'Humni addaa naannolee seeraan ala waan hundaa'aniif seera qabsiisuu qabna' - Jen. Ababaaw Taaddase

Madda suuraa, EBC
Humni addaa naannolee hundeeffamuun bu'uura heera mootummaa kan hin qabne waan ta'eef hojii humna addaa kana seera qabsiisuu hojjetaa jirra jedhan Itaamaajoor Shuumii Itti Aanaan Humna Waraanaa Itoophiyaa Jenaraal Ababaaw Taaddese.
Jenaraal Ababaaw riforrmii humna nageenyaa biyyattii fi haala qabatamaa yeroo ammaa irratti miidiyaa mootummaan -EBC waliin turtii taasisaniin, rifoormiin waraanaa biyyattii waggootaa afur dura eegaluu fi dhimmi humna addaa naannolees qaamuma rifoormii kanaa ta'uu eeran.
Qormaataawwan nageenyaa fi birmadummaa biyyaaf yaaddoo ta'an keessaa tokko humnoonni maqaa sabaan hidhatan heddummaachuudha jedha qondaalli waraanaa kun.
''Yeroo keenya rakkoo karaa kaabaa mudate toora qabsiisuurratti dabarsine. Isa xumurree wayita gara giddugala biyyaatti deebinus dhimmoonni toora hin qabanne jiru. Isaan toora qabsiisaa turra,'' jedhan.
Itoophiyaa keessa hidhatee socho'uu kan danda'u Raayyaa Ittisaa fi Humna Tikaa biyyattii qofadha kan jedhan Jenaraal Ababaaw, kanaaf bu'uurri heera mootummaati jedhan.
Hidhattoota mootummaadhaan lolan naannolee Amaaraa, Oromiyaa, Beenishaangul Gumuz, Gambeellaa hundasaanii waliin dhibdee jiru mariidhaan furuuf hojiin hojjetaa jiraachuu eeran.
''Humnaan deemuun garuu nama hin baasu. Humni raayyaa ittisaa keenya naannolee kunneen seera qabsiisuuf deema. Waan hunda toora qabsiifna.''
Yeroo ammaa yaaddoon nageenyaa Itoophiyaa maali?
Akka Jenaraal Ababaaw jedhanitti yeroo ammaa Itoophiyaaf yaaddoo nageenyaa guddaa ta'ee kan jiru humnoota maqaa sabootaan of gurmeessaan humnaan aangoo qabachuuf socho'aniidha.
Humnoota kunneen waliin rakkoo jiru mariidhaan furuuf mootummaan kutannoo qabaachuu kan himan qondaalli waraanaa biyyattii kun, ''garuu Itoophiyaa keessatti meeshaa waraanaan aangoo qabachuun inuma hin danda'amne,'' jedhan.
Qaamni biyya kooti jedhee qabsaa'u kamuu gadi taa'ee waa'ee dhimma biyyasaarratti mari'atee ga'eesaa gumaachuu qaba jedhan.
''Didee humnaan kan deemuu fedhu yoo jiraate, waraana kaabaa irraa hin baratu taanaan nuti ni barsiifna.''
''Tarkaanfiin keenya humna seeraan ala hundaa'e seera qabsiisuudha''
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Yeroo ammaa mootummaan tokummaa biyya daran cimsuu sababa jedhuun humna addaa naannolee irra deebiin gurmeessaa akka jiru ibseera.
Karoora mootummaa kana gamanumaa diddaan mudachuu eegaleera.
Haala kanaan tarkaanfii fudhatamu keessatti hireen humnoota addaa maal ta'a? Hojiirra oolmaansaa haala kamiin hordofama?
Dhimmoota kunneen irratti yaada kan kennan Jenaraal Ababaaw Taaddese, humni addaa naannolee hundeeffamurraa bu'uura seeraa hin qabu jedhan.
''Kan wabeeffannu heera mootummaa. Akkaataa heeraa kanaan ammoo biyyattii keessatti humni hidhatee socho'uu danda'u raayyaa ittisaa fi poolisii federaalaati.''
Naannoleen hunduu humna addaa bal'ina teessuma lafaa naannoosaaniin walgitu qabu kan jedhan Jenaraal Ababaaw, ''akka waan biyya ta'ee hunduu kutaa waraanaa ciccimaa ijaarratee jira,'' jedhan.
Humni addaa naannolee raayyaa ittisaa tumsuun dantaa biyyaaf akkuma dhiige, lafeensaa cabe, lubbusaa dhabe yaaddoo hamaas ta'eera jedhan.
''Gama heera mootummaan yoo ilaalle humnoonni kunneen seeraan ala. Beekamtii heera mootummaa hin qaban. Heerri mootummaa poolisii naannolee qofaaf beekamtii kenna,'' jedhu.
Hunda caalaa ammoo humni kun saba bu'uureffachuun hundaa'uunsaa balaa guddaadha jedhan.
''Inni kan Oromiyaa 'uummata Oromoof lubbuu kiyya nan kenna' jedhee waadaa gala. Kun Amaaraaf dhimmasaa miti. Inni kan Amaaraas akkas yoo jedhu Oromoof dhimmasaa miti. Kaanis akkasuma. Kun ammoo waliin jireenya sabootaaf yaaddoodha.''
Hundeeffamuun humna addaa kun qaamolee siyaasaaf karaa faallaa heera mootummaa ta'een aangoo kenneeraaf jedhan.
''Aangoon siyaasaa akkaataa heera mootummaatiin sagalee uummataatiin kennama. Namoonni siyaasaa yoo kanaan dadhaban humnaan deemu. Kanaaf ammoo humna kana fayyadamu.''
''Waggoota sadan darban osoo tarkaanfii kana hojiirra hin oolchin kan turreefis aanga'oonni siyaasaa humna kana ofitti waan maxxansaniif. Kanaaf naannoon Tigraay fakkeenya,'' jedhan.
Walumaagalatti humna waltumsee biyya ijaaru osoo hin taane humna walmorkatutu heddummaate jedhan.
Kanaaf humna naannoleen qaban kunneen seeraan qabsiisuun akkamiin itti fayyadamuu akka dandeenyuuf rifoormiin kun barbaachise jedhu qondaalli waraanaa kun.
Kanaan achi waa'ee bittinneessuu fi hidhannoo hiikkachiisuu wanti jedhame hin jiru.
''Humna kana itti fayyadamuuf murteessine. Kan raayyaa ittisaa galuu fedhu raayyaa ittisaa, kaan poolisii federaalaa kaan ammoo poolisii idilee naannoleetti makamuun akkaataa fedhasaaniin hojjechuu danda'u.''
Humna nageenya biyyaaf wabii ta'e kan saba, amantii, siyaasaan hin qoqqoodamne ijaaruun biyyaaf akkaan murteessaadha jedhan Jenaraal Ababaaw Taaddase.
''Humnaan aangoo qabachuun akka hin danda'amne waraana kaaba biyyattiirraa baradhaa!''
Kan nama aangessus kan nama buusus uummata kan jedhan Jenaraal Ababaaw Taaddase, kan humnaa aangoo qabachuuf yaadu waraana Tigraay irraa haa baratu jedhan.
''Golgaa maqaa sabaatiin biyyatti hookkaraa fi goolama kaasee kan aangoo qabachuu barbaadus kanaan booda hin milkaa'u.''
''Oromiyaa keessa humni hidhatee socho'u 'Shanee' jedhamu jira. Lixa biyyattiis gareen biraa jira. Hidhannoo hiikkatee karaa nagaatti yoo deebi'e wayaaf. Yoo danda'an karaa nagaan haa dhufan. Yoo didan garuu ni balleessina,'' jechuun dhaadatan.
Namoonni siyaasaa tokko tokko Itoophiyaan akkaataan hundeeffamasheetuu bu'uura cimaa hin qabu, salphaatti diigamti jechuun waggootaaf dhaadataa ba'an jedhan qondaalli kun.
''Namni qixa sirrii ta'een Itoophiyaa beeku ni diigamti jedhee afaan guutee hin dubbatu,'' jedhan.
Kana qolachuuf raayyaan ittisaa cimaan tokkichi qofti akka ijaaramuuf uummanni Itoophiyaa akka isaan cinaa dhaabbatu gaafatan.
Finxaaleyyiin biyya keessas ta'e biyya alaa teessanii biyya jeeqxan uummataaf gadduu qabdu jedhan.
''Jeequmsa uumuun aangoo qabachuuf (dantaa siyaasaa bakkaan ga'achuuf) yaaluun dhiiga dhangalaasuu malee bu'aa takkallee hin buusu.''
Kana qolachuuf humni ga'umsa qabu qophaa'ee jira jedhu qondaalli kun.
Jenaraal Ababaaw Taaddesee qaamolee siyaasaaf wayita dhaamsa dabarsan, ''nuti dhimma keessan keessa hin seenne, isinis dhimma keenya keessa hin seeninaa,'' jedhan.
Mootummaan naannoo Amaaraa maal jedhe?
Mootummaan naannoo Amaaraa humna addaa naannolee bifa haaraan gurmeessuu ilaalchisee tarkaanfii mootummaan fudhaterratti ibsa baaseen, kun biyyaaf tarkaanfii murteessaa ta'uu eereera.
''Tokkummaa ummataa fi nagaa waaraa mirkaneessuu, fi faayidaa dinagdee waloo mirkaneesssuuf hojii barbaachisaa ta’ee fi kana dhugoomsuuf naannolee hundi hojiitti hiikuu waan qabaniidha,'' jedha ibsi kun.
Qaamoleen naannocha keessa socho'an tokko tokko tarkaanfiin kun humna addaa Amaaraa qilleensarratti bittimsa jechuu uummata naannochaa fi humna addaa naannochaa gidduutti qoqqoodiinsa uumuuf yaalaniiru akka ibsi kun jedhutti.
Gochi kun qabatamaatti humna addaa fi uummata keenya jeeqaa jira jedha ibsichi.
Mootummaan naannoo Amaaraa murtee dantaa uummataa faallessu kamuu hin fudhatu kan jedhu ibsichi, miseensonni humna addaa fi uummati naannochaa qaamolee diigumsa uumuuf socho'an akka hin tumsine gaafateera.
Tarkaanfiin kun erga miseensonni humna addaa fi uummanni bal'inaan irratti mari'atanii waliigalanii booda hojiitti hiikama kan jedhu ibsi kun, kanaaf miseensonni humna addaa mooraa yookiin ammoo iddoo itti ramadamanii hojjetaa turanitti deebi'uun obsaan akka eeggatan gaafateera.












