'Humni Addaa' Oromiyaan ijaare maaltu adda godha, ergamni isaahoo?

Madda suuraa, OBN
Mootummaan Naannoo Oromiyaa poolisii 'humna addaa' ji'oota jahaaf saayinsii loltummaan leenjisaa ture kumootaan lakkaa'aman eebbisiiseera.
Humna addaa kana jiddugala leenjii Awaash Bishoolleetti argamuun kan eebbisiisan Pireezidantii Itti-aanaa Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa "ergamni qaama kanaa inni guddaan tokko injifannoo argame tiksuudha" jedhan.
Itti dabaluunis mirgaa fi faayidaa uummata Oromoo akkasumas nageenya naannicha mirkaneessuun qaama kanarraa eegamuus dubbatan.
Itoophiyaa keessatti naannoleen humna addaa qabaachuu hin qaban kanneen jedhan lakkoofsi isaanii laayyoo miti.
Bu'uura seeraa naannoo Oromiyaa humna addaa kanneen ittiin ijaaree fi hojii isaan irratti fuulleffatan BBC'n gorsaa nageenyaa pireezidantii itti aanaa Oromiyaa Birgaader Janaraal Haayiluu Gonfaa gaafateera.
Biyya sirna federaalaan bultu tokko keessatti naannoleen poolisii mataa ofii ijaarrachuun waan baratameefi bu'uura seeraas kan qabudha jedhu Birgaader Janaraal Hayiluun.
Seerri biyyattii naannoleen of danda'anii of bulchu jedha kan jedhan aanga'aan kun, naannoleen poolisii mataa ofii akka ijaarratan labsiin tumameera jedhu.
Mootummaan naannoos akkaataa ofiin of bulchuu danda'uufi nageenya naannoo isaa to'achuu akka danda'utti poolisii ijaarrata jedhan.
Naannolee jidduutti yaaddoo uumaa?
Akkaataan kanaan dura naannoleen humna addaa ittiin ijaaraa turan 'tokko kan biraa miidhuuf' waan ta'eef yaaddoo uumuun hin oolu jedhu qondaalli waraanaa duraanii kun.
"Kanaan dura humni adda nagaa naannoo isaa eeguuf osoo hin taane nagaa naannoo biraa jeequuf ijaaramaa ture, kun yaadannoo yeroo dhiyoti" jedhu.
Haa ta'u malee humni addaa rakkoo nageenyaa daangaa naannoo tokkoo keessatti uumamu to'achuufi olaantummaa seeraa kabachiisuuf malee naannoo biraaf ijaaramuu hin qabu jedhu.
Humni addaa mootummaan naannoo Oromiyaa eebbisiisef bu'uuruma kanaan ijaarame jechuun dubbatu.
Gama kaaniin naannoon tokko humna addaa ijaarrate kaan akka hin ijaarranne godhamaa ture kan jedhan qondaalli kun sun akka hin godhamne madaala eeguun barbaachisaadha jedhan.

Madda suuraa, OBN
Naannoleen seeraa ofii isaaniirratti hundaa'uun akka amalaa fi gahee biyyattii keessatti qaban irratti hundaa'uun humna addaa ijaarratu jedhu.
Naannoon Oromiyaa handhuura biyya kanaa ta'uufi jiddugala siyaas-diinagdeef, hawaasummaa fi dippiloomasii ta'uurraa kan ka'e ergama dachaa qaba jedhu.
"Tokko nagaa naannoo ofii tiksuu, lammata ammoo akka biyyaattis Oromiyaan nagaa ta'uuniifi humna jabaa qabaachuun murteessaadha" jedhan Birgaader Janaraal Haayiluun.
Haa ta'u malee, humni addaa naannoleen ijaarratan lakkoofsa uumataa isaaniifi humna diinagdee isaanii waliin kan wal madaalu ta'uu qaba jedhu.
Humna kana maaltu adda godha?
Humna addaa amma ijaarame kana wantoota adda godhan keessaa tokko dargaggootaan ijaaramuudha jedhu Birgaader Janaraal Hayiluun.
"Dhibbeentaan sagaltamni dargaggoota jijjiirama kana fidaniin kan guutamedha" jedhu.
Kaayyoo fi galii jijjiirama kanaa sirriitti kan hubataniidhas jedhan.
"Miseensotni humna addaa kanaa, seera biyya kanaa kanaan dura sharafamee maqaa qofaan jiru sana lafarratti gadi buusuuf ijaaramani. Akka kanaaf ta'uttis leenji'ani."

Madda suuraa, FBC
Kan isaan tajaajila uummata Oromoo fi uummata biyya kanaati. Kanas sirnaan baratanii itti leenji'aniiru jedhan.
Humni kun amala poolisiin qabaachuu qabu tokko 'professional' kara ta'een kan leenji'aniifi humna poolisiin olitti wanta Oromiyaaf yaaddoo ta'u kamiyyuu qolachuu akka danda'utti ijaarame jedhan.
Jiddugaltummaa poolisii federaalaafi raayyaa ittisaa...
Kanaan dura ta'e jedhame naannoo Oromiyaa keessatti qaamni nageenya naannichaa eegu haphifameera jedhu qondaalli waraanaa kun.
"Kanaaf mandara tokkotti rakkoo wayii uumanii, sababa sanaan mootummaan federaalaa humna jidduugalaa ture" jedhu.
Akka seeraatti mootummaan federaalaa humna nageenyaa kan bobbaasu yoo mootummaan naannoo gaafate qofa kan jedhan aanga'aan kun kanaan dura garuu poolisiin federaalaa fi raayyaan ittisaa osoo mootummaan naannoo hin beekiin bobbaafamaa ture jedhu.
Humni addaa mootummaan Naannoo Oromiyaa amma ijaare kun nageenya naannoo Oromiyaa ofiin to'achuu kan dandeessisu jedhu.
"Wanti ganamaa galgala waan naannoo kee keessatti uumameef federaala waamtuuf hin jiru, of dandeessee hojjetta" jedhu.
Kun mootummaa federaalaafis bu'aa guddaa qaba kan jedhan qondaalli kun mootummaan federaalaa waan humna naannootiin ol ta'e qofaaf humna bobbaasa jedhan.

















