Kaayyoon humna addaa naannolee akka haaraatti gurmeessuu maali? Egereen miseensotaa maal ta'a?

Miseensonni Humna Addaa Amaaraa lola Tigraay keessa adeemaa tureen mootummaa tumsuun qooda fudhataniiru

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Miseensonni Humna Addaa Amaaraa lola Tigraay keessa adeemaa tureen mootummaa tumsuun qooda fudhataniiru

Mootummaan Itoophiyaa humna addaa naannoleen garagaraa hidhachiisanii waggootaaf leenjisaa jiran caasaalee nageenyaa kaanitti hojii galchuu ifatti eegaluu beeksiseera.

Humna addaa naannolee bifa haaraan ijaaruun akkuma odeeffamu naannoolee murtaa'an keessatti qofa osoo hin taane naannolee hunda keessatti yeroo wal fakkaataatti kan gaggeeffamu tahuu Tajaajilli Komunikeeshinii Mootummaa ibsa idilee dhimmoota yeroo ilaalchisuun kenneen beeksiseera.

Humna waraanaa jabaa walabummaa biyyaa kabachiisu ijaaruun barbaachisaa waan taheef amma haaaromsi gaggeeffamaa akka ture himuun, humnoota addaa naannolee akka haaraatti gurmeessuun kunis qaama rifoormii kanaati jedheera mootummaan.

Murteen akka guutuu biyyaatti hojiirra oola jedhame kuni Naannoo Amaaraatti ‘oduu sobaa faca’een bakkee muraasatti danqaan mudatuu’ mootummaan ibseera.

Mootummaan Itoophiyaa amma humna waraanaa cimaa walabummaa biyya akabachiisuu danda'uu fi meeshaa ammayyaa'aa hidhate ijaaruuf humna addaa naanolee bifa haaraan gurmeessuu barbaachisaa tahuu himeera.

Paartileen mormituu naannicha keessa sosso’an kan kana dura humnootiin addaa akka diigaman gaafataa turan dabalatee ‘murteen kuni yeroo isaa hin eegganne’ jechuun akka morman ibsaniiru.

Humni addaa naannoleen leenjisanii hidhachiisaa turan poolisii idileen alatti leenjii waraanaas ni fudhatu. Haata’u malee, loogii, sarbama mirga namoomaafi kaaniin himannaan irratti ka’a.

Barbaachisummaa miseensota poolisii gara caalu bifa sabaan hundaa'an kana irrattis gaaffiin ka’aa ture.

‘’Mootummaan waraana tokkoofi hin qoodamne birmadummaa biyyaa fi tokkummaa bulchiinsa biyyattii eegu dandeessisu ijaaruuf kallatti kaa’eera,’’ jedha ibsi mootummaan baase.

Murteen mootummaa kuni eega waraanni kaaba biyyattiitti waggaa lamaaf adeemaa ture waliigaltee nagaan raawwatamee booda dhagahame.

Adeemsa humna addaa naannolee akka haaraatti ijaaruu

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Humna addaa naannolee bifa haaraan ijaaruun akkuma odeeffamu naannoolee murtaa'an keessatti qofa osoo hin taane naannolee hunda keessatti yeroo wal fakkaataatti kan gaggeeffamu tahuunis himameera.

Humna addaa bifa haaraan ijaaruun hidhannoo hiikachiisuu waliin wal hin qabatu kan jedhan Deetaan Ministira Tajaajila Komunikeshinii Aadde Salaamaawit Kaasaa, miseensota humna addaa naannoleef filannoon sadii kennamuu himan.

‘’Tokkoffaa miseensotni humna addaa naannoo kamiyyuu keessa jiran raayaa ittisa biyyaatti makamuu danda’u.

Kan lammataa naannooma jiran keessatti humna poolisiitti galuudha. Kan sadaffaa kanneen gara jireenya idilee siiviliitti deebi’uu barbaadaniif mirgi guutuun eegamee hojiirra kan oolu taha.’’

Miseensota humna addaa gara jireneya siiviliitti deebi’uu barbaadaniif kaffaltiin jireenya isaanii ittiin jalqaban kaffalamuuf waliigalamuu Aadde Salaamaawit himan.

Humna addaa naannolee bifa haaraan ijaaruun barbaachisaa tahuu qorannon kan adda bahe kan bubbule tahuu kan himan Aadde Salaamaawit Kaasaa, rakkoon nageenyaa naannolee tokko tokko keessa ture haaromsi kun yeroodhaan akka hin jalqane taasisuu eeran.

Waraanni kuni keessumaa waraana federaalaa fi humna addaa Naannoo Tigaay gidduutti eegalee eegasii qaamoleen adda addaa keessatti qooda fudhataniiru.

Akkaatuma kanaan ‘’humna addaa naannolee gara caasaalee nageenyaa garagaraatti akka seenan sochii eegaleera,’’ jechuun Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa kan ibse.

Dhimma kana irratti ajajoota humna addaafi miseensota waliin waliigalteerra gahamuu mootummaan himeera.

'Hidhannoo hiikkachiisuu miti'

Akka ibsa mootummaatti humni addaa waggootaaf leenji’aa turan diigamanii hafu osoo hin taane caasaa nageenyaa kaanitti dabalamu.

‘’Miseensonni humna addaa naannolee hunda keessa jiran akka fedha isaaniifi filannoo isaaniitti gara raayyaa ittisaa, poolisii federaalaafi miseensa poolisii naannootti dabalamuu danda’u.’’

Humni addaa naannoleen leenjisan kunneen yeroo waraana Kaaba Itoophiyaa Raayyaa Ittisa Biyyaa tumsuuf waamichi taasifameef hirmaataniiru.

‘’Ergamni ijoo adeemsa kanaa humna addaa kamuu hidhannoo hiikkachiisuu miti. Humni addaa meeshaa isaa qabatee,’’ akka fedha isaaniitti caasaalee nageenyaa kaan akka seenan gochuudha jedhe mootummaan.

Miseensi humna addaa adeemsa mootummaan ifa godheen hirmaachuu hin feene yoo jiraate ‘’mirgi isaa eegamee gara jireenya siviliitti akka seenu mootummaan tumsa barbaachisu ni taasisaaf.’’

‘’Sagantaan miseensota humna addaa caasaalee nageenyaa kaanitti galchuun guutuu biyyaatti kan raawwatamudha,’’ kan jedhe mootummaan ‘’yeroo walfakkaataatti’’ raawwataa jiras jedhe.

Kana dura bakkuma humnoonni addaa jiranitti Raayyaan Ittisa Biyyaa dabalataan bobba’uun nagaa kabachiisaa ture.

Akka ibsa mootummaatti, yeroo caasaa nageenyaa kaanitti galchaman ‘’nagaafi tasgabbii naannolee keessatti mirkaneessuuf raayyaan ittisa biyyaa bakka hundatti ergama fudhateera.’’

Miseensonni Humna Addaa Tigraay waraanni eegaluu dura meeshaa jajjaboo baachuun agarsiisa taasisaa turan

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Miseensonni Humna Addaa Tigraay waraanni eegaluu dura meeshaa jajjaboo baachuun agarsiisa taasisaa turan

Akka mootummana ibsetti, dhimmi kuni qorannoorratti bu'uura gochuun murtaa’e. Qorannoon kan waan qabate ifa hin taane.

‘’Kana dura hooggantoota naannolee hundaan qorannoon irratti taasifamee, bu’aa qorannoorrattis garaagartee malee murteerratti waliigalteen irratti gahameera,’’ jedha ibsi bahe.

‘’Adeemsi kuni humna dinagdee keenya walitti qabuun leenjii, hidhannoofi haala jireenya waraana keenya fooyyessuuf faayidaa olaanaa qaba,’’ jechuun ibse.

Kaayyoon humna addaa ijaaruu maal ture?

Akka gabaasaaleen mul’isanitti humni addaa Itoophiyaa kessa hundaa’u kan eegale naannoo Somaaleetti ALI bara 1988’tti dha.

''Humni addaa kunis kan hundeeffaame wal waraansa Adda Bilisa Baasaa Ogaadeen (ONLF) waliin tureenidha.

‘’Isaan booda ammoo Naannoolee Oromiyaafi Amaaraatti achiinis naannoolee biraattis adeemsichi babal'ate,'' jechuun qorataan Aminastii Intarnaashinaal kana dura BBC’tti himanii turan.

Miseensonni humna addaa naannolee keessatti argaman lakkoofsaan meeqa akka ta’an ifa miti. Kaayyoofi yeroon itti hundeessaniis garaagara.

Haa ta’u malee, yeroo adda addaatti naannoleen humna addaa ijaaraa turan. Haleellaan hidhattoota al-Shabaab kan itti jabaatu Naannoon Somaalee poolisii waraana leenji’e qaba.

Poolisiin humna addaa naannichaa hidhattoota ONLF yeroo dheeraaf lolaas turan. Haa ta’u malee, himannaan sarbama mirga namoomaa jabaatu irratti ka’a.

Waggoota shan dura walitti bu’iinsa daangaa Naannoo Oromiyaafi Somaalee irratti mudateen humni addaa naannichaa badii raawwate jedhamee himatameera.

Miseensonni humna addaa Oromiyaa hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) kan mootummaan Shanee jedhu waggoota muraasa darbaniif lolaa jiru.

Kunneen lola hidhattoota paarlaamaan Itoophiyaa tarree shororkeessummaan labse waliin taasisaniin ‘aarsaa guddaa kanfaluu’ mootummaan naannichaa ibseera.

Kana dura Obbo Shimallis Abdiisaa Pirezidantii I/Aanaa Oromiyaa yeroo turanitti kaayyoo hundeeffama humna addaa Oromiyaa yeroo ibsan akkana jedhan: ‘’ergamni qaama kanaa inni guddaan tokko injifannoo argame tiksuudha."

Miseensotni humna addaa Oromiyaa ''jijjiirama tiksuuf'' akka ijaaraman kana dura mootummaan ibseera

Madda suuraa, OBN

Ibsa waa'ee suuraa, Miseensotni humna addaa Oromiyaa ''jijjiirama tiksuuf'' akka ijaaraman kana dura mootummaan ibseera

Itti dabaluunis mirgaa fi faayidaa uummata Oromoo akkasumas nageenya naannicha mirkaneessuun qaama kanarraa eegamuus dubbatan.

Yeroos reefu bulchiinsi Ministira Muummee Abiy Ahimad mormii ummataan aangotti dhufeefi hidhattoota naannicha keessa sosso’an waliin dhibdeen dhalate ture.

Naannoleen biroos humna addaa mataa isaanii qabu. Haa ta’u malee, gaaffiin loogiifi pirofeshinaalummaa irratti ka’a.

Yunivarsiitiilee itoophiyaa rakkoon nageenyaa itti hammaatettis eegumsi poolisii humna addaarraa fuudhamee poolisiin federaalaa akka eegu taasifamuun isaa ni yaadatama.

Falmii humna addaarratti ka'u

Akkaataa ijaarsaafi barbaachisummaa humna addaa irratti yaada wal dhiibu lamatu ka’a: ni barbaachisaafi hin barbaachisu kan jedhu.

Osoo raayyaan ittisa biyyaafi poolisiin federaalaa jiru humni addaa maaliif barbaachise kan jedhan jiru.

Humni addaa aadaafi xiin-sammuu hawaasa keessa jiru gara caalu ni beeka jechuun barbaachisummaa isaa kan kaasaniis jiru.

Dhimmoota ijaarsa humna addaa waliin ka'an keessaa tokko bu'uura seeraa itti hundeeffamedha. Heerri Itoophiyaa keewwata 52 aangoofi itti-gaafatamummaa naannoolee labsa.

Keewwaticha kana jalattis naannoolee humna poolisii naannoosaanii ni ijaaru, ni hoogganu, nageenyaafi tasgabbii naannosaanii ni eegsifatu jedha.

Ogeessi seeraa kana dura dhimma kana irratti BBC’n dubbise, ijaarsi humna addaa bu’uura seeraa qaba jechuufis ta’e hin qabu jechuuf nama rakkisa jechuun gaaffii hanqina iftoominaa kaasu.

Ajajaan duraanii Raayyaa Ittisa Biyyaa Janaraal Adam Mahaammads ''Ijaarsi humna addaa kallattii Heera Mootummaatiin yoo ilaalamee bu'uura seeraa hin qabu,'' jechuun kana dura dubbatanii turan.

Dhimma seeraan alatti, loogiifi badii akkasumas himannaa sarbama mirga namoomaa irratti ka’un humni kuni akka diigamu paartileen gaafataa turan ni jiru.

Gareen mirga namoomaaf falmu Aminastii Intarnaashinaalis itti gaafatamni mul’ataa waan hin jirreef akka bittimfaman gaafatee ture.