo Malkaamuun, nyaanni gahaan qaqabaa waan hin jirreef gara eddoowwan garaagaraatti socho’aa jiru jedheera.

Humni addaa eddoo tokkoo gara biraatti socho’aa jiraachu kan himan Obbo Malkaamuun, eddo kam irraa akka socha’aa jiran garuu ‘‘sababii nageenyaatiif jecha akka rakkatan’’ BBCtti dubbatan.

Eddoowwan jedhaman kanneeniitti nyaanni yoom irraa qabee akka adda cite odeeffannoo akka hin qabne ibsan illeen, guyyaa Jimaataa garuu eddoowwan adda addaatti sochiileen jiraachu dabaluun himaniiru.

Tarii sochiin kunis miseensoonni humna addaa gara qaama deebii isaaniif kennuutti imaluuf yaalii taasisaa jiran ta’u mala jechuun tilmaama ka’an illeen, eddo qaqaban ilaalchisee odeeffannoo akka hin qabne ibsan.

Gama biraan ammo humnootiin addaa naannoo Koramiifi Allaamaaxaa turan bahuun gara naannoolee biraatti socho’aa akka jiran Kantiibaan magaalattii Obbo Haayilee Abarraa BBC’tti himaniiru.

Humni adda kunnee garam akka deemaa jiran akka hin beekne kan dubbatan kantiibaan kun, kanneen naannoo Koramii dhufanis ummanni keessummeessaa gaggeessaa jiraachu dubbatan.

Naannoowwan tokko tokkootti mudateera akkuma jedhame humna addaafi raayyaa ittisaa jidduutti gaarreeffannaan jiraachu baatulleen, Jimaata Ebla 7, 2023, raayyaan hidhattoota miseensoota Paartii Dimokiraatawa Raayaa Raayyuumaati jedhaman 52 to’annoo jala oolchuu Obbo Haayileen ibsan.

Paartichi waraanaa banuuf yaalee akka ture kan ibsan Kantibichi, humni Ummata Allaamaxaa Raayyaa jechuun waaman kana keessatti hirmaachuufi raayyaanis miseens garee kanaa to’achu dubbatan.

Gaaffii caasaa humna addaa Amaaraa diiguun kaase

Mootummaan caasaan humnoota addaa naannoolee adda addaa irratti jijjiramni taasifamuun gara raayyaa ittisa biyyaatti, gara poolisii federaalaa fi gara poolisii naannootti akka hammataman ibsamulleen, dura taa’aan ittaanaan paartii ABIN Obbo Malkaamuun odeeffanno qaba jedhaniin, ‘‘naannoo Amaaraatiin alatti humna addaa hiikkachiisuuf sochiin bakki itti eegalame hin jiru’’ jedhan.

Waajjirri Dhimmoota Komunikeeshinii Mootummaa garuu, murtichi aanga’oota naannoo hundaatiin qorannoon irratti gaggeeffamuun, garaagarummaa malee irratti kan waliigalameefi aanga’oota humnoota addaa fi miseensoota waliinis irratti waliigalte irra kan gahame ta’u ibsichaan himaniiru.

Obbo Malkaamuun gama saanitiin, federaalis ta’e naannoon Amaaraa humna addaa waliin marii kamuu hin taasifne jedhu.

‘‘Ummanni mormii olaanaa dhaggeessisaa fi haala aariifi burjaajii cimaan jiruutti’’ hojiin haala kana qulleessuu akka hin hojjatamne himu.

“Yaalii ariitii, girrigirriin fedhii ofii humnaan namatti fe’uuf taasifamuudha. Kun gochaa baayee itti gaafatamummaan hanqateedha dhaabbachu qaba,’’ jedhan.

Naannoo Amaaraatti caasaan humna addaa diigamu akka hin qabaannee kan cimsanii mrman Obboo Malkaamuun, naannichi keessoofi alaan kan rakkoo nageenyaatiif saaxilamee ta’u kaasu.

Waraana humnoota Tigraay waliin taasifamee, naanochatti namoonni nagaa hedduun kan dhuman akkasumas qabeenyaa hedduun barbadaa’u kaasu. Kana malees humnoota alaa kan jedhaniin Sudaaniifi humnootiin kaanis irra dedebiin dubbii barbaacha raawwatu jedhan.

Naannichatti nageenyi akka jiraatu kan taasise gochaa humni kun raawwatu ta’u kaasuun, naannawichatti humnoonni naannicha qoran humna humna addaatiin olii miti jedhu.

Itti dabalunis walitti bu’iinsa irra dedeebiin naannawa Axaayyeetti mudamus kaasaniiru.

“Naannichi kan yaaddoon nageenyaa ifaafi qabatamaa ta’e keessatti cime akka ta’e’’ kan hima Obbo Malkaamuun, murtichi kan yeroosaa hin eegamnee fi kan haala qabatamaa jiru hubannoo keessa hin galchine jedhan.

Rakkoolee siyaasaa biyyattii keessa jiru furuudhaaf mariin biyyaaleessaa kan jalqabame yoo ta’u, kanaanis dhimmoota irratti mari’atamu keessaa tokkoo caasaa mootummaa biyyaa dabalatee, haala ijaarsa humnoota nageenyaa akka ta’u abdii taasisuu.

Erga rakkooleen caasaa fi sirnaa erga furamaniin booda humni addaa hidhannoosaa hikkachuu ta’e dhimmi caasaa ka’u kan qabaatu jedhu.